'Xayyaarri Itoophiyaa obomboleettii cimaa keessa qubate kan jedhu soba'- Daandii Qilleensa Itoophiyaa

Xayyaara Itophiyaa

Madda suuraa, ETHIOPIAN

Xayyaarri Itoophiyaa lakkoofsa balalii ET608 ta'e bubbee cimaa rooba makate keessa qubate jedhamee kan odeeffamu sirrii akka hin taane Daandiin Qilleensa Itoophiyaa beeksise.

Guyyoota muraasa as bubbee cimaa rooba makate keessa buufata xayyaara Hong Koongitti qubachuu kan danda'e xayyaara Itoophiyaa qofaadha jedhamee keessumaa miidiyaa biyya keessatiin odeeffamaa ture.

Xayyaarichi "obomboleettii gidduu qubachuun mata duree oduu addunyaa ta'eera" jechuun gabaase miidiyaan biyya keessaa tokko.

Gaazexaan Bloomberg gamasaatin haala qilleensaa bubbee cimaa rooba makate keessatti gaafa Jimaataa buufata xayyaaraa Hoong Koong kan qubate xayyaara daandii qilleensa Itoophiyaa qofa akka ta'e gabaase.

Daandin Qilleensa Itoophiyaa Sambata galgala ibsa baaseen, xayyaarri lakkoofsi balalii isaa ET608 ta'e Finfinneerraa ka'uun Baankook irraan bahee akkaataa sagantaa isaatti gaafa Jimaataa buufata Xayyaara Hoog Koong qubachuu beeksise.

Xayyaarri Itoophiyaa kun Baankook irraa gaafa ka'u Hoong Koong qubachuu akka danda'u raaga qilleensaa irraa odeeffannoo erga fudhateen booda ta'uu ibse Daandiin Qilleensa Itoophiyaa.

Buufata xayyaaraa Hoong Koong qubachuus kan danda'e kutaa to'annoo qilleensa buufata xayyaara Hoong Koong irraa qubachuu akka danda'us hayyamni kennameefii akka qubates ibse.

Roobni cimaan bubbee makate Hoong Koong akka ture dursee odeeffannoo kan qabuufi haala qilleensaa achi ture hordofuun garee balalii xayyaara Itoophiyaaf odeeffannoo kennaa akka ture hima ibsi daandii qilleensaa kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasumas xayyaarichi buufata xayyaara Hoong Koongi rakkoo malee akka qubateefi sana booda haalli qilleensaa balaliif mijataa waan hin turreef balalii ittaanu osoo hin taasisin sa'aatii 24'f achuma turuuf akka dirqame ibse.

Bubbee cimaan rooba makate Sa'oolaa jedhamuufi sa'aati tokkotti fageenya km118 deemuu danda'u, Hoong Koongifi naannoo sanatti mudatee ture.

Sababa bubbee cimaa rooba makate kanaan balaaliiwwan haqamanii turan.

Akka gabaasa Biluumbargitti gaafa Jimaataa balaliiwwan 460 kan haqaman yoo ta'u, naannichatti balaliiwwan hedduu taasisuun kan beekamu Cathay Pacific Airways, gaafa Jimaataa waaree booda sa'aatii 8 irraa kaasee hanga gaafa Sanbataa ganama sa'aatii 4tti Hoong Koong irraas ta'ee balalii garasitti taasifamu guutummaan addaan kutee ture.

Marsariitin balalii hordofu Flight Radar 24 akka agarsiisetti, xayyaarichi Finfinnee ka'uun Baankook erga qubateen booda balaliin sa'aatii 2fi daqiiqaa 20 gara hoong Koongitti taasise mata duree dubbii ta'ee ture.

Xayyaarri daandii qilleensa Itoophiyaa kun Baankok irraa ka'uun Dilbata Fulbaana 3, Finfinnee qubachuusaa marsariitiin Flight Radar 24 mirkaneesseera.