Waraanni haaraan Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti kaanaan kaartaa biyyootaa ni jijjiira- Jeneraal Tsaadqaan

Jeneraal Tsaadqaan Gabretinsaa'ee

Madda suuraa, DW Tigray

Waraanni haaraan Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti kaanaan kaartaan biyyoota lameenii fi naannoo Gaanfa Afrikaa ni jijjiirama jedhan Leetenaant Jeneraal Tsaadqaan Gabritinsaa'ee.

Dabaltaan nageenya Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaaf dhiibbaa guddaa qaba jedhan.

Waraanni biyyoota lameen gidduutti ka'uun waan hafu miti kan jedhan Jeneraal Tsaadqaan, "biyyoonni lamaan yeroo gabaabaa keessatti akka xumuranitti yaadanis waraanichi kan dheeratu ta'uu mala," jedhan.

Miseensa Bulchiinsa Yeroofii Naannoo Tigiraay keessaa tokko kan tahan Jeneraal Tsaadqaan, sodaa naannoon Tigiraay ammas ''dirree waraanaa'' taati jedhu qabu.

''Yeroo kamittiyyuu Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti waraanni banamuu danda'a'' jedhee ture xiinxalaan Gaanfa Afrikaa BBC kanaan dura dubbisee ture.

Jenraal Tsaadiqaanis yaaduma xiinxalaa kana deeggaru kaasan.

''Erga mootummaan Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaa TPLF waliin mallatteessee waliigalteen Itoophiyaa fi Ertiraa laaffachaa dhufeera. Waraanni waan ka'uu hin oolledha'' jedhe.

Jneraal Tsaadqaan mootummaan Ertiraa yeroo waraana Tigiraay gara mootummaa Itoophiyaa goruun yakka adda addaa raawwachuun himatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma immoo hoggantoota TPLF gidduutti qoqqodinsa uumaa jira jechuun mootummaa Ertiraa himatu.

Jeneraal Tsaadqaan sadarkaa Itti Anaa pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Ce'umsaafi naannoo Tigiraayitti ijaarsa sirna Dimokiraasiirratti hojjetu.

Gara mootummaa federaalaa fi Geetaachoo Reddaa goruun qoqqoodinsa TPLF inniyyuu sababa jedhanii kan himatanis jiru.

Qoqqoodinsi siyaasaa TPLF keessa amma jiru balaa akka qabu kan ibsu Tsaadqaan, qondaalonni olaanoo TPLF kana duraaa fi amma yakka hojjechaa turan itti gaafatamummaa jalaa of baasuu fi sodaa qaban irraa kan ka'e gara Isaayas goraa jiru jechuun rakkoo keessaa TPLF hime.

Humni waraanaa Ertiraa nama argatan hundaa ajjeesaa, dubartoota gudeeduun qabeenya saamaa'' turan jechuun himatan.

Akkasis tahee warri balleessaa isaanii duraaniifi ammaa dhokfachuu barbaadan ammas Isaayas waliin michoomaniiru jedhe.

Gareen kun Isaayas waliin tahuun bulchiinsa Abiy Ahimed aangoorraa kuffiisuun gara aangootti of deebisuuf abbalu jechuun dheebuu aangoof qaban ibse.

Mootummaan Ertiraa injifannoo argachuuf ''uummata afaan Tigiree dubbatan gara Kibbaa jiran balleessuu yaada. Garuu ammoo deeggarsa uummata Tigiraay malee ammoo injifannoo argachuu miti jiraachuu akka hin dandeenyu beeku'' jedhe.

Waraanni kamiyyuu biyyoota lamaan gidduutti ka'uu malu yeroo dheeraa gaafachuu mala kan jedhan Jeneraal Tsaadqaan, gama lameeniin garuu waan yeroo gabaabaatti dhumu godhanii nama amansiisuuf yaaluu malu jedhan.

Waraanni kun yeroo barbaades haa gaafatu haala barbdeenis haa gaggeeffamu naannicha keessatti garuu miidhaa gurguddaa dhaqabsiisa jedhan.

Yeroo waraanichi dhumu kaartaan naannichaa amma argaa jirru kun bifuma kana qabatee waan hafu miti jechuun barreessan.

Gaanfa Afrikaa keessa michummaan biyyoota adda addaa jiraachuu akka malu kaasanii, yoo waraanichi jalqabe yeroo xiyyeeffannoon adunyaa gara waraana Yukireeniifi Raashiyaa, Baha Gidduugaleessaa fi DR Koongootti deebi'e keessa taha jedhan.

Waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa jalqabnaan biyyoonni akka bifa addaa qabaatuuf shoora olaanaa qabaatan UAE, Sawud Arabiyaa, Iraan, Masirii fi Tarkii akka tahan ibse.

Tigiraay dirree waraanaa hiree xumura waraanichaa murteesitu taati, miidhaan isaas naannichaaf guddaa taha kan jedhe Jeneraalichi, kaayyoon Tigiraay waraanicha oolchuu fi waliigalteen Piriitooriyaa akka hojiirra oolu gochuudha jedhe.

Imaammata karaa nagaa mootummaa Ertiraa waliin jiraachuu fi imaammata waraana hanbisuu hordofuun hojii bulchiinsa naannichaa tahuu eeran.

Waliigalteen Piriitooriyaa akka hojiirra hin oolleef kanneen gufuu tahan naannoo Tigiraay fi naannichaan alas jiraachuu kan himan Jeneraal Tsaadqaan, akka hin fashalanneef mootummaan Itoophiyaa fi hawwaasni idl-adunyaa waliigalticha mijeessan itti gaafatamummaa isa afudhachuu akka qaban himan.

Dabalataan, waraanni hamaan gara biraa naannicha keessatti akka hin kaaneef dhaabsisuu qabu jedhan.

Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa sana Jeneraal Tsaadqaan ajajoota waraanaa humnoota TPLF yeroo sanaa keessaa tokko turan.

Waraana Itoophiya fi Ertiraa gidduutti bara 1998-2000 gaggeeffame irrattis ajajaa waraana Itoophiyaa tahuu dursaniiru.

Waraanichi waliigaltee Aljeers bara 2000 yoo dhaabbatu ergasiis hanga dhiyeenya MM Abiy Ahimed Ertiraa wlaiin araara buusanitti biyyoonni lameen karra isaanii walitti cufachuun gara waggaa 20'f turaniiru.

Jeneraal Tsaadqaan buufanni Doonii Asab kan Itoophiyaati jedhanii amanu.

Itoophiyaan humna jabaa Galaana Diimaa irratti ijaaruu akka qabdu kan amanan Jeneraalichi sababa ejjennoo isaanii kanaan mootummaan Ertiraa dheekkamee ture.

Waraana Tigiraay dura miidiyaa tokko waliin gaaffii fi deebii taasisaniin waliigalteewwan idil-adunyaa dhimma kana irratti jiran hundaa haa ilaallu.

Waliigaltee nagaa Itoophiyaa fi Ertiraan booda Itoophiyaan buufata Doonii Asab ni fayyadamti jedhame eegama ture.

Ijaarsa daandii fi bu'uuraalee misoomaas naannichatti jalqabamanii ture.