Hojii Online'tiin akkamiin maallaqa argachuun danda'ama? Dargaggeessi ji’a 9 keessatti miiliyeenara ta’e ni dubbata

Madda suuraa, NATNAEL
Naatnaa’el hojiiwwan hedduu, kan wal hin fakkaanne yaaleera.
Hojii mukaa, muziqaa taphachiisuu (DJ), viidiyoo gulaaluu, dizaayiniifi Giraafiksii, shubbisa shaakalsiisuu akkasumas diishii suphuu beeka.
Hojii inni dhuma irratti ittiin milkaa’ina argate garuu ‘daldala Online’ (Hojii interneeta irratti hojjetamu) kan ta’e fakkaata.
Hojii kanaan ji’oota sagal keessatti birrii miiliyoona 1.2 ol argachuu akka danda’e hima.
Akkamiin?
Hojii hojjechuu kan jaallatu Naatnaa’el Tafarraa yeroo abbaan isaa guddaa dhukkubsatan isaan wal’aanuuf jecha hojii dhaabuuf dirqame.
Bahirdaar irraa yeroo Finfinneetti deebi’uuf dirqame hiriyaan isaa tokko marsariitii (website) mana taa’ee hojii irraa hojjechuu danda’u itti hime.
Marsariitiin kun ‘UpWork’ jedhama.
Addunyaa guutuutti namootni hojii barbaadan kanneen hojjechiisan waliin UpWork irratti wal argu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojiiwwan marsariitii kanarra jiran ''hojechuun danda’a jedhee yoon yaade piroopozaaliin ergaafi. Hojii kana gaaritti hojjechuu akkan danda’u namootni amanan na haasofsiisu'' jechuun Naatnaa’el ibseera.
Naatnaa’eel marsariitii kana fayyadamuun hojiin jalqabaa inni argate UK, Landan irraa ture.
Maamilli Landan jiru tokko marsariitii isaa irratti vidiyoo gaggabaaboo jiran nama gulaaluuf ykn edit godhuuf barbaadaa ture.
Naatnaa’eel hojii kana hojjechuu akka danda’u amanee, namicha waliin wal qunname akka hojjechuu danda’u isa amansiise.
Naatnaa’el marsariitiiwwan Upwork, LinkedIn fi Fiverr jedhaman fayyadamuun hojii argata.
Hojii kana hojjechuun maallaqi bu’uuraa isaa hin barbaachisne. Koompiitaraas ta’e interneeta ‘amansiisa’ ta’e hin qabu ture.
''Laaptooppi yeroon yunvarsitii seenu bitadhe, kan cabee turee, kan dulloomaafi tirataa ta’e fayyadameen hojii kana jalqabe,'' jedha.
Intarneeta argachuuf ammo '' kaaffee ykn mana namoota wifi qabuu bira'' bira deemeen hojechaa ture.
Hojii isaa jalqabaan Naatna’eel doolara 40 ykn akka sharafa yeroo sanaatti naannaa birria kuma 2 ta’u argateera.
Kanaratti maallaqa argatee calaa kan Naatna’eel ‘guddaa na gargaareera’ jedhu maamilli isaa marsiritiicha irratti hojii isaaf urjii shan (Five Star) fi ergaa nama jajjabeesuu ka’uu isaadha.
“ ‘Hojii baayyee gaariidha. Namootni kaanis isa waliin akka hojjettaniif isin gorsa’ jechuun yaada naaf barresse, baayyeen gammade,” jedha.
Kana booda carraan hojii isaa guddachaa dhufe.
Yeroo ammatti Naatna’een ‘UpWork’ dabalatee marsariitiiwwan hojii itti barbaaddatan biroo ‘Fiverr’ fi ‘LinkedIn’ fayyadamuun hojiiwwan hedduu hojjechaa jira.
Mana isaa keessa utuu gadi hin ba’iin hojiiwwan Ameerikaa, Ispeen, UK fi Dubaay jiran hojjechaa maallaqa ‘guddaa’ argachaa jira.
Kanarra darbees namoota sadii qacaree hojechuu jalqabeera.
Laaptoppii isaa dulloomaa ‘abbaa olmaakoo’ jedhu sanas kompiitaroota qaalii sadiitti geeddarateera.
Hubadhaa! Kun hundi kan ta’eeru yeroo ji’a sagal hin guunne keessattidha.
“Hojiin kun jireenyakoos kan maatiikoos sadarkaa tokkoon jijjiireera,” kan jedhu Naatna’eel, “Maatikoorraa utuu hin fagaatiin, maallaqa utuu hin baasiin hojii ‘online’ qofaan, birria miiliyoona tokkofii kuma dhibba lamaa ol hojjedheera. Ammas hojjechaan jira. Rakkoo interneetaafi ibsaadha malee kanaa ol nan hojedhaan ture,” jechuun ibseera.
Mamiltoota irra daddeebiin hojii kennaniifis horateera.
“Maamillikoo tokko dhalataa Itoophiyaa kan ta’e dhufee maatiikoo dubbiseera. Jaabadhaa jedhee deeme. Ammayyuu waliin hojechaa jirra,” jedha.
Marsariitiiwwam kunneen fayyadamuun maalmiltoota viidiyoo gulaaluu, giraafik dizaayiniifi kaartaa socho‘aa (map animation) hojjachiisan argachaa doolara kuma tokkoo hanga kuma shanii argata.
Hojii kunneen hunda ‘YouTube’ irraa ilaalaa kan hojjetudha.
“Online irratti maallaqa argachuuf bilbilli tokko ga’aadha,” jedha Naatna’eel.
“Waan qabnuun yoo hin hojjenne, utuu qabaannees hin hojjennu. Waan qabnuun jalqabuu qabna. Yeroo dhamaanudha Waaqni kan itti nuuf dabalu. Kana dura WiFi galfachuuf dandeettii hin qabun ture… Mana WiFi qabu deemee, kaaffee interneeta qabu deemeen hojjechaa ture,” jechuun ibsa.
Marsariitiiwwan hojii ittin barbaadattu kunneen fayyadamuun “ hojiiwwan utuu kompiitarri nu hin barbaachisiin salphaatti hojjechuu dandeenyu hedduun “ akka jiranis ibsa.
Fakkeenyaaf, namootni tokko tokko sagalee gaggabaaboo nama dubbisee waraabuuf (voice over) marsariitii kana irratti barbaadu.
Hojii kanaaf kan si barbaachisu bilbila sagalee waraabuu danda’u qofadha.
“Sagalee nuti waraabne gaarii yoo ta’uu baatelle, sagalee kana sireessuf marsariitiwwan bilisaan fayyadamuu dandeenyu hedduudha,” jechuun ibsa.
Maamiltoonni biroon ammo nama odeeffannoo isaaniif sassaabu barbaadu malu.
Namni bilbilaafi interneeta qabu odeeffannoo interneeta irraa barbaadee galchuun (Data entry) hojiiwwan salphaatti hojjetamuu danda’an keessa isa tokkodha.
‘Hojii Online’ fi namoota waliin dhahan
‘UpWork’ A.L.A 2013’tti Ameerikaa, Kaaliforniyaa keessatti marsariitii hojiifi hojjetaa wal qunnamsiisuuf eegalamedha.
‘Fiverr’ ammoo A.L.A 2010’tti Israa’el Telaaviiv keessatti kan hundeeffame yoo ta’u, namootni kuma 10 ol ta’an hojiifi maallaqa irratti argataniiru.
Waggooti 20 dura kan eegalame LinkedIn irrattis akkanuma.
Marsariitii kunneen irratti hojiiwwan yeroo boqonnaatti hojjetaman ykn yeroo guutuutti (akka hojii idileetti) hojjetaman kumaatamaan lakkaa’aman jiru.
Namootni hojii barbaadan dandeettii isaanii, muuxannoo hojiifi odeeffannoo biro marsiriitii kunneen fayyadamuun galchu.
Marsariitii kunneen irraa namootni ykn dhaabbileen hojjetoota qacaruu barbaadan jiru.
Qacartoonni beeksisa baasan irratti kaffaaltii hojjetootaaf kanan ni ibsu.
Namni hojii barbaadu odeeffannoofi maallaqa beeksisa irratti ba’e ilaalee ‘naaf ta’a’ jedhu filatee iyyata galchata.
Marsaritiiwwan hojii beeksisan akkanaa hedduutu jiru. Rakkoon isaa hundi isaanii sirri mitii, tokko tokko nama waliindhayaatti nama geessu. Namootni waliin dhahan tokko tokkommoo marsiritii sirrii ta’an keessaan dhufuu danda’u.

Madda suuraa, FIVERR/ LINKEDIN/ WORKUP
Namootni waliin dhahan kun marsariitii hojii kunneen fayyadamuun namoota hojii barbaadan irratti akka qiyyeeffatan ragaan BBC’n yeroo tokko ni mul’isa.
LinkedIn namoota sobaan ‘qacartoota ofiin jedhan’ marsariitii isaarraa mala ittin haqu diriirsuu isaa ibseera.
Yeroo sana ogeessotni qacarriifi teeknolojii BBC’n dubbise, namootni waliin dhahan karaa adda addaan akka dhufan ibsaniiru.
Namootni hojii barbaadan hundi, hoji eegaluu isaanii dura namoota ykn dhaabbilee ‘qacartoota’ ofiin jedhan kan sirrii ta’uu isaanii adda baasuu akka qaban goorsaniiru.
Yaadni Naatnaa’elis walfakkaataadha. “Marsariitii nuti fayyadamnu sirrii ta’uu isaa utuu adda hin baasiin hojii yoo eegalleefi rakkoon yoo nuqunname abdii kutannaan marsariitii biro akka hin amanne nutaasisa,” jedha.
Dabaluunis “Hojii kamuu eegaluu keenya dura daqiiqa 10 fayyadamne, waa’ee marsariitichaa yoo qoranne waan hunda baruu dandeenya. Waan agarru hunda amanuu hin qabnu, adda baasuu qabna,” jechuun ibseera.
''Hojiin Online cichoomina barbaada''
Hojiiwwan online irratti hojjetaman maallaqa gaarii kan argamsiisan ta’us obsa akka barbaadan Natna’eel ni ibsa.
“Hojiin Online cichoomina barbaada. Amma ani yeroon ittiin hiriyyootakoo waliin bashananu hir’isee, maatiikoo waliin gaariitti yeroo dabarsuuu barbaadus isa hir’isee, hirribakooss hir’iseen hojjedha. Galmakoo milkeessuuf filannoo ani qabu nama cichee hojjetu ta’uu qofadha,” jedha.
“Waan kamiinuu abdii hin kutu,” jedha.
Dargaggoo ganna 26 kan ta’e Naatna’eel Yunivarsitii Bahir Daarirraa barnoota Computer Science’n eebbifame.
Yeroo sanatti maallaqi maatii irraa ergamuuf hin jiru ture – faallaa kanaa isatu gara Finfinneetti maallaqa ergaa ture maatii isaaf.
Keessumaa barataa waggaa lammaffaa ta’ee yemmuu abbaan isaa dhukkubsate maatii isaa sirritti bulcheera.
Obboloota isaa dhiiraa shaniifi obboleetti isaa kan barsiise isadha.
Maallaqa argatuun wal’aansa abbaa isaa, baasii manaa, baasii mana barnoota obbolaan isaaf danda’aa akka ture hima.
Barataa yunivarsitii ta’ee utuu jiruu, galma tokko kireeffatee namoota 20 hanga 30 ta’an shubbisa barsiisaa maallaqa argachaa ture.
Galgalarra ammo Hoteela beekamaa Baahir Daar jiru keessatti ‘DJ’ ta’uun hojjechaa ture.
Sanbataafi Dilbata manneen suuraa deemee, viidiyoo cidhaa gulaalaa ture. Barachaa kana hunda hojechaa ji’atti birria kuma saddeetii hanga 10 argachaa akka ture himeera.
Kanaan dura hojii mukaa abbaa isaarra barate hojjeteera. Isa dura ammo ijoollee ta’ee hojii diishii suphuu hojjechaa ture.
Abbaan isaa ji’oota dura dhibeen isaanii itti hammaatee lubbuun isaanii darbeera. Amma itti gaafatamummaa maatii isaa bulchuu guutummaatti fudhateera.
Hojii isaan cichoominaafi abdii kutachuu dhiisuu barate ‘Hojii online’ gara fulduraatti akka ilaaluu isaa taasise irratti akka guddaa isa gargaare hima.












