Koronaavaayirasii: Ameerikaan talaallii jalqabaa namoota fedha qabaniirratti yaalaa jirti

Talaallii

Madda suuraa, Getty Images

Yaaliin talaallii weerara koronaavaayirasii ittisuu yeroo jalqabaaf US keessatti dhala namaa irratti taasifame.

Dhaabbata qorannoo Kaiser Permanente jedhamu Siyaatil, Waashingiteen keessatti argamutti namoonni afur talaallii jalqabaa kana waraannachuu isaanii Ejensiin oduu Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.

Talaallichi Covid-19 qaqqabsiisuu hin danda'u garuu koodii qaccee sanyii miidhaa hin qaqqabsiifne kan dhukkuba koronaavaayiras irraa waraabame qaba.

Ogeessonni akka jedhanitti talaalliin kun ykn kanneen biroo qoratamaa jiran hojjechuu isaanii baruudhaaf malee ji'oota baayyee barbaachisa.

Namni jalqaba talaallii kana waraannatte haadha ijoollee lamaa umuriin ishee waggaa 43 Siyaatil jiraattudha.

"Wanta tokko hojjechuudhaaf kun anaaf carraa ajaa'ibaati," jechuun AP'tti dubbatte Jeniifer Haalar.

Saayintistoonni guutummaa addunyaa irratti qorannoo dhibee kanaa saffisiisaa jiru.

Yaaliin talaallii yeroo jalqabaatiif dhala namaa irratti taasifame kun, deeggersa fandii Inistitiyuutii Fayyaa Biyyaalessaatiinidha.

Talaalliin kun lubbuu qabeeyyii keessatti dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu kakaasuu akka danda'utu mirkaneessuu dandeessia jedhameera.

Haa ta'u malee, dhaabbanni baayootekinooloojii qorannoo kana duuba jiru, 'Moderna Therapeutics', talaallichi adeemsa yaalameefi qoratame fayyadamuun taasifame.

Koroonaavaayiras

Impeeriyaal Kollejjii Landan UKtti Ogeessi dhukkuboota daddarboo Dr. John Tregoning, akkas jedha: "Talaalliin kun tekinooloojii duraan jiru fayyadame.

"Istaandardii baay'ee ol-aanaa ta'een hojjetame. Wantoota nama irratti fayyadamuuf rakkoo hin uumnee namoonni yaalii kana keessatti hirmaatan itti dhiyeenyaan ni hordofamu.

"Eyyeen, kun baayyee saffisadha - garuu dorgommii saffisa vaayirasichi ittiin tatamsa'aa jiruudha malee kan saayintistoonni walii walii isaanii gidduutti taasisan miti. Kan hojjetamaa jirus bu'aa dhala namaatiif jedhameeti."

Talaalliwwan vaayirasii addaa kan akka gifiraa, vaayirasoota dadhabsiifaman ykn ajjeefamanirraa hojjetamu.

Haata'u malee, talaalliin mRNA-1273 vaayirasii Covid-19 qaqqabsiisu irraa miti kan hojjetame.

Kun dhibee daddarbaa ofirraa loluudhaaf akka dandeesisutti sirna dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa jabeessa jedhamee abdatama.

Namoota fedhiin yaalii talaallii kana keessatti qooda fudhataniif doozii garaa garaatu kennameef.

Walumaa galatti marfee lama, garaa garummaa guyyoota 28 keessatti irree isaanii gara oliitti kennamaaf.

Haata'u malee, osoodhuma yaaliin nageenya isaa qorachuu jalqabaa kun sirriitti deemeellee, talaallii hawaasaaf dhiyaatu ta'uudhaaf ji'oota 18 gaafata.

Dizaayina mallattoowwan koronaavaayirsa agarsiisu