Koronaavaayiras: Saayintistiiin 'Vaayirasiirratti osoo qabsaa'uu' maaginatiin funyaan isaa galte

Daani'el Riidroon hospitaala keessatti

Madda suuraa, Courtesy of Daniel Reardon

Ibsa waa'ee suuraa, Daani'el Riidroon hospitaala keessatti

Qorataan hawwaa (astrophysicist) yeroo weerara koronaavaayirasii kanatti meeshaa namni akka harka isaa gara fuula isaatti hin geessine gargaaru hojjechuuf yaalaa ture ofiinuu hospitaala gale.

Sababii inni itti hospitaala galeef ammoo maaginetiitu funyaan isaa keessatti rakkate.

Qorataan Dr. Daani'eel Riirdoon jedhamu meeshaa qomaa olirratti godhatan kan yeroo namni harka ofii gara fuula ofiitti dhiyeessutti deebii kennuu danda'u hojjechuuf abbale.

Akka carraa ta'ee garuu qorataan kun hin milkoofne; wanta inni yaade akka inni karoorfatetti ta'uufii didde.

"Wanta ani yaade faallaa bu'aa ani yaadeeti godhate. Anumtiyyu rakkoo keessan gale" jedheera.

'Akkan rakkoo keessa galeen hubadhe'

"Natti kolfamee, yeroodhaaf abdii kuteen ture. Garuu boodarra calliseen maaginetiiwwan fuulakoorra kaa'uun eegale. Jalqaba gurrakoorra, achiin booda ammoo funyaankoo keessa kaa'een yaaluu itti fufe," jechuun BBC'tti hime.

"Rakkoon na mudate yeroon maagineticha biraa funyaankoo isa lamaffaa keessa kaa'eetti ture. Maaginetoonni qaawwa funyaankoo lamaan keessa jiran walharkisuun rakkoo qaqqabsiisan!"

Haata'u malee, qorataan yunvarsiitii kun yeroodhaaf ofi tasgabbeessuu yaale. "Yeroo jalqabaa na miidhee ture, garuu baayyee muddamee hin turre," jedhe.

"Yeroo [maaginetoota] sana baasuun rakkisaa ta'aa dhufetti garuu caalaa muddamuun jalqabe," jechuun rakkina keessa ture hima.

Presentational grey line

"Isaan booda, wayita maaginetoota lamaan humnaan baasuuf yaalee garuu baasuu akkan hin dandeenye hubadheetti, rakkoo keessa akkan seenen bare."

Yeroo kana hunda qorataan kun rakkoo ofirra geessisee kana ofumaan hiikuuf jecha yaalaa ture.

Humna walharikkisuu

"Pinsaan (qabduu) gara maaginetii funyaankoo keessa jiruutti ittuma fufee harkifame. Humni funyaankoo harkisu ammoo baayyee dhukkuba ture."

Suura Daani'eel Riidroon

Madda suuraa, Courtesy of Daniel Reardon

Ibsa waa'ee suuraa, Suura Daani'eel Riidroon

Yeroo rakkoo kanarra ga'u ture qorataan kun gara hospitaala isatti dhiyoo Meelbarnitti deeemuu akka qabaatu kan hubate. Akka carraa ta'ee ammoo hospitaalichi kan jaalalleen isaa keessa hojjettudha.

"Doktoroonni jaalallee koo beekan yaaddeessaa miti jedhan. Natti kokkolfaa darbu ture. 'Maaginettiin maaliif funyaankee keessa keessee?!" jechuun na gaafatu.

Akka carraa ta'ee wallaansa milkaa'aa argateera. Doktoroonni dhuma irratti maaginaticha funyaan isaa keessaa baasaniifii hospitaalaas bahe.

Ammaaf hojii qorannoo isaa kana akka dhiisu kan dubbate saayintistiin kun. "Ani nan dhaaba jedheen yaada, namni anarra beekumsa isaa qabu itti fufsiisuu danda'a," jechuun kokkolfaa yaada qorannicha akka dhaabuu hima.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa