Saayintiistonni talaallii koronaavaayirasii lama yaalii eegalan

Madda suuraa, CSIRO
Saayintiistoonni Awustiraaliyaa talaallii koronaavaayirasiif oolu gosa lama yaalii gaggeessuu jalqaban.
Yaaliin kun walta'iinsa yuunivarsiitii Oksifoord fi kaampaanii Ameerikaa Inoviyaa Faarmaatikaal jedhamuun eegalame-bineeldotarratti yaaliin akka gaggeeffamuuf Dhaabbata Fayyaa Addunyaarra eeyyamameefi jira.
Talaalliin kun milka'uusaa fi dhala namaa kan fayyadu ta'uusaa Ejensiin saayinsii biyyaalessaa Awustiraaliyaa sakatta'uuf jira.
Yaaliin talaalli argachuuf taasifamuu kan jalqabaa Ameerikaatti kan gaggeeffame yoo ta'u, sadarkaa bineensotarratti yaalurra utaaluun namarratti yaalame.
Yeroo ammaatti saffisa adda ta'een addunyaarratti talaallii vaayirasii kana qolachuuf fayyadu jedhamanii abdataman hedduun gagggeeffama jiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Haa ta'u malee, Dhaabbanni Awustiraaliyaa 'Commonwealth Scientific and Industrial Research Organisation (CSIRO)' jedhamu yaalii kilinikaalii waan hunda hammate bineensotarratti yaalamu kan jalqabaa ta'uu ibseera.
Yaaliin talaallicha sadarkaa kanarra akka gahu walta'iinsi idil-addunyaa jabaan jiraachuu dubbatu saayintiistonni.
Dr. Roob Giriinfeel dhaabbata kanarraa akka himanitti, deemsa qo'annoo waggoota lama fudhatu gara ji'oota muraasaatti hir'ifnee jedhan.
Guyyoota muraasa darban yaalii kanaa hoosiftoota 'ferrets' jedhaman vaayirasiin kun akkuma dhala namaatti qabu irratti yaaluuf saamudi talaallicha qaama isaanii keessa ka'aameera jedhan.
CSIRO'n talaallii vaayirasii dhibee COVID19 ittisa jedhame gosa lama yaaliif filate.
Kan jalqabaa talaallii yuunivarsiitiin Oksifoord dhiyeesse yoo ta'u baattoo vaayirasichaa\vectors irratti xiyyeeffate.
Sirni qaamaa namaa dhibee ofirraa ittisu (Immune system) pirootinii vaayirasicha golgee jiru akka baruu fi ofirraa ittisuuf yaadame.
Firiin yaalii talaallii bineeldotarratti gaggeeffamu kanaa jalqaba ji'a Adoleessatti kan ifoomaa jedhan saayintistoonni, yoo mikaa'e qorannoon isaa gara sadarkaa itti aanuutti ce'uuf akka jiru ogeeyyin kun himaniiru.













