Koroonaavaayiras: Donaald Tiraamp qorichi hydroxychloroquine Covid-19 fayyisa jechuun irra deebiin falmaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qorichi hydroxychloroquine Covid-19 wal’aanuuf fayyada jedhanii falmuutti cichuun, yaada qondaaltota fayyaa biyyattii faalleessan.
Pirezedantichi ''dawaan dhibee busaa kun Covid-19 wal’aanuuf fayyada jedhee yaada dhiyeessuu kootiif qofa fudhatama dhabe,'' jedhanii falman.
Tiraamp yaada kana irra deebiin kan dhiyeessan wayita ilmisaanii angafti viidiyoo qorichi kun akka gurguramu dhaadhessuuf maxxanse toora tiwitara gubbaarraa akka hin mul'anne uggurametti.
Qaamoleen bu’a qabeessummaa qorichaa to’atan, dawaan farra busaa kun koronaavaayirasii wal’aanuuf akka fayyadu ragaan hin argamne jechuun, sirumayyuu rakkoo onneef nama saaxila jedhan.
Ji’a darbe Bulchiinsi nyaataa fi qorichaa Ameerikaa (FDA) haayidiroksikilorkiin koronaavaayirasii wal’aanuuf liqimsuun dhahannaa onnee jeequun rakkoo fayyaa biraaf nama saaxila jedhe.
Jaarmiyaan fayyaa biyyattii kun wal’aansa yeroo muddamaaf qorichi kun akka hin oolle ajajee ture.
Haaluma walfakkaatuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas ammatti qorichi haayidiroksikilorkiin Covid-19 ittisuu akka danda’u ragaan mirkaneessuu hin jiru jedhee ibsee ture.
Dhaabbatichi jaarmiyaalee fayyaa Ameerikaa fi qorattoonni dhimmaa fayyaa addunyaarraa jiran akka qoratan ajajuun,qorichi kun nama fayyisuu danda’uusaa ragaa agarsiisuu dhabaniiru.
Maanguddoon ganna 74 Tiraamp qorichi kun dhibee addunyaa weerare kana akka wal’aanuu dubbachuun isaanii kan jalqabaa miti, ji’oota lama duras qoricha haayidiroksikilorkiin anis fudhachaan jira jedhanii gaazixessitoota ajaa’ibsiisaniiru.
Tiraamp kaleessas ‘'yeroo ani nama fayyada jedhee yaada dhiyeesse itti hin gargaramiinaa jechuu jaalatu,'’ jedhan.
Kana malees, ilmasaanii wajjin hakiimonni qorichi kun Covid-19 wal’aanuuf akka oolu dhaadhessuuf viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti wiixata qoodaniiru.
Tiwitarii fi Feesbuuk qabiyyee nama burjaajesssu ta’uu fayyadamtoota akeekkachisuun haqaniiru. Sana dura garuu namoota miliyoona 17 ta’anitu viidiyoo kana ilaale.
Toorri tiwitaraa ilmi Tiraamp viidiyoo kana qoodusaatiif sa’aatii 12’f homaa akka hin maxxansine adabuuf dhorkee ture.
Sa’aatii 24 keessatti Ameerikaatti namoonni 1,600 du’uun, ji’a tokko keessatti lakkoofsi namoota du’anii olaanaan wayita galmaa’e kanatti Tiraamp kana dubbatan.
Ameerikaatti waligalaatti namoonni miiliyoona 4.3 koronaavaayirasiin qabaman keessaa namoonni 149,000 lubbuun dhabaniiru.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














