Wal gaarreffannaan Itoophiyaafi Ertiraa walitti bu'iinsatti ce'uu malaa?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa bakka durii hin jiru. Araarri waggoota torba dura addunyaayyuu ajaa'ibsiise waggoota lamaan darban laafaa, dhiheenya keessa ammoo biyyoonni lameen ifatti wal himachuu eegalaniiru.
Waan biyyoonni lamaan itti jiran kan gama Itoophiyaatiin saaxilan immoo aanga'aa duraanii mootummaa Itoophiyaa Dr Mulaatuu Tashoomaati, boodarra yaada dhunfaa isaaniti jedhamulleen.
Ertiraan ammoo himannaa sanaaf deebii karaa ministira odeeffannooshee Obbo Yemaana Gabramasqaliin kenniteen ni waakkatte.
Haata'u malee, mallattooleen mul'atan tarii walitti bu'iinsi mudachuuf akka deemu kan akeekudha jedhu xiinxaltoonni.
Ertiraanis lammiileeshee duraan waraana biyyattii keessa tajaajilaniifi humnoota eeggataa leenjiif waamteetti.
Gama biraatiin ammoo, walgahiin kan mormitoota mootummaa Ertiraatiin qophaa'uun himameefi namoonni hedduun irratti hirmaachuun himame Finfinneetti kan gaggeeffame dhiheenya kana.
Biyyoonni lixaa yaaddoo seenuufi mariin icciitii olaanaan qabame Asmaraatti qondaalota TPLF waliin taasifamuus gabaafameera.
Waan duuba jiru, walgahii 'icciitii olaanaan Asmaraatti taasifame', qaama gidduu seenuu malu, miidhaa dhaqqabsiisuufi waa'ee qaamolee 'ganamneeera' jedhanii yaadan kan odeeffannee akkasiin qindeessineera.
Waan adeemaa jiru
Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti erga lolli hamaa gaggeeffameen booda waggoota 20'f bara nagaanis lollis hin turre keessa dabarsan.
Bulchiinsi MM Abiy Ahimad mormii ummataan aangootti dhufuu, hordofee garuu haalli sun tasa jijjiirame.
Dureewwan biyyoota lamaanis araara addunyaan raajeffate buusan. Kanas Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Badhaasa Nobeelii itti argatan.
Hariiroon sun cimee waraana Tigraay irratti Ertiraan mootummaa federaalaa bira dhaabachuun hanga humnoota Tigraayiin loluutti biyyoonni lamaan walitti dhufeenyasaanii cimsatanii turan.
Haata'u malee, akkaataa waraanni Itoophiyaa Tigraay keessaa itti bahe akkasumas waliigaltee Piritooriyaa kan lola dhaabeerratti aangawoonni Ertiraa gammadoo akka hin turre dubbatama.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balaliisaa gara Asimaatti taasisu dhaabuu, tajaajilli bilbilaa biyyoota lamaan jidduu ture adda cituu, Ertiraan Masriifi Somaaliyaa waliin ta'un tumsa tolfachuufi kaan hariiroon biyyoota lamaan jidduu hammaatuu agarsiisu ture.
Boodarrammoo qondaalli biyyattii hariiroon biyyoota lamaa baduu isaaf Ministira Muummee Abiy Ahimad ifatti himatan.
Gama kaaniin mormitoonni Ertiraa ifatti magaalaa Finfinnee keessatti walgahii taa'uufi gabaasa miidiyaas argataa turan.
Muddamni gartuuwwan TPLF keessaa cimuu, sochiin hidhattoota Faannoofi kaan waliin walqabatee Ertiraan harka galfataa jirti himannaan jedhu irra deddeebi'ee dhagahamaa tureera.
Gara walitti bu'uutti ce'uu maluu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiinxalaa siyaasa Gaanfa Afrikaa kan ta'an lammiin Ertiraa Abdurraahimaan Sayiid Abu Hashiim ''Wal gaarreeffannaan biyyoota lamaanii gara waraanaa qajeeluu danda'a. Sababni isaa hariiroon isaanii haalaan adda citee jira,'' jedhu.
Kana jechuuf sababii isaan dandeessise keessaa tokko waan adeemaa jirudha.
Barreeffamni pirezidantii duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomaa Al Jaziiraa gubbaatti kataban hariiroo biyyoota lamaanii kan ifatti saaxile ture.
Aangawaan Itoophiyaa ammatti ''Ergamaa Addaa'' ta'un tajaajilan kun ''Gaanfa Afrikaatti walitti bu'iinsa biraa hambisuuf tarkaanfii fudhachuuf yeroon amma,'' jechuun kataban.
Dabaluunis, mootummaan Ertiraa gartuu TPLF lamaan keessaa tokko deeggaruun akkasumas hidhattoota Faannoo deeggaruun himataniiru.
Ertiraan gama Ministira Odeeffannooshee, Obbo Yamaana G/Masqaliin deebii kenniteen booda, mootummaan Itoophiyaa ''ji'oota darban'' keessaa Asmaraa irratti ''duula xuxxuqqaa cimaa'' ta'e bananiiru jechuun himatte.
Itoophiyaan rakkoolee Gaanfa Afrikaa ''marsaniif bu'uuraafi wiirtuudha'' jechuun himattee, Ertiraan dhimma keessoo Itoophiyaa seenuuf ''fedhii hin qabdu'' jechuunis deebisan.
Kun osoo kanaan jiruu, mootummaan Ertiraa miseensota raayyaa biyyattii duraaniifi human eeggataa leenjii biraaf akka deebi'aniifi biyyaa bahuudhaafis ulaagaa barbaachisu cimsuun isaas gabaafameera.
Akkaataa qajeelfama kanaatiin lammiileen Ertiraa 60 gadii ta'aniifi waraana keessa tajaajilan gara leenjii akka seenan taasifameera.

Hayyuulee waan amma ta'a jiru taajjabaa jiran keessaa tokko Obbo Baay'isaa Waaqwayyaati. Isaanis ogeessa seeraa idil-addunyaafi UN keessatti walitti bu'insa furuu keessa muuxannoo waggaa dheeraa qabu.
Itoophiyaa fi Ertiraan yeroo waraana kaaba Itoophiyaa lola hamaa keessa dabarsan. Eegasii ''marsaa biraa ammoo lolatti qophaa'un, wal arrabsuun kun maal akka ta'e naaf hin galu,'' jedhu.
''Tokkoffaa wallolu jedhee hin yaadu. Mudachuu danda'a, ani garuu akka dhuunfaatti ni ta'a jedhe hin amanuu hin barbaadus.
''Yoo ta'emmoo balaa inni fidu balaa isa Tigraayitti TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu ta'e gadi waan ta'u natti hin fakkaatu,'' jedhan.
Yoo lolatti kan seenamu ta'es, ''Riphee lolaa miti fuulaa fuulatti walloluu ta'a. Qabeenyaa haalaan mancaasa. …maaliif wal ajjeesna? Maal fiduudhaaf? Dinagdee keenya guddisaa?'' jechuun gaafatu.
''Gareen lachanuu osoo nagaarratti xiyyeeffatanii gaariidhan jedha,'' jedhan Obbo Baayisaan.
Icciitiin duuba jiru maali?
Biyyoonni lamaanu ammatti ifatti lola eegalu jechuufis ta'e, yoo eegalan waan kanaaf sababa ta'u xiinxaluu malee gama mootummoota lamaanii waan jiru baruun nama dhiba.
Obbo Baay'isaan garuu, wanti mootummoota lamaan gidduu jiru wanta ''walitti isaan buusu natti hin fakkaatu. Hamma sana waan gahuu hin danda'u,'' jedhu.
''Biyyoonni baay'ee wal dhabbii qabu garuu wal hin lolan. Dhimma garee lamaaniifuu bu'aa qabuurratti ni haasa'u,'' jechuun ibsu. Mariin kun hanga walii galanitti akka itti fufu dubbatan.
Hawaasni Itoophiyaafi Ertiraa saba tokko, amantii, aadaafi duudhaa qooddatu waan ta'eef aangawoonni lamaan ''waan dabaa haasa'uunu irra hin turre'' jedhu.
''Saba akkas wal jaalatu fuudhanii warrumti bulchan wanta barbaadaniif lola walitti kaasun kuni sirrii miti jedheen yaada'' kan jedhan Obbo Baayyisaan, ''Osoo sabni kun mirga isaa sirriitti beeka ta'e ka'eeyyuu hin gaafata mootummaa. 'Nuyi lola hin barbaannu, nagaadhaan jiraachuu barbaanna' jedha ture,'' jedhu.
Xiinxalaa siyaasa Gaanfa Afrikaa Abdurraahimaan ammoo, wantoonni lolatti oofan ijoo jiru jedhu, kanaafis mootummaa Itoophiyaa himatu.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ''rakkoo keessoo keessaa baqachuuf jecha dhimma ulaa galaanaa kaasuudhaan ummata waan biraatti galchuu danda'u,'' jedhu.
Bulchaan Itoophiyaa rakkoo diinagdee, walitti bu'iinsaafi kaan 'furuu waan hin dandeenyeef' jechuun ''rakkinichi waan ulaa galaanaa dhabneef jechuuf kan barbaadame'' yaada jedhu qabu.
Akka xinxalaan kun jedhanitti, bara Dargiifi ADWUI dureewwan Itoophiyaa aangoo isaanii dheeressuuf ''Itoophiyaan tuqamteetti'' jechuun ''lola ture kan fayyadaman.''
''Akka natti fakkaatutti MM Itoophiyaa Abiy Ahimad garasitti waan qajeelaa jiran fakkaata. Sababni isaas mormituufi gaazexeessaa hidhuun gara bulchiinsa abbaa irreetti jijjiiramaa jiru,'' jechuun himatu.
Gama kaaniin ija waraanaan yeroo ilaaltu ''Ertiraa guutuu to'achuurra Asab to'atanii mariitti seenuu danda'u. Tarii mootummoonni tokko tokko na gargaaru jedhanii yaadaniirus ta'a'' jedhan.
''Maraammartoon waraanaa gaarii miti. Ulaa galaanaa dhabuun waraanaaf ka'umsa ta'uu hin qabu.''
'Ertiraan waan fedhii qabdu hin se'u'
Obbo Abdurraahimaan ''Gama mootummaa Ertiraa akkuma [hidhattoota] Faannoo Naannoo Amaaraa akka Ministira muummeen [Abiyyiin] ganaman itti dhagahama.
''Hariiroon kun akka laafu sababni hin jiru jedhanii amanu. Imaammata ministira muummee kan ture TPLF laaffisuun, [achii] Amaaraafi Ertiraa laaffisuu akka qaban amma ifa ta'a dhufeera.
''Gama kaaniin fedhii waraanaa waan qaban natti hin fakkaatu. Sababni isaa Ertiraan yeroo waraana Tigraay baay'ee kasaarteetti,'' jedhan.
Itti dabalunis, ''Tilmaama kiyyaan loltoota 40,000 yookiin 50,000 akka kasaarte ni beekama. Yeroo gabaabaa keessatti waraana biraa keessatti seenuuf fedhiis, dandeettis waan qabdu natti hin fakkaatu.
''Yoo itti seenan garuu dirqamanii ta'u danda'a jechuudha,'' jechun dubbatu.
Fedhii TPLF, Faannoo
Tigraayitti hoggantoonni TPLF lamatti hiramanii wal dhabaa jiru. Akka araara buusanifiis yaaliin taasifame ammatti hin milkoofne.
Gartuuwwan lamaan keessaa gartuun Dr Dabratsiyooniin hoogganamu Ertiraa waliin hariiroo qabu jechuun himatamu.
Barruun Africa Intelligence dhihoo baaseenillee qondaalonni humnoota Tigraay gara Asmaraa imaluun Pirezidant Isaayyaas bakka argamanitti marii gaggeessuu gabaaseera.
Walgahii kanarratti Pirezidant Isaayyaas Itoophiyaa waliin walitti bu'iinsi yoo dhalate humnoota Tigraay bira akka dhaabatan waadaa seenuu hima.
BBC'n dhimma kana addatti waan mirkaneeffate hin qabu. Gartuun Dr Dabratsiyooniin hoogganamu garuu kana waakkateera.
Xinxalaan Gaanfa Afrikaa Abdurraahimaan, ''Waliigalteerra gahaniiru, walii mallatteessaniiru jechuun hin danda'amu'' jechuun garuu sochiin akka jiru himu.
''Gartuun TPLF Dr Dabratsiyooniin hoogganamu akka ganame, aangoonis akka duraa fudhatame itti dhagahamaa jira,'' jechuun dubbatu.

Madda suuraa, Fitsum Arega
Waliigaltee Piritooriyaa guutuutti hojiirra ooluu dhabuu, kanneen buqqa'an qe'eetti hin deebine, daangaa duraanitti hin deebine.
Kanaaf filmaanni qaban ''akkuma hidhattoota Faannoofi Ertiraa ''dirqamanii'' bulchiinsa MM Abiy loluu malu'' jedhu.
''Yoo akkas ta'emmoo TPLF deeggarsa Ertiraa barbaadu. Akkuma yeroo Ajajaan Kaabaa rukutame mootummaan federaalaa Itoophiyaa deeggarsa Ertiraa barbaade san jechuudha.''
Kana malees gama Ertiraa fedhiin biraas akka jiraatuu malu himu.
''MM Abiy waliin si'a lammaffaa amananii akka bara 2018 ture araara buusuuf carraan akka hin jirre waan beekaniif aangoorraa buusuun isaaniif haala mijataa,'' akka uumuu malu himu.
Tigraayii bahanii gara Finfinnee qajeeluu yoo barbaadan turmsi hidhattoota Faannoo isaan barbaachisuu mala jedhu.
Sababa kanaaf, qaamoleen sadan; Ertiraa, gartuu TPLF Dr Dabratsiyooniin hoogganamu fi hidhattooti Faannoo Naannoo Amaaratti mootummaa lolan hariiroo tolfachuu akka malan dubbatu Obbo Abdurraahimaan.
''Kun immoo, sababa ijoo bulchiinsi MM Abiy Ahimad callisee hin ilaalle ta'uu mala.''
Eenyuuti gidduu seenuu mala?
Itoophiyaan muddama Somaaliyaa waliin keessa seente yeroo furaa jirtu kanatti hariiroon Ertiraa waliin qabdu bifa jijjiirrachaa jira fakkaata.
Ertiraafi Itoophiyaa gidduu wanti kun yoo jabaate eenyutu gidduu galuu danda'a laataa?
Obbo Baay'isaan yeroo Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama keessa seenaniitti, ''qaamni sadaffaan alaa dhimma irratti qaban jiru'' waan ta'ef Turkiin hirmaachuu dubbatu.
Ertiraa waliin garuu kun jiraachuu dhabuu mala.
''Amma Itoophiyaafi Ertiraa gidduu lolli otuu ka'ee namni kan biraan fedhii itti hin qabaatu. … waan wallolluuf jennee waan dhaabatu hin jru. … Garuu namni ammoo ni dhuma,'' jechuun himu.
''Ani dhibbaa dhibbatti nan amana osoo amma ka'anii saba Itoophiyaas saba Ertiraas gaafatanii dhibbaa dhibbatti lola hin barbaannu jedhee deebisa sabni kun.''
'Wal ajjeefnee mari'annaan ijoollee ta'uudha'
Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga lubbuu lammiilee kuma dhibbaan lakkaa'amu galaafate booda mariidhaan xumura argateera.
Ajajoonni waraanaa wal xiqqeessaa turan ''akka homaa hin uumamnetti'' taa'anii harka wal fuudhaa, seeqaas turan. Sababa kanaaf wanti amma barbaachisu rakkoon yoo jiraate mariin akka furan dhiibbaa taasisuudha jedhu Obbo Baay'isaan.
''Har'a wal dadhabdaniyyuu yeroo fudhadhaa haasa'aa, waggaa lama waggaa sadii waggaa shaniyyuu haa ta'u irratti haasa'aa.
''Garuu namni tokkoyyuu du'uu hin qabu,'' jedhee ummanni osoo gaafate mootummaarra dhiibbaa kaa'u ture ''garuu wanta akkasiirratti carraa hin qabnu,'' jechuun himu.
Namoonni dhageettii qaban, hayyuuleen, namoonni siyaasaafi kaan as bahanii lola hin barbaannu jechuutu irra jira jedhu.
Hawaasi gama lamaanuu kan dhageettii qabu osoo gama lamaanuu walitti dhufanii ''yeroo sana afaaniin haasa'uu ta'a qawween haasa'uurra.''
''Loltuun afaaniin haasa'uu hin beeku qawwee isaatiin haasa'a jiruu isaati kun'' kan jedhan Obbo Baay'isaan, warri mootummaa keessaa warri sivilii ''kana to'achuu qabu'' jechuun ergaa dhaaman.

Odeessaafi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












