Yaada 'Ertiraan Itoophiyaa weeraruuf' jedhuuf Asmaraan deebii kennite

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantin duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomee Ertiraan waraana haaraa Itoophiyaarratti banuuf qophaa'aa jirti jechuun dubbatan.
"Walitti bu'insi biraan Gaanfa Afrikaa keessatti akka hin dhalanne hammbisuudhaaf tarkaanfii fudhachuun yeroon isaa ammadha," jedhan yaada dhuunfaa maqaa isaaniitiin Al Jazeera irratti maxxanfameen.
"Pirezidanti Isaayyaas Af-Warqiin walitti bu'insi Kaaba Itoophiyaatti akka ka'uuf hojjechaa jira," jedhan Mulaatuu Tashoomee.
Pirezidantiin duraanii Itoophiyaafi dippilomaatiin buleessi walitti bu'insi TPLF fi mootummaa giddu-galeessaa ture Pirezidant Isaayyaas akka carraatti fayyadamuun dhimma biyyattii keessa seenuuf itti fayyadameera jechuun himatan.
Gabaasni kun bahuu booda Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemaanee GabraMasqel ibsa bal'aa miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodaniin ''ka'umsi rakkoolee naannichaa Itoophiyaadha. Iddoo biraa miti'' jechuun deebii kennan.
Dabaluunis ''akeekkachiisa sobarratti hundaa'ee Ertiraa himachuudha'' jechuun ''himannaan ija jabina qabu ajandaa waraana kakaasuuf qaban dhoksuu fi sababeeffachuuf kan yaadamedha'' jedhan.
Ibsi Ministira Ertiraa kun bara 1998 wayita waraanni Ertiraafi Itoophiyaa eegalurraa kaasee hariiroo biyyoota lamaanii yaadachiisa.
Waraana Tigiraayitti Sadaasa 2020 banamee Tigraay keessatti dhiiga dhangalaaserratti humnoonni Ertiraafi milishoonni Amaaraa raayyaa mootummaa Itoophiyaa waliin hiriiraniiru.
Barreeffama isaanii kanaan Pirezidant Isaayyaas biyyoota ollaa dabalatee naannicha keessatti nagan akka hin buune hojjeta jechuun kan himatan Dr. Mulaatuu Tashoomee, waliigaltee Piritooriyaa waraanni Tigraay wagga lamaaf ture akka dhaabbatu taasiserraallee gammachuu akka hin qabne dubbatu.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa ammoo waraanni Kaaba Itoophiyaa wayita eegalu kutaa waraanaa raayyaa ittisaa miidhameef dahuu ta'uu boodas ''gaaffii mootummaan Itoophiyaa dhiyeesseen'' waraanicha keessaa qooda qabachuu ibsan.
Dabalataan waliigalteen Piriitooriyaa waraanicha goolabe dhimma keessoo Itoophiyaa waan ta'eef haajaa irraa hin qabaannee jedhan.
''Eertiraan akkaan dhimma keessoo Itoophiyaa ta'e kana danquufis ta'e gidduu seenuuf fedha hin hin qabaanne.''

Madda suuraa, EBC
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr. Mulaatuun waliigalteen TPLF fi muutummaa giddu-galeessaa Itoophiyaafi Gamtaa Afrikaatiif "injifannoo guddaadha" jedhan.
Guraandhala 2023, Pirezidant Isaayyaas Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu Piritooriyaa Sadaasa 2022 Afrikaa Kibbaatti mallattaa'ee "tooftaa ittiin addaan kutuu" Yunaayitid Isteetiin karoorfamedha jechuun ibsee ture.
Pirezidantiin duraanii Itoophiyaafi dippilomaatiin duraanii kun Ertiraan walitti bu'insa TPLF gidduutti uumame keessa galaa jirti, milishoota Amaaraa ammoo deeggaraa jirti jedhan.
Fulbaana darbe, dura ta'aan TPLF Dr. Debretsiyon Gabremikaa'el mootummaa naannoo Tigraay fi mootummaa Ertiraa waliin walitti dhufeeenyi jiraachuu ifatti dubbatanii ture.
Waliigalteen Piritooriyaafi rakkoon siyaasaa Tigraay keessa jiru hariiroo waggoota muraasa dura ture duubatti akka deebiyu godheera.
Hariiroon dippilomaasiin Itoophiyaafi Ertiraa gidduu waliigalteen Piritooriyaan booda laafaa dhufeera.
Yemaaneen akka himatanitti Itoophiyana ji'oota darban maqaa ''seeraanis ta'e humnaan'' ulaa galaan argachuu jedhuun Eertiraa dubbii barbaadaa jirti.
Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigalteen ulaa galaanaa argachuuf mallatteessite naannichaatti muddama uumuu himuun, waraana naannoo Amaaraa keessa jiruunis biyyattiin ''maraammartoo waraana keessoo'' keessa jirtii jedhan.
Dhumarrattis Itoopihyaan rakkoo ofii uumteef Eertiraatti qabachaa jirtii jedhan.
Waliigalteen mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti taasifame, michummaan ministira muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) fi Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Af-warqii gidduu tures akka laafffataa dhufu taasiseera.
Balaliin Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Itoophiyaafi Ertiraa walitti fiduudhaaf haftes ganna darbe kana murtoo Ertiraarraa ka'een addaan cituun isa ani yaadatama.
Onkoloolessa darbe ammoo Ertiraan kora biyyoota sadanii kanneen Itoophiyaarraa mufii qaban Masiriifi Somaaliyaa waamuun qopheessitee turte.
Haata'u malee, amma Itoophiyaan hariiroo gaarii Somaaliyaa waliin deebisee tolfachaa jiraachuun gabaafamaa jira.
"Gaanfi Afrikaa waraanatti seenee jennaan, miidhaan isaa eenyu birallee ni gaha," jedhan Dr. Mulaatuu Tashoomee.
Barreeffamni isaanii kun yeroo hariiroon Itoophiyaa fi Eertiraa akkaan qabannaa'etti tahuun isaa ammoo walitti dhufeenyi biyyoota lameenii akkaan laafffatee akka jiru akeekeera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












