Itoophiyaan dogogora keenyaan ulaa galaanaa dhabde - Jeneraal Yohaannis G/Masqal

Madda suuraa, Getty Images/ Let Jen. Yohaannis
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
''Itoophiyaan ulaa galaanaa kan dhabde dogogora nuyi hojjenneeni jedhan qondaalli waraanaa duraanii Itoophiyaa letinaant Jeneraal Yohaannis Gabremasqal.
Gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa akka boombii awwaalamee guyyaa dhohu eeggatuuti'' jedhan.
Dogogorri seenaa dhalootaaf idaa tahee darbe hojjetame maali? Eenyutu hojjete?
Hanga bara 1993tti Itoophiyaan Galaana Diimaatti balbalashee banattee gadi bahuun ittiin ol galti ture. Daldalaafis tahe buufata humna waraana galaanarraaf yaaddoo hin qabdu ture.
Itoophiyaan biyya guddoo Gaanfa Afrikaa keessaa ji'oo polotiksii addunyaaf hedduu murteesituu taatee fi biyyoota gurguddaa addunyaa akka Ameerikaa fi Raashiyaaf akka tarsiimootti barbaadamtu tahuun waggoota dheeraaf turteetti.
Barri 1993 garuu Itoophiyaa fi uummata isheetti karra cufe. Baricha Ertiraan walabummaa ishee labsuun Itoophiyaanis beekkamtii kenniteef.
Gaggeesitoonni Itoophiyaa yeroo sanaa Eertiraaf beekamtii kennuufi biyya guddoo Gaanfa Afrikaatti balbala cufuun hulaa galaanaa malee hanbisuuf yeroo hin fudhanne.
Uummata Miliyoona 120 olitti tilmaamamu hanga har'aatti ''mana hidhaa lafaan daanga'e'' [land locked] gochuun kaa'e kan jedhan MM Abiy Ahimedidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara sana Eertiraan waraana waggaa 30 booda Itoophiyaa irraa foxxoquun walabummaa ishee waan labsiteef Itoophiyaan buufataalee doonii Masawaa fi Asab duraan fayyadamaa turte dhabde.
Meeshaalee alaa galanii fi daldala hundaa %90 tahuuf Jibuutii irratti hirkachuun hanga ammaa geesseetti.
1993 MM duraanii Obbo Mallas Zeenaawwii pirezidaantii Eertiraa Isaayaas Afawarqii waliin mari'ataa erga turanii osoo yeroo hin fudhatiin walabummaa Eertiraaf beekkamtii kennan.
Murtoon kun Itoophiyaatti karra galaanaa cufee hanbise. Paartilee mormituu dabalatee qaamolee adda addaa biyya keessaan murtoon kun qeeqamaa turus Mallas yeroo sana dursa kan kenninu nageenyaafi jechuun Eertiraa waliin wal dhabdee biraa keessa galuu akka hin barbaanne himan.
Ejjennoon Mallasii fi deeggartoota isaa yeroo sana Itoophiyaan daangaa Eertiraa keessa buufataalee jiran irratti murteessuuf aangoo seera qabeessa hin qabdu kan jedhu ture.
Gama biraan kanneen qeeqa irratti dhiyeessaa turan ammoo Itoophiyaan hulaa galaanaa Asab akka fayyadamtuuf Eertiraan yoo eeyyamte bakka isaa Itoophiyaan ammoo walabummaa Eertiraaf beekkamti kennuu karaa dandeessuun waliigaltichi gaggeeffamuu qaba ture jechuun kaasaa turan.
Paarlaamaa Itoophiyaa keessattis ajandaa guddaa tahuun irra caalaa miseensa paartilee mormituu akka Pirofeser Mararaa Guddinaa fi Lidatuu Ayyaalewu fa'aa irraa ka'aa ture.
Haa tahu malee, ergasii Obbo Mallas Zeenaawwii akka dhimma biyyaalessaa Itoophiyaatti dhimma ulaa galaanaa kaasanii hin beekan.
Bara 2018 MM Abiy Ahimed yeroo gara aangootti dhufanidha gaaffiin ulaa galaanaa argachuu kun akka haaraatti ka'uu kan jalqabe.
'Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu akka boombii awwalameeti'
Itti Gaafatamaa Kutaa Odeeffannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tahuun bulchiinsa Obbo Mallas Zeenaawwii jalatti kan hojjetaa turan Lt. Jeneraal Yohaannis G/Masqal, dhaloonni ani keessa ture buufata ykn hulaa galaanaa ilaalchisee ''dogogora seenaa hojjetanii darban'' jedhan.
Dhimmi hulaa galaanaa akka boombii yeroo isaa eeggatee dhohu awwalamee [time bomb]ti. Jaallan keenyatu dogogora seenaa kana hojjete jedhanii amanu.
Durumaaniyyuu murtoon sun sirrii hin turre. Dogogora yeroo isaa eeggatee dhohu bara sana dalagametu haala amma keessa jirruuf nu saaxile.
Jalqabumayyuu qabinsi isaa akkas tahuu irra hin turre," jechuun murtoo MM duraanii Mallas Zeenaawwii fi jaallan isaanii yeroo sanaa qeeqan.
Jeneraal Yohaannis qaamaa hoggansaa fi dhaloota murtoo sana fudhatee tahuu himuun ofii isaaniis akka gaabbiitti kaasu. Garuu addatti dhimma ulaa galaanaa irratti ofii murtoo dabarsan hin qaban.
Walumaa galaan murtoo hoggansi yeroo sanaa fudhatetti gaabbuu kaasu.
Jeneraalichi gaaffiin ula galaanaa Itoophiyaan amma kaasaa jirtu ammas humnaan tahuu hin qabu jedhu.
Osoo Itoophiyaan ulaa galaanaa Eertiraa irraa argatte irra caalaa kan fayyadamu uummata Ertiraadha.
Eertiraanonni ilaalcha 'nuyi akka Singaapoor taana' jedhu qabu. Haa tahan. Osoo irratti hojjetanii Itoophiyaafis eeyyaman ni tahu ture.
Itoophiyaan uummataanis tahe lafaan biyya guddaadha. Osoo buufata galaanaa arganne biyyoota xixiqqoo naannoo keenya jiranis fudhannee guddachuuf carraa guddaa qabna ture jedhan.
Jeneraalichi gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan dhiyeessaa jirtu hawwaasni idil-addunyaa hubateera jedhu.
Addunyaan ganda tokko taateetti. Itoophiyaan guddataa jirti. Kanaaf ammoo ulaa galaanaa ishee barbaachisa.
Nageenya qaxanaa kanaaf karaa nagaa osoo argamee baay'ee gaariidha. Waliigaltee kennanii fudhachuu osoo jiraate gaariidha. Yoo kana hin taane hula galaanaa argachuun Itoophiyaaf waan baay'ee ulfaatu tahuu baatus garuu maaliif akkas taha kan jedhudha ilaalcha ani qabudha jedhan.
Hawwaasni idil-addunyaayyuu Itoophiyaan uummata hamma kanaa qabattee fedha uummata ishee guutuuf ulaan galaanaa ishee barbaachisa jedhanii hubatu.
Itoophiyaan hula galaanaa argachuuf gama seeraanis gama seenaanis mirga qabdi. Karaa salphaa kamiin argachuu qabdi kan jedhudha malee. Waraanni biyya kamiifiyyuu kasaaraadha jedhan Letenal Jeneraal Yohaannis.
Yoo tahuu baates ni milkaa'a. Kun akka lolaa guddaa si fudhatee darbuuti. Dhaloonni kun gaafataa jira. Isumaayyuu gaaffiin dhiyaataa jiru ani qofaan nan fayyadama kan jedhu osoo hin taane Somaaliyaafis, Eertiraanis ni fayyadamtu karaa jedhuunidha.
Gaaffii dhalootaa akka lolaa cimaatti ka'e kana karaa gaarii taheen hogganuu barbaachisa jedhan.
Dhiyeenya kana Jeneraal Tsaadqaan Gabretinsaa'ee dhimma ulaa galanaa irratti Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waraanni kaanaan kaartaa naannichaa jijjiira, waraanichis waan salphaatti xumuramu hin tahu jedhanii ture.
Itoophiyaa fi Eertiraan maaliif ulaa galaanaa irratti waliigaluu dhaban?
Waraana Itiyoo-Ertiraa hordofee Itoophiyaa fi Ertiraan yoo xiqqaate waggoota 20 tahaniif hariiroo dippilomaasii hundaa addaan kutuun akka diinaatti wal ilaalaa turan.
Bara 2018 yeroo MM Abiy Ahimed aangootti dhufuun wal dhabdee waggaa 20tti xumura godhan biyyoonni lameen gama siyaasaa fi dinagdeen walitti hidhatanii hojjetu abdii jedhu kennee ture.
Uummanni biyyoota lameenii aadaa, afaanii fi amantaa wal fakkaataa qooddatanii fi osoo wal hin argiin turan walitti deeman. Firrii fi hiriyonnii dur adda bahan wal arguun gammachuu guddaa uume.
Daandin biyyoota lamaan walitti fidus banamee ture. Kanneen keessaa tokko daandii Buree – Dabaayisiimaa (Asab) geessu ture. Sararri boba'aa Asabirraa gara Finfinnee geessu akka diriiruufi diinagdee biyyoota lameenif murteessaa akka ta'e dubbatamee ture.
Bara 2018 qondaalonni Ertiraa buufanni doonii Asab hojii idilee jalqabuuf qophii akka ta'e yoo ibsan, gama Itoophiyaatii ammoo qondaalonni geejjibaa gara lachuutuu haala daandin gara Asabitti geessu waliin ilaaluun haala gaarirra akka jiru ibsan.
Biyyoonni lameen zoonii diinagdee waloo waliin misoomsuu dabalatee pirojektiiwwna garaa garaa waliin hojjachuuf walii galuusaanii walii galtee Sawud Arabiyaa magaalaa Jiddaatti waliif mallatteessan irratti ibsanis suni hundi har'a hin jiru.
Waraana Tigiraayii fi gaaffii itti fayyadama ulaa galaanaa Itoophiyaan kaaste qabxii wal dhabdee isaanii tahuu akka hin hafne ka'a.
Onkoloolessa bara 2023 yeroo MM Abiy Ahimed Itoophiyaaf ulaa galaanaa argachuun ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' tahuu seenessan duubatti deebi'uun kaartaa Itoophiyaa hanga galaana Diimaatti ture akka ragaatti fayyadamaniiru.
Kaartaan Itoophiyaa yeroo sanaa Eertiraa ammaas dabalata.
Eertiraan Itoophiyaa irraa foxxoqxee waggoota 30 booda yeroo baay'inni uummata Itoophiyaa haalaan dabalaa jirutti hulaan galaanaa barbaachisaa tahuu ajandaa tahe.
MM Abiy Ahimed ajandaa kana erga jalqabanii Eertiraa waliin karaa nagaa ulaa galaanaa argachuuf yaalaniiru.
Ertiraan deebii quubsaa kennuu dhabuu isheen Itoophiyaan fuula ishee gara Somaaliilaanditti deebiste. Amajji 1, 2024 Waliigaltee wal Hubannoo Somaaliilaandi waliin mallatteesite.
Kun ammoo Somaaliyaa akka malee dheekkamsiise. Somaaliilaand erga ofiin of bulchuu jalqabdee Eertiraa waliin umurii walitti dhiyaatu qabaattus beekkamtii biyyumma agaruu hin arganne.
Yeroo Somaalilaand Itoophiyaaf ulaa galaanaa kennuuf waliigaltu kanatti Eertiraan gara Somaaliyaa goruun Masrii waliin michummaa addaa hundeessuu ibsan.
Somaaliyaan walabummaa daangaakoo sarbame jette. Masirii fi Ertiraan birmataniif.
Gaaffii Itoophiyaatu seera qabeessa mitimoo Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun Ertiraaf yaaddoo tahe?
Muddama waggaa tokkoon booda jaarsummaa Tarkiidhaan Itoophiyaa fi Somaaliyaan wal dhabdee isaanii karaa nagaa furuuf waliigalteerra gahan. Gama teeknikaanis mariin biyyoota lamaan gidduutti mallattaa'eera.
Waliigaltichi Itoophiyaan osoo walabummaa Somaaliyaa hin sarbiin akkamiin ulaa galaanaa argatti kan jedhus akka qabu himameera.
MM Abiy Ahimed bara 2030tti baay'inni uummata Itoophiyaa gara miliyoona 120 tahu ulaa galaanaa malee jiraachuu akka hin dandeenye himaniiru.
Uummanni miliyoonni hanga kanaa ''mana hidhaa lafaan daanga'e keessa hin jiraatu'' jedhan. Dhimmi ulaa galaanaa yeroo dheeraaf dagatamee ture amma Itoophiyaaf dhimma biyyaalessaa taheera.
Siyaasa Gaanfa Afrikaa keessattis ajandaa guddaa taheera.
Eertiraa, hanga Itoophiyaarraa foxxoquutti
Eritiraan waggoota dheeraaf Otomaan Tarkii fi Xaaliyaanii jalatti bulaa turte. Bara 1941 ammoo waraana Itoophiyaa fi Biriiteniin bittaa Xaaliyaanii jalaa bilisa baate.
Bara 1952- UN kora gaggeesseen Eertiraan sirna konfedreshiniin qaama bulchiinsa Itoophiyaa akka taatu murteesse.
Bara 1958- Addi Bilisa Baasaa Ertiraa hundaa'uun sochii waraanaa jalqabe.
Bara 1962- Ertiraan guutummaan qaama bulchiinsa Itoophiyaa taate.
Bara 1974: Fonqolcha humni waraanaa biyyattii gaggeesseen mootichi Haayilesillaasee aangoorraa kaafamuun Mangistuu Haayilemaariyaam aangoo qabate.
Bara 1991: Addi Bilisa Baasaa Uummattoota Eertiraa Asmaraa qabachuun mootummaa yeroofii hundeesse. EPLF hidhattoota Itoophiyaa keessaa Dargii waraanaa turan waan gargaaraniif Mangistuu Haayilemaariyan aangoorraa fonqolchamuun biyyaa bahe.
Bara 1993 -Erga Eeritiraan walabummaa ishee labsitee Itoophiyaan buufataalee doonii Asabii fi Masawaa achumaan dhabde.
Obbo Mallas Zeenaawwii Eertiraaf beekkamtii erga kennanii Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu qabdi kan jedhu irratti garuu pirezidaanti Isaayas Afewarqii waliin mariis tahe falmii addaa gaggeessan hin qaban.
Har'a Hulaa galaanaa argachuun Itoophiyaaf ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' taheera.
Itoophiyaan al-ergii fi meeshaalee biyya alaa irraa galchuuf buufata doonii Jibuutii irrattidha guutummaa guutuu kan hirkattu.
Buufanni kun rakkoo kamifuu saaxilamnaan uummanni Itoophiyaa miliyoonni 120 ol balaa irra bu'uun isaa waan hin oolle tahuu MM Abiy Ahimed irra dedebiin dubbataa turan.
Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa fageenya xiqqaa irratti argamtus hulaa galaana kallattiis tahe buufata waraanaa Galaana Diimaa irraa hin qabdu.
Biyyoonni humna guddaa qaban akka Ameerikaa, Tarkii, Chaayinaa fi kaanis garuu buufata waraanaa Jibuutii keessaa qabu.












