Koronaavaayiras: Sababa weerara Covid-19n gabaan bunaa dabalaa jira

Buna akaa'ame

Madda suuraa, Steve Jennings

Sababa weerara koronaavaayirasiitiif daldalli sadarkaa addunyaatti dhiibbaa guddaa keessa galeera. Daldallii tokko tokko yeroo guutummaan guutuutti dhaabbatu tokko tokko ammoo carraa argatee milkaa'aa jira.

Wantota baayyee daldalli isaanii hedduu ho'aa jiru keessaa tokko gabaa bunaati.

Meeshaaleen yeroo namoonni mana keessa akka turan taasifaman kanatti barbaachisoo ta'an akka bishkiliitii (saayikilii) fi meeshaaleen ispoortii biroo sochii qaamaaf barbaachisan, kitaabilee, meeshaaleen elektirooniksii kan akka firiijii hedduu gabaan dabaleeraaf.

Namni kanaan dura karaa toora interneetaa buna dhiyeessuun beekamu tokko akka jedhe: "Kanaan dura waqtii ayyaana Qillee qofa ture hojiin kan nutti baayyatu, yeroo ammaa kana garuu daldalli bunaa dachaadhaan dabaleera."

Yeroo weerara koronaavaayirasii kanatti fedhiin bunaa dabaluu isaarraa kan ka'een gabaan isaa waan ho'eef dhaabbileen daldala bunaa hojjetoota dabalataan qacaruuf akka dirqaman himu.

"Kanaan dura hojjetoota 11 qofa qabna ture, fedhiin jiru dachaan dabaluu isaarraa kan ka'een hojjetoota shan dabalataan nu barbaachiseera," jechuun Itti-gaafatamtuun dhaabbata daldala bunaa Reevi Viikii Hooj ni dubbatti.

"Namoonni kanaan dura buna keenya kan bitan biiroodhaaf kan ture yoo ta'ullee amma garuu mana isaaniitiifis namoonni baayyee barbaadaa jiru."

"Yeroo ammaa yoo ilaalle namni tokko biiroorraa yoo buna ajajate namoonni 10 ammoo mana isaaniitii ajajatu," jetti.

Nama buna dhugaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoonni addunyaa kana irratti buna omishan kan akka Biraaziliifi Kolombiyaas akka dubbatanitti bunni isaanii gabaa addunyaa irratti barbaadamaa waan jiruuf gatii gaarii baasaa jira jedhu.

Keessumaa kampaanonni daldala bunaa irratti hojjetan baay'een isaanii bitanii kuufachuuf fiigaa waan jiraniif gabaan bunaa baayyee ol ka'uu isaa dubbatu.

Akka gabaasa Rooyitarsitti gatiin bunaa keeshaa abbaa 60kg Biraazil keessatti kan kanaan dura argamee hin beekneen dabaleera.

Kampaanonni buna akaa'aniifi daldalan sababii sochiin dhorkameef argachuu dhabuu malla jechuudhaan baayyinaan ajajataa jiraachuu dubbatu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Kolombiyaa keessattis, dursaan Federeeshinii Omishtoota Bunaa Roobertoo Veleez, akka jedhanitti gatiin bunaa dabaluun biizinasiin isaa kan yeroo dheeraadhaaf gadi bu'ee ture deebiyee bu'a qabeessa ta'aa jira jechuudha.

Haata'u malee, waqtii omisha bunaa itti aanuuf hir'inni mudachuu mala kan jedhu yaaddoo guddaatu jira, sababiin isaas sochiin namootaa bakkaa bakkatti yeroo dhorkamutti omisha bunaa xiqqeessuu danda'a waan ta'eef.

Biyya Kolombiyaa keessatti, hojjetoonni yeroo gara yerootti waqtii waliin socha'anii buna dhaabuu irratti hojjetan yeroo bunni funaanamus gara biyyattiitti imalu.

Haata'u malee, sababa sochiin namootaa bakkarraa bakkatti dhorkamee jiruuf kun yeroo ammaa kan danda'amu miti.

Omishtoonni bunaafi warri buna ciran dhorkaan sochii namootaa daangesse kun akka biyyattiitti waqtii buna ciraa ji'a itti aanu keessa ni foyyaa'a jedhanii abdatu.

Itoophiyaan omisha bunaatiin Afrikaa irratti sadarkaa tokkoffaarra, addunyaa irratti ammoo Biraazil, Kolombiyaafi Veetinaamitti aantee kan jirtu yoo ta'u, sharafa alaa biyyattiin argattu adda durummaan kan gumaachudha.