Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waa'ee viidiyoo bal'inaan qoodame deebii kenne

Madda suuraa, @LARRYMADOWO
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa viidiyoon taate xiyyaara Itoophiyaa keessatti mudate mul'isuufi miidiyaa hawaasummaarratti baay’inaan qoodame waan mudate ''sirriin hin mul’isu,'' jedhe.
Viidiyoon Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti waraabame imaltuun tokko hojjettootaan akka xiyyaararraa buutu yeroo gaafatamtuufi isheen hin bu’u jechuun falmii taasistu mul’isa.
Dhimmichi miidiyaa hawaasummaarratti ijoo dubbii kan ta’eefi Daandii Qilleensa Itoophiyaarratti qeeqaafi mormii akka ka'u kan taasise erga gaazexeessaan CNN Laari Maadow qoode boodadha.
Gaazexeessaan lammii Keeniyaa viidiyoo qoode waliin barreeffamni qoodame ''imaltuun kuni akka buutu kan gaafatamte aangawaan ministira ta’aniin teessumni ishee waan qabameefi,’’ jedha.
''Dhiifama ishee hin gaafanne osoo iyyituu xiyyaararraa ishee buusan. Ministiricha homaa wanti godhan hin jiru. Qaanessaadha,’’ jechuun Laarin barreesse.
Viidiyoon gaazexeessichi X, TikTok fi Fesbuukii isaarratti qoode walumaagala si’a miiliyoona 8 ol daawwatameera.
Kana hordofee Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ALI Dilbata Adoolessa 14, 2016 ibsa baasen viidiyoon baay’inaan miidiyaa hawaasummaarratti qoodame dhugaa jiru kan ibsu miti jedheera.
Balalii xiyyaaraa Jimaata Adoolessa 12, 2016 Finfinneedhaa ka’e gara Naayiroobii imaluuf imaltoonni lakkoofsa teessuma jiru caalan tikkeeta bitachu ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imaltoonni sadii ‘’tikkeeta kutaa ikonomii eeggataa’’ muratan xiyyaarichi waan guutef balalii itti aanuun akka imalan himameef xiyyaarichaan imaluu akka hin dandeenye hojjettootaan akka ibsameef Daandiin Xiyyaarichaa beeksiseera.
Akka adeemsa Daandii Qilleensaatti imalaan/imaltuun ‘’tikkeeta eeggataa’’ qabate/tte, namni tikkeeta muratee yeroon hin argamne gaafa jiraate qofaadha bakka hafetti akka imalan kan eeyyamamuuf.
Daandiin Qilleensichaa imaltoota sadan keessaa lamaan xiyyaararraa bu’uu waan didaniif, humnoota nageenyaan buufaman jedhe.
Dabaluunis, viidiyoo qoodameerratti dubartiin mul’attu waan bakkashee aangawaan qabataniifi jedhames sirrii miti jechuun ibse.
Imaltuun mul’attu tikkeeta ikonomii bitachuufi imalaa kutaa bizinasii balali’aa tureefi lammummaa Itoophiyaa qaburraa wanti walitti ishee fidu homtuu hin jiru jedheera.
‘’Haalicha gaafa ilaalan teessumni nama biraaf dabarfamee kenname,’’ ilaalchi jedhu hubatame. Kuni garuu dogongora jedhe.
‘’Wanti ta’e kana miti. Suuraan qoodame waan mudate sirriin kan mul‘isu miti,’’ jedheera Daandiin Qilleensichaa.
Xumurarrattis imaltoonni guyyaa sana imaluu hin dandeenye balalii itti aanun akka balali’an taasifamuu dabalee ibseera












