Qoricha koronaavaayiras: Qoricha dhibee Covid-19 fayyisu yoom argannaa?

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaarratti namoonni 350,000 ol dhibee Covid-19n lubbuun isaanii darbeera. Haata'u malee, hanga ammaatti qorichi doktoroonni ittiin dhibee kana fayyisan mirkanaa'eeru hin jiru.
Guutummaa addunyaa irratti akaakuuwwan qorichoota 150 ol ta'an irratti qorannoowwan gaggeeffamaa jiru. Hedduun isaanii ammoo qorichoota kanan dura vaayirasiitiif yaalamaa turanidha.
Haata'u malee, guutummaa addunyaarratti hojiin qorichaafi talaallii dhibee kanaaf fala ta'u barbaaduun saffisaafi baayyinaan itti fufee jira.
Kanaaf, qorichoota lubbuu oolchu jedhamanii addunyaan eeggachaa jirtu kana argachuutti hangam dhiyaanneerraa?
Qorichoota fayyisan argachuudhaaf maaltu hojjetamaa jiraa?
Guutummaa addunyaa irratti qorichoonni garaa garaa 150 ol ta'an qoratamuutti jiru. Isaan keessa garri caalan ammoo qorichoota kanaan dura jiran ta'ee dhibee vaayirasiirratti kan yaalamaa jiranidha.
- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n sosochii qoricha barbaaduu yaalii waliini (solidarity trial) jedhamu qorichoota baayyee abdachiisoodha jedhaman qorachuuf jalqabsiiseera.
- UKn ammoo kan yaaliin Fayyisuu (Recovery trials) isaa akka addunyaatti hunda caalaa guddaadha jedhameefi, kan dhukkubsattoonni 5,000 ol ta'an irratti hirmaataa jiranitti jirti.
- akkasumas wiirtuuwwan qorannoo guutummaa addunyaarra jiran akka qoricha fayyisuutti dhiiga namoota dhukkubsatanii fayyanii fayyadamuudhaaf yaalaa jiru.
Qorichoota akkamiiti hojjechuu danda'aa?
Qorannoo karaa gurguddoo sadiitu gaggeeffamaa jira:
- Qorichoota farra vaayirasii warra kallattiidhaan akka koronaavaayirasiin qaama namaa keessatti hin guddaneef dhiibbaa irratti taasisud
- Qorichoota warra sirna qaamaa dhukkuba ofirraa ittisuu (immune system) tasgabbeessan - dhukkubsattoonni yeroo sirni dhukkubarraa of ittisuu (immune system) qaama isaanii gara malee dammaqee ka'ee dhukkubaa ittisuuf yeroo ka'utti ofuma isaayyu qaama irratti miidhaa biraa fida.
- Farreen dhukkubaa qaama keessaa (antibodies), dhiiga namoota dhukkubsatanii fayyaniirraa ykn kan laaboraatoorii keessatti hojjetame vaayirasicha ofirraa deebisuu danda'u
Qorichi koronaavaayirasii hunda caalaa abdachiisaa isa kamii?
Dr Biruus Ayilwaard, Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa, erga Chaayinaa daawwatanii booda akkas jedhan, remdesivir qoricha tokkicha mallattoowwan milkaa'inaa agarsiisedha.
Qorichi farra vaayirasii kun jalqaba isaa kan hojjetame Iboolaa ittiin fayyisuuf ture garuu filannoowwan biroo isa caalaa bu'a qabeessa ta'uun mirkanaa'etu argame.
Yeroo sanaraa kaasee qorichi kun qorannoo lubbu-qabeessa (bineeldota) irratti taasifameen bu'a qabeessa ta'uun isaa waan bira ga'ameef dhukkuba koronaavaayirasii nama ajjeesu kana fayyisuudhaaf baayyee abdatameera.
Bu'aawwan miliqanii bahan yaaliiwwan Yunvarsiitii Chigaagoodhaan gaggeeffame jedhames akka jedhametti qorichichi bu'a qabeessadha.
Qorichi kun qorichoota afur tarreefffama solidarity trial kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa tokko yoo ta'u, dhaabbanni qorichicha omishu, Gilead, illeen yaaliiwwan isaa qindeessaa jira.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Qorichoonni HIV koronaavaayirasii fayyisuu danda'uu?
Kanarratti wanta baayyeetu odeeffama garuu qorichoonni HIV lamaan - lopinavir fi ritonavir - koronaavaayirasii fayyisuudhaaf ni gargaaru kan jedhu ragaa xiqqootu jira.
Qorichoonni kunneen laaboraatoorii keessatti hojjetuu ni danda'u kan jedhu ragaan hanga tokko ni jir, garuu qorannoowwan nama irratti taasisan kan nama gaddisiisanidha.
Qorichoonni HIV kunneen lamaan walitti fayyisuu foyyeessuu, du'a hir'isuu ykn sadarkaa vaayirasichaa dhukkubsattoota Covid-19 hamaa qaban keessaas xiqqeessuu hin dandeenye.
Haata'u malee, yaaliin kanaa kan taasifames dhukkubsattoota cimaa dhukkubsatanirratti waan taasifameef (harka afur keessaa tokkotti kan dhiyaatan ni du'an). Tarii qorichichi hojjechuudhaaf sadarkaan dhukkubichi irra gahe kan baayyee ture ta'uu danda'a.
Qorichoonni busaa koronaavaayirasii dhaabuu danda'uu?
Qorichoonni busaa qaama yaaliiwwan Solidarity fi Recovery warra jedhameeti.
Kiloorookiniifi kan isa fakkaatuufi isarraa bahe hayidirookiloorookiniin amaloota farra vaayirasiifi immune-tasgabbeessuu qaba.
Qorichoonni kunneen koronaavaayirasii fayyisuuf humna qabu jedhamee akka tasaa qalbii namaa keessa galan, keessumaa sababii Pirezedaant Tiraamp dubbatanii booda. Haata'u malee, hanga ammaa bu'a qabeessummaa isaaniirratti raggaa xiqqaatu jira.
Hayidirookiloorookiniin Hydroxychloroquine dhibee rheumatoid arthritis wallaanuufis ni gargaara, sababiin isaas sirna dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qamaa to'achuuf gargaaruu waan danda'uuf.
Qorannoowwan laaboraatoorii koronaavaayirasii ittisuu akka danda'u agarsiisaniiru, akkasumas dhukkubsattoota gargaaruu akka danda'u ragaan doktoroonni dhugaa bahanis ni jira.
Haata'u malee, ragaan jala muramee bu'a qabeessummaa isaa mirkaneessu hin jiru jedha WHO.
Waa'een qorichoota dandeettii dhukkubsa ofirraa ittisuu qaamaa (immune) ammoo maal fakkaataa?
Yoo dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa (immune) gara malee ka'e guutummaa qaamaa keessatti dhukkubbii uumuu danda'a. Kun sirna dhukkuba ofirraa ittisuu qaaamaa deggaruuf ni gargaara ta'a garuu yeroo baayyee akka malee cimee ka'e garuu guutummaa qaamaa irraan miidhaa geessisuun ajjeesuullee ni danda'a.
Yaaliin Solidarity jedhamu wanta qaama keessatti keemikaala uumee vaayrasii ofirraa lolu interferon beta jedhamu qorachaa jira. Wanti interferon beta jedhamu kun ammoo wanta qaama keessatti jajjabaateefi jijjiirama dide hedduu isaa walaanuudhaaf kan gargaaru yoo ta'u dhukkubbii qaama keesatti uumame xiqqeessa.
Interferon garee kemikaalotaa qqamni yeroo vaayirasiidhaan miidhaan irra gahu gadhiifamudha.
Kan UKn yaalaa jirtu UK Recovery Trial jedhamu ammoo deksaametaazon (dexamethasone) qorachaa jira. Dexamethasone caasaa molokiyuulotaa kaarbonii of keessaa qabuufi orgaaniik kompaawodii ta'e dhukkubbii qaama keessatti uumame hir'isuuf gargaara.
Dhiigni namoota dhukkubssatanii fayyanii koronaavaayirasii fayyisuu danda'aa?
Namoonni dhukkubsatanii fayyan qaama isaanii keessatti dandeettii dhukkkuba qaamarraa ittisuu (antibodies) kan vaayirasicha haleelu qabaachuu danda'u.
Yaadni kanaa pilaazmaa dhiiga fudhattee isa nama dhukkubsatuuf akka qorichaatti kennitaaf jechuudha.
(Pilaazmaa jechuun dhiiga antibodies baatu).
Ameerikaan mala wallaansa "convalescent plasma" jedhamuun beekamuun hanga ammaatti dhukkubsattoota 500 wallaanteetti. Biyyoonni biroos itti hirmaataniiru akkasuma.
"Convalescent plasma" jechuun pilaazmaa nama dhukkubsatee fayyeen walaanuu jechuudha.
Qoricha fayyisu argachuuf hangam tura?
Qoricha koronaavaayirasii fayyisuu danda'u yoom akka argannu baruudhaaf yeroon isaa hin geenye.
Haata'u malee, bu'aawwan yaaliiwwanii ji'oota muraasa keessatti argachuu jalqabuu qabna. Talaallii (kan wallaansa fayyisuuf osoo hin taane akka qaamni dhukkuba ofirraa ittisuuf gargaaru) bu'a qabeessadha jedhamu argachuu dura qorichoota dursinee argachuu malla.
Kanaaf ammoo sababiin, doktoroonni qorichoota duraan hojjetamanii jiran qorachaa jiru waan ta'eef isaan fayyadamuun ammoo kan miidhaa hin qabne ta'uu danda'a. Talaalliin garuu kan qorattoonni duwwaarraa ka'anii hojjetanidha.
Qorichoonni koronaavaayirasii guutummaan guutuutti haaraa, yaalamaa jiranis laaboraatoorii keessatti qorayamaa jiru garuu hanga ammaatti dhala namaarratti yaaluudhaaf hin qophoofne.
Qoricha maaliif barbaadnaa?
Sababiin hunduu beekuuf nuti qoricha barbaadnuuf lubbuu waan oolchuufidha, garuu ammoo tarkaanfiiwwan sochii dhorkuu kaawwaman akka kaafamaniifis ni hayyamaayyu.
Qoricha bu'a qabeessa qabaachuun koronaavaayirasii dhkkuba salphaa taasisa.
Yoo namoota sadarkaa hospitaala geeffamuun wallaansa ventileeteraan taasifamu barbaaduu irraa isaan hambis, yaaddoon kunuunsa addaa warri barbaadaniin namarra galagaluu xiqqeessa jechuudha. Kanaaf, to'annaan jireenya namaarra kaa'amu cimaa ta'uu dhiisuu mala jechuudha.
Kanaaf doktoroonni yeroo ammaa akkamiin dhukkubsattoota wallaanaa jiruu?
Yoo koronaavaayirasiidhaan qabamtan, namoota gara caalaniif dhukkuba salphaadha waan ta'eef manu keessatti siree isaaniirra boqochuun, parastaamoliifi dhangala'aa hedduu fudhachuun fayyuu ni danda'u.
Garuu ammoo namoonni hanaga ta'e wallaansa addaa itti dhiyeenyaan hordofan hospitaalatti kan akka deggersa oksijiinii ventileeteraan deggeruu gaafatu isaan barbaachisa.














