Paayileetiin imaltoota teessoo diddiga qaburra taa'uu didan xiyyaara keessaa buuse

Daandiin qilleensaa Kanaadaa dhimma kana xiyyeeffannaan qorachaa jiraachuu hime

Madda suuraa, Reuters

Daandiin Qilleensaa Kanaadaa imaltoota lama teesso irratti diddigamerra taa'uu didan xiyyaara keessaa buusuun erga ari'ee booda kana gochuusaatti dhiifama gaafateera.

Magaalaa Laas Veegaas irraa gara Montiriyaal imalaa kan turte Suuzan Beenson, imaltoonni lameen yoo komii waa'ee teessoo hin dhaaban ta'e tajaajila balalii akka dhaban paayileetiin akeekkachiisaa ture jette.

Imaltuun xiyyaara rakkoon keessatti mudate kan keessa turtee fi taatee kana taajjabaa turte kun, hojjettoonni xiyyaaricha keessaa urgooftuu itti biifuu fi foolii bunaan foolii ajaa'aa diddiga kanaa balleessuuf yaalaa turan jette.

Daandiin qilleensaa Kanaadaa imaltoonni tajaajila argachuu qaban qixa sirrii ta'een hin arganne jedhe.

''Jalqaba waan mudate sirriitti hin hubanne turre,'' jechuun dhuma ji'a darbee irratti feesbuukii isheerratti maxxansite Aadde Beenson.

''Haala turerraa wayita hubannu, imaltoonni balalii duraatiin xiyyaara kanaan imalan teessoorratti diddiguusaaniiti. Hojjettoonni xiyyaarichaa miira dhiifamaan imaltoota kunneen keessummeessaa turan, garuu xiyyaarri guutuu waan ta'eef teessoo biraan hin jiru jechaa turan,'' jechuun waan argite himte Aadde Beenson.

''Daakuu bunaafi urgooftuu biifuudhaan foolii badaa balleessuuf yaalaa turan.''

''Akkasis ta'ee garuu fooliin inuma jira, qabattoon imaltootaa jiidhaadha, diddigi irraa mul'ata,'' jette Aadde Beenson.

Akka imaltuun kun jettutti wal-qoccolloo yeroo dheeraa booda paayileetiin kutaasaa keessaa aariidhaan as ba'e.

Isa booda imaltoonni xiyyaaricha keessaa baafamuun baasii mataasaaniin xiyyaara biraan akka imalan dirqamsiifamuu akka danda'an itti himame.

Yookiin ammoo qaamolee nageenyaan xiyyaara keessa baafamanii garee tajaajila imalaa hin arganne jala galfamuu akka danda'an doorsifaman.

Akkuma jedhame yeroo xiqqoo booda humnoota nageenyaan xiyyaaricha keessaa baafaman.

Taatee kana hunda kan taajjabaa turte Aadde Beenson ''lammii Kanaadaa ta'uusheetti akkasumas xiyyaara Kanaadaatti baayyee qaana'uu,'' himte.

Daandiin Qilleensaa Kanaadaa taatee mudate kana xiyyeeffannaan ilaalaa jiraachuu ibseera.

Haala mudate kana keessatti qajeeltoowwan ittiin imaltoota [maamiloota] tajaajilan sirriitti hojiirra hin oolles jedheera.