Appilikeeshinii warra nama COVID-19n qabamee waliin wal tuttuqan oolchu

Madda suuraa, Getty Images
Appilikeeshinii bilbilaa kan baayyee salphaa ta'edha. Biriteen ammoo kalaqa kana hojiirra akka ooluuf yaadaa kan jirtu yoo ta'u, kan appilikeeshinicha hojjechaa jiru ammoo Yunivarsiitii Oksifoorditti Inistitiyuutii Daataa Mana Barumsaa Fayyaa Oksifoordi waliin ta'uudhaan.
Hojiin ijoo appilikeeshinichaa namoota koronaavayirasinn qabaman adamsee qabuudhaaf miti. Namoota nama dhibee Covid-19 tiin qabame waliin waltuttuqan daqiiqaa keessatti maqaafi teessoo adda baasuun dhiyeessuudha.
Kun akkamiin ta'uu danda'aa?
Kun akka hojjetuuf lammileen appilikeeshinicha dursanii bilbila isaaniirratti fe'atu. Yeroo isaan sosocha'an, nyaataniifi dhugan bakka seenan mara seenuun GPS fayyadamuun bakka hundatti isaan hordofa.
Appilikeeshinichi sochiiwwan lammilee galmeessee waan qabatuuf namni tokko yoo dhukkuba kanaan qabame akka dafee saffisaan of qorachiisu ni jajjabeessa.
Yoo akka tasaa ta'ee vaayirasichi irratti argameef appilikeeshinichi saffisaan namoota dhibamaan sun guyyoota darban keessa itti dhiyaatee waliin ture, namoota isatti dhiyaatan eenymmaa isaanii osoo hin hambisiin, lakkoofsaafi teessoo isaanii, battaluma sanatti eessa akka jiran odeeffannii jiru mara gadi yaasa.
Kana qofaa osoo hin taane, warra namoonni dhukkubsatichaa waliin waltuttuqan darbaan tuttuqanis akka damee mukaatti diriirsee ifatti agarsiisa.
Appilikeeshiniin kun yoo hojiirra oole akkuma qorataa poolisiitti dhukkubsataan tokko guyyoota darban keessa eenyufaa waliin akka wal-argee ture, eessafaa deemee akka ture mara babaasisuun appilikeeshinicha akka salphaatti fayyadamuun odeeffannoo kana mara daqiiqaawwan keessatti argachuu dandeessisa.
Appilikeeshiniin kun oduu gaddaa nama qabamee sana poolisii qorataa jiru sana qofaatti miti kan himu, namoota nama vaayirasichi irratti argame waliin guyyoota darban keessa wal-argan maratti hima. "Obboleessi kessan dhukkubichi irratti argameera, ammuma qoratamaa, oadda of baasuutiinis tura," jechuudhaan ergaa ariifachiisaa dabarsa.
Appilikeeshiniin kun vaayirasicha dura saffisaan dhaabbachuudhaaf jijjiirama guddaa fidha jechaa jiru saayintistoonni mootummaa Ingilizii gorsan.
Sababiin isaas, hojiin namoota warra nama dhibeen Covid-19 irratti argame waliin warra wal-tuttuqan adamsuun torbanoota kan fudhatu yoo ta'u kun ammoo daqiiqaa keessatti xumrua waan ta'eef.
Faayidaan appilikeeshinii kanaa jedhu naoota qopheessan keessaa tokko kan ta'an Piroofeesar Kiristoofar, "...dhukkubsataan tokko yeroo argamutti namoonni dhukkubsataa kana waliin wal bira gahan hundi isaanii daqiiqaa keessatti adda of baasuun qophaatti akka turan taasisa. Kun ammoo tatamsa'ina dhukkubichaa dachaadhaan hir'isa.
Appilikeeshiniin kun nama vaayirasichi irratti argame bakka kam akka ture, kan akka kaaffee, mana nyaataa, taaksiiwwan ittiin imaleefi waajiraaleen deemellee dabalatee hordofuudhan dhaabbileen kanneen naannoo isaanii akka farra vaayirasiitiin dafanii qulqulleessaniif gorsa dhiyeessa jedhameera.
Appilikeeshiniin kun yeroodhaaf hojiirra hin oolle. Waraqaa qorannoo iratti garuu maxxanfameera. Akka gargaaru yoo itti amaname yeroo gababaa keessatti gara hojiitti galuu danda'a.
Namoota akkamiitu appilikeeshinii kana fayyadamuun waa'ee jireenya dhuunfaa isaanii dabarsanii kennuuf hayyamamoo ta'aa? Namoonni bilisa ta'anii taajjaban ammoo gaaffii kana keesuun milkaa'ina pirojektii kanaa ni shakku.
Piroofesar Kirisoofer garuu kana waliin waliif hin galu. "Wantota hedduu oomaa hin faadneef appilikeeshinoota eessa akka jirruufi garam akka deemaa jirru kan beeksisan fe'annee kan jirru? Kun ammoo dhimma lubbuu namootaa fayyisuudha; kaayyoo qajeelaaf kan ooludha."
Appilikeeshiniin kun nama koronaavaayirasiin qabame waliin bakkawwan tuttuqqaa qaban agarsiisuutiin alatti namoota sadarkaa tuttuqqaatti adda baasuun chaartiidhaan kaa'a. Warra sadarkaa tokkoffaa irratti saaxilamoo ta'an ammoo warra waltuttuqqaa fagoo waliin bakka tokkotti hin ramadu.
Rakkoo kan ta'u kaaffeewwaniif manneen nyaataa ykn waajiraaleen tokko tokko lammileen appilikeeshinii isaanii bananii saaxilamoo akka hin turre akka mirkaneessaniif yeroo dirqisiisaniifi yeroo kana taasisan ammoo tajaajila isaanii yoo dhowwatanidha.
Kana yoo ta'e faayidaa isaarra miidhaa appilikeeshinichaatu caala; namootarraan loogiifi qoollifatamuun akka gahu taasisuu danda'a sodaa jedhu kaasa. Kana yoo ta'es maal rakkoo qaba jedhu saayintistoonni ammoo. Kaayyoon keenya tatamsa'ina vaayirasichaa dhaabuudha, jedhu.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'
















