Xiyyaarri Itoophiyaa gara Ertiraatti akka hin balaliine dhorkuun murtee bulchiinsaamoo siyaasa?

Abiy Ahmadifi Isaayas Afawarqii

Torban darbe Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ertiraa Fulbaana 30, 2024 eegalee xiyyaarri Itoophiyaa gara Asmaraatti akka hin balaliine murteesse.

"Gatiin tikkeettii dabaluu, qabeenyi imaltootaa barbadaa'uu fi dhabamuu, balaliin harkifachuu fi imaltoonni rakkachuu" dhimmoota akka sababatti dhiyaatanidha.

Akkeekkachisni kun miidiyaalee idilee fi hawaasaarratti ibsamaa ture.

BBC Tigrinyaan ogeeyyii fi hayyoota damee kanaa gaafachuun dhimma kanarratti gabaasa qixeessera.

Bara 2018 waliigalteen nagaa Itoophiyaafi Ertiraa wayita ibsamu, balaliin xiyyaaraa fi qunnamtiin bilbilaa biyyoota lamaan giddutti waggoota 20f addaan citee deebi’ee eegalamee booda, biyyoonni lachuu wal tumsuuf waliigalanii turan.

Yeroo sanatti lammileen Ertiraa imaltoota balalii Daandii Xiyyaara Itoophiyaa isa jalqabaatiin Eertiraa seenan fuula kolfaaf gammachuu, akkasuma daraaraan simatanii turan.

Dawoon waraanaa daangaa biyyoota lamaaniirratti argamu dhootuun guuatame diigamee, maatiin waggootaaf addaan ba’anii turan bilbilaan fi qaamaan wal arganii jaalallisaanii akka addaan hin cinneef watwaatan.

Garuu kadhannaan isaanii milkii dhabe. Daangaan biyyoota lamaan walitti fide amma deebi’ee cufameera.

"Waaqayyo hanga guutummaatti nu araarsitutti bilbilli ykn balalii xiyyaaraa nu hin dhowwiin!' jennee kadhanne,‘‘ kan jettu Birkihtin, amma balaliin xiyyaaraa dhorkamuutti rifachuu dubbatte.

Siiviil Aviyeeshiniin Ertiraa maal jedhe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota hedduuf Daandii Qilleensa fi Ministeera Faayinaansii Ertiraa kan hoogganan Kibrom Dafilaa, murteen Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ertiraa ''tajaajila laafaa'' kennu jechuun baase murtee siyaasaa ta'uu dubbata.

Hojiin Abbaa Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii inni guddaan sadarkaa nageenya xiyyaaraa daandiiwwan qilleensaa hordofuudha.

To’annoo fi odiitii dhaabbilee aviyeeshinii, nageenya buufata xiyyaaraa fi to’annoo tiraafikaa qilleensaa, gahumsa baalaliistootaa, injinarootaa, to’attoota tiraafikaa qilleensaa, qaamolee fi ejensiiwwan dhaabbilee suphaadhaaf waraqaa ragaafi eeyyama kennuu, akkasuma qajeelfamni nageenyaa balalii sirnaan hojiitti hiikamuu hordofa.

Ertiraa keessa dhaabbileen daandii qilleensaa jedhaman burjaajii uuman afur akka jiran dubbatu Obbo Kibroom.

Kan jalqabaa daandiin qilleensichadhuma matasaati jedhan. Namootaa fi meeshaalee xiyyaaraan geejjiba.

Inni lammaffaan ammoo siiviil aviyeeshiniidha. Kunis nageenya namotaa fi bu’a-qabeessuummaa balalii xiyyaaraa to’ata. Inni sadaffaan buufata xiyyaaraa ti.

Buufannii xiyyaaraa imaltoota simatee, gaggeessa, lafatti tajaajila barbaachisaa imaltootaaf kenna.

Arfaffaan ammoo waajjira tikkeettii xiyyaarati.

Garuu hundisaanii hoggansaafi hojii addatti hojjatan qabu.

Haa ta'u malee, namoonni osoo hin beekiin tajaajila hundi walitti dabalanii ilaalu.

Tarkaanfiin Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ertiraa balalii addaan akka citu murteesse komii imaltootaa kan bu’uureffate ta’uun amanuuf na rakkisaa jedhan.

Ogeessi dinagdee Dr Fitawwii Waldeyi, qaamni dhimmi ilaallatu sirreeffama akka fudhatu gaafatamuu isaa osoo hin eerin, sababni Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Ertiraa balalii dhaabuuf dhiheesse quubsaa miti jedhan.

"Aanga'oonni Ertiraa murtee tasaa akkasii osoo hin murteessiin dura dhimmoota akka fooyya’u gaafatan miidiyaadhaan ibsuu qabu turan."

‘’Sababni dhorkii balalii akka tasaa labsameef siyaasaa ykn waldhibde daldalaa ta’u mala. . . Tarii nuti homaa hin beeknu" jechuun, ibsi kenname quubsaa miti jedhan.

Duraan odeeffannoon ibsame turee?

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa hanqina mudate akka sirreessuu fi miidhamtootaaf beenyaa akka kaffalu Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ertiraa, akkuma gaafateen, murteen kun Adoleessa 21 akka dhaabbaticha dhaqqabe, odeeffannoo bal’aa akka hin arganne ibsuun, waldhabdeen kun karaa mariin furmaata argachuu akka danda’u Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibseera.

Rooyitars Dubbi-himtuu Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Haannaa Axnafuu wabeeffachuun akka gabaasetti, Daandiin xiyyaarichaa balalii akka tasaa addaan citeen rifateera.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gebramasqal dhimmicharratti yaada akka kennan gaafatanii, deebii akka hin arganne eere.

''Siivil Aviyeeshiniin Ertiraa balalii torbanitti 10 irraa gara 15tti akka daballu Adolessa 8, 2024 barreeffamaan nu gaafate,'' jedhan, torban lama booda garuu murtoon ''rifaasisaa'' jedhan dhagahuu himan.

Akka gaazexeessaan Aviyeeshinii duranii Qaalaysuus Baqqalaa jedhutti, balalii xiyyaaraa kan haqan hariiroo siyaasaa MM Abiyi Ahimad waliin qaban bu’uureffachuun ta’uu miidiyaa Ankar jedhamutti himan. Hanqinni lammilee Ertiraas ta’ee, maamiltoota biroo kaasan yoo jiraate mariin furuutu danda’ama jedha.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tikkeettiin Asmaraa Naaqfaan gurguramu doolaaraan akka gurguramu gochuuf rakkannaan kan dhiifame yoo ta’u, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gamasaatiin kaffaltiin balalii gara Ertiraa dolaaraan kallattiin Nafqaa kaffalamuu waan jiruuf, qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mariyachuun hojjataa akka ture gaazixeessaan aviyeeshiinii kun himeera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa fi Eertiraa yeroo tokko waliin hojjechuuf walii galuusaanii fi bakka bu’oonni Daandii Qilleensaa Ertiraa leenjii fi mariidhaaf Itoophiyaa dhaquu ibsuun, haala amma jiru mariidhaan hiikuun biyyoota lameen akka fayyadu ibsaniiru.