Ajajaan Poolisii duraanii buufata Asab waa'ee Asab kaleessaafi har'aa maal himu?

Madda suuraa, Komunikeeshinii Amboo
Poolisii buufata doonii Asab waggoota 2fi ji'a 6'f kan ajajan Ajajaa 50 Dajanee Tujoo yeroo amma magaalaa Ambootti mana ciree (kaafiteeriyaa) keessatti qacaramanii hojjetu.
Tibbana viidiyoon marii ummataa magaalichati taasifamerratti buufata doonii Asab waliin walqabatee yaada yemmuu kennan agarsiisu miidiyaalee hawaasaarratti bal'inaan qoodamaa ture.
Ajajaa 50 Dajanee Tujoo turtiisaanii Asabfi haala jireenyasaani yeroo ammaa ilaalchisee BBC walin turtii kan taasisan yemmuu ta'u, yaadni isaaniis akka armaan gaditti qindaa'era.
Maqaankoo Ajajaa 50 Dajanee Tujoo jedhama. Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Wanciitti dhaladhee kanan guddadhe yemmuu ta'u, amma umriinkoo waggaa 68 ta'eera.
Gara poolisummaatti kana makame ALI bara 1968 ture.
Yeroo sana Leenjii Poolisii Kutaa Biyyaa Bahaa jedhamuun kan beekamu Dirre Dhawaatti leenjii poolisummaa ji'a 6'f fudhadhee eebbifame.
Eebba booda Awraajjaa Kambaataafi Haadiyyaa kan jedhamutti waggaa afuriif poolisummaan hojjedhe. Ergasii gara Ambootti jijjiirame.
Magaalaa Amboottis waggoota muraasaaf ergan hojjedhee booda ALI bara 1981 gara bulchiinsa Asabitti jijjiiramuun garas deeme.
Yeroo sana Poolisiin iddoo barbaade hin hojjetu. Kutaalee biyyaa biyyattii keessa jiran 14 keessa jijjiirraadhaan deemanii hojjechuun dirqama ture.
Ergan gara Asab deemee booda ajajoonni achi turan dargaggummaakoofi barumsakoo ilaalanii ajajaa poolisii buufata doonii Asab gochuun na ramadan.
Haaluma kanaan bara 1981 hanga Caamsaa 16, 1983 ajajaa poolisii buufatichaa ta'uun hojjedhe.
Asab kaleessa
Asab iddoo jireenyaa sabaaf sablammootaati. Jiraattonni magaalichaa baay'inaan miseensota sablammii Affaar ta'anis sabaaf sablammoota baay'eetu jiru.
Buufanni doonii Asab kuta lama qaba. Inni tokko 'buufata bitaa' yemmuu jedhamu inni biraan immoo 'buufata mirgaa' jedhama.
Buufanni bitaa meeshaaleen nageenyaa bifa icciitiisaa eegeen biyya alaatii kan itti galanidha.
Animmoo buufata mirgaa karaa meeshaaleen kaan biyya alaatii itti galanfi alergiin ittiin ergamu to'achaa ture. Wanti Itoophiyaan alaa galchitu hunduu karaa sanaan gala.

Madda suuraa, Komunikeeshinii Amboo
Dooniiwwan keenya Maskaram, Abbaay, Takazee fi Caamoo jedhaman waan alaa dhufu fidanii dhufu. Asiimmoo waan biyya alaatti ergamu kan akka gogaafi kalee akkasumas buna fe'anii bahu.
Sukkaarri achiin gala, zayitiin akkasumas xaa'oon achiin gala. Kana qofaa miti. Warshaan jikitni boba'aa biyya alaatii dhufee itti qulqullaa'us achi jira. Boba'aan achitti qulqullaa'ee konkolaataan gara giddugala biyyaatti geejibsiifama.
Buufanni doonii kun halkaniif guyyaa sa'aa 24'f hojiirra jira. Hojjetoonni dabaree dabareedhaan walgeeddaree hojjeta. Humni galaanaa keenyas jabaa ture.
'Waan hunda dhiisnee baane'
Biyyaa baqachuu pirezidaantii Mangistuu Haayilamaaram hordofee ALI Caamsaa 16, 1983 Asab gadi lakkisnee gara Finfinnee dhufne.
Raayyaan Ittisaa, humni galaanaa, poolisiin osoo boo'anuu achii gadhiisnee baane. 'Akkamitti dhiisnee deemna? Asumatti dhiigni keenya yaa dhangala'u' osoo jedhanuu Caamsaa 16 eegallee gadi lakkisnee gara Finfinnee dhufne.
Kanaaf achii yeroo baanu warshaa boba'aa (refinery) sana dhiisnee baane. Qabeenya keenyas, waan hundaayyuu dhiisnee baane.
Asab jechuun morma biyya kanaati. Asab dhabuun morma keenya dhabuu jechuudha. Kanaaf Itoophiyaan Asab dhabuusheetiin waan baay'ee dhabdeerti.
Qaala'insi jireenyaa kan nutti dhufe inni tokko Asab dhabuu keenyaani. Zayitni karaa Jibuutiin dhufa. Mootummaan kiraa buufata doonii Juibuutiif birrii meeqa kaffala? Kanaaf buufata doonii dhabuu keenyaan baay'ee miidhamne.
'Buufanni doonii dirqama barbaachisa'
Bara ADWUI namni waa'ee Asab dubbate akka diinaatti ilaalama ture.
Haa ta'u malee gaafa MM Abiy Ahimad waa'ee ulaa galaanaa dhiyeessan ani guddaan gammade.
Tibbanas waltajjii ummataa magaalaa Ambootti taasifamerratti 'waa'ee Asab fi Abbayyaa namni dubbatu' jedhamnaan ka'ee itti cabse.
Yeroos 'karaa Baalenis ta'u karaa Booleen' jedheen ture. Haa ta'u malee amma Asab kara diplomaasiin akka dhufun barbaada.
Waraana argeen dhufe; waraanni gadheedha. Waraanni nama ajjeesa, qabeenya balleessa.
Osoo sana hintaanee mootummaan diplomaasii kennanii fudhachuun hojjechuun barbaachisa.
Buufanni doonii Asab ummata Itoophiyaa miliyoona 130'f dirqama barbaachisa.
Yoo dhuguma Asab deebi'es mootummaan Itoophiyaa ana fi haadha warraakoo akka geessee na daawwachiisun gaafadha.












