Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sababa imalli gara Asmaraa akka adda citu murtaaheef gaafachuu beeksise

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa imalli gara Asmaraa godhamu Fulbaana 30/2024 irraa kaasee akka adda citu beeksifamuu ifa godhe.
Daandiin qilleensaa kun guyyaa sadii dura jechuunis Adoolessa 21/2024 xalayaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ertiraarraa isa qaqqabeen balaliin Itoopihyaarraa gara Ertiraa godhamu Fulbinaa 30, 2024 irraa ka'e akka dhaabatu beeksifamuu ibseera.
Xalayaan isa qaqqabe sababa imalli kun akka adda citu murtaaheef kan hin beeksifne ta'uu daandiin qilleensaa kun ibsa gabaabaa Adoolessaa 24/2024 waaree booda marsaalee hawaasa isaa gubbaatti baaseen beeksise.
Ibsi kun bahuu dura gaazexaan ''Hadaas Ertiraa'' kan Ministeera Geejibaa fi Koominikeeshinii, Abbaa Taayitaa Siviil Aveeshinii biyyattiin maaxanfamu beeksisa baaseen Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balaliirraa dhorkamuu himee ture.
Abbaan taayitaa beeksisa gaazexaa kanarratti baaseen Fulbaana 30/2024 irraa kaasee Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa balaliiwwan gara Eritiraa taasisu guutummaatti dhorkuu beeksiseera.
Siviil aveeshiniin kuni ibsa gaazexaa kanarratti baaseen dhorkaa kana kan murteesse imaltoota Eritiraa irratti miidhaan ''qindaawaa fi malaan taasifamu'' irra gahuuni jedhe.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa adeemsa sirrii hin taaneen ''shaanxaa imaltootaa irratti hanna raawwateera,'' jechuun dabalataan balaliifi shaanxaan boodatti hafee qaqqabuu eeruun daandiin qilleensichaa imaltootaaf beenyaa osoo hin kaffaliin tureera jedhameera
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsaa gabaabaa baase keessatti sababa imalli gara Asmaraa akka adda citu murtaahee akka hin ibsamneef hime.
''Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Abbaa Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Ertiraaraa sababa murtee kanaa gaafachaa jira, rakkoo kamuu saffisaan furuuf murannoo qaba'' jedha ibsichi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa murtee daandii qilleensaa kana dhorkuuf sababni murteesseef kan biraan gatiin tikkeettii balalii sababa quubsaa malee dabaluu isaati jedhe.
"Rakkoolee ibsaman kana hiikuuf Daandiin Qilleensaa Itoophiyaaf irra deddeebiin akeekkachiifamee bu'aa hin fidne, Fulbaana 20, 2017 irraa eegalee balaliin Daandii Qilleensa Itoophiyaa gara Eertiraa dhorkameera," jedha.
Ergaa mootummaan Eertiraa imaltoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaaf dhaamsa dabarseen, imaltoonni Fulbaana 20 booda daandii xiyyaaraa kanaan imaluuf karoorfatan dursanii akka sirreeffatan dhaame.
Mootummaan Eertiraa kana jedhus, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ammallee marsariitii isaaratti fi waajjira tikkeettii balaliisaatti tikkeettii Fulbaana 21 boodaa gurguraa jira.
Xiyyaroonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa amma torbanitti yeroo shan gara Asmaraatti balali’a.
Daandii Qilleensaa Itoophiyaan alatti, daandiiwwan qilleensaa Saawud Arabiyaa, Turkii fi Masrii idileen gara Asmaraatti balali’u.
Pirezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii tibbana Xaaliyaanii wayita daawwatan Daandiin Qilleensaa Xaaliyaanii gara Eertiraatti akka balalii eegalu waliigalleerra jedhan.
Waraanni Itoo-Eertiraa erga xumuramee goolabame booda, balaliin waggoota 20f addaan citee ture, ALI bara 2010 deebi’ee eegalamutu yaadatama.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyi Ahimad aangoo qabachuu hordofee hariiroon biyyoota lamaani qabbanaa’e ture wayyaa’uun, balaliin xiyyaaraa jalqabamee ture.
Yeroo sanatti hoggantoonni biyyoota lamaanii waliigaltee "Waliigaltee Asmaraa" ykn ‘’Asmara Declaration’’ jedhamu mallatteessuun, tajaajila geejjibaa lafarraa, daldalaa fi tajaajilli qunnamtii bilbilaa addaan citee ture deebi'ee eegalame.
Ammaa ulaan daangaa biyyoota lamaanii hundi cufamuus, tajaajilli qunnamtii bilbilaa ammallee banaadha.
Walitti dhufeenyi dippilomaasii Itoo-Eertiraa wal-waraansi kaaba Itoophiyaa xumuramuu hordofee deebi’ee qabbaa'e.
Waraana kaabaa Itoophiyaarratti Eertiraan mootummaa federaalaa tumsuun humnoota Tigraay waraanaa turuun ni yaadatama.












