Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-Warqii waa'ee Itoophiyaa maal jedhan?

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warwii S

Madda suuraa, SHABAIT

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii Sadaasa 30, 2024 TV mootummaa isaaniiiratti dhiyaachuun waa'ee dhimmoota yeroo irratti gaaffiifi deebii taasisaniiru.

Pirezidant Isaayyaas waa'ee waliigaltee Somaaliyaa, Masiriifi biyyisaanii Ertiraan taasifatan, Itoophiyaatti ammoo keessumaa haala nananoo Tigraay keessa jiru, akkasumas waa'ee pirezidantii haaraa Ameerikaa Doonaald Tiraamp dubbataniiru.

Pirezidantichi waa'ee qaxanicha keessa jirurratti yaada kennaniin alatti, bu'uura misoomaa bishaanii, inarjii, ijaarsa mandara waliin jireenyaa ilaalchisuun turtii gaazexeessitoota waliin taasisaniin ejjennoo mootummaasaanii kaasaniiru.

Waan Itoophiyaa keessa jiruuf waa'ee TPLF

Pirezidant Isaayyaas Af-Warqii akkuma yeroo hundaa, "amma walitti bu'insi Itoophiyaa keessa jiruufi waldhabdee isheen biyyoota ollaa waliin itti jirtu kan madde Heera mootummaa bara 1994 hojjiirra ooledha," jedhan.

"Heerichi] muddamaaf ka'umsa ta'uu isaatiin alatti ijaarsa biyyaa kan baballisu miti. Itoophiyaan mataa ishee waliin nagaa uummachuu baannaan tasgabbii, tumsaafi wal danda'uu qaxanichi barbaadu keessatti gahee gaarii hin qabaattu," jechuun waan Itoophiyaa keessa jiru dubbatan.

Waraanni Itoophiyaafi Ertiraa, akkasumas sababa baadimmeetiif waggoota 20 muddamni biyyoota lamaan gidduu tures "bu'aadhuma imaammata kanaati" jedhan.

Itti dabaluun, walitti bu'insa daangaa biyyoota lamaan gidduu tureef humnoota alaa itti gaafatamuu godhaniiru Pirezidant Isaayyaas.

Pirezidaantichi qaxanaa sana keessatti, akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti walitti bu'iinsa baballisaa jiru kan jedhan humnoot alaa eenyu akka ta'an maqaa hin eerre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidant Isaayyaas, bulchiinsa haaraa Itoophiyaa [mootummaa MM Abiy Ahimad] erga dhufeen booda "waraanni ka'e haaluma kanaan ilaalamuu qaba," jedhaniiru.

"TPLF jijjiirama Itoophiyaa keessatti dhufe hin fudhadhu jedhee waraanatti seenuun Ertiraa keessatti bakka 70 olirratti xiyyeeffachuun rookkeetii fageenya dheeraa deemuun haleeleera," jechuunkan himatan Pirezidant Isaayyaas, waamicha mootummaan Ertiraa TPLF akka gocha isaa kanarraa of qusatuuf taasise kan dhaga'u hin arganne jedhan.

Waliigaltee nagaa Piritooriyaatiin boodas naannoo Amaaraa keessatti walitti bu'insi dhalachuu kan kaasan pirezidantiin Ertiraa, komii mootummaasaaniirratti ka'u akka hin fudhanneefi waraana dhiiga dhanagalaasu keessa seenuurraa yeroo hunda akka of qusatan beeksisaniiru.

Walumaagalatti kaayyoon mootummaasaanii qaxanicha keessatti nagaafi tasgabbiin akka bu'u ta'uu himuun, humnoonni alaa akka gidduu-seenaniif qaawwi akka hin banamneef akka hojjetanis ibsaniiru.

Waraana naannoo Tigraay keessatti gaggeeffame keessatti waraannisaanii mootumma Itoophiyaa deeggaruun hirmaachuun isaanii kan yaadatamu yoo ta'u, waliigaltee Piritooriayaa waraanicha dhaabsiseen booda garuu mootummoota lamaan gidduu hariiroon ture qabbanaa'ee mul'ateera.

Pirezidantii Somaaliyaa, kan Masriifi kan Eritiraa

Madda suuraa, HAWELTI

Waliigaltee Eritaa, Masrii fi Somaaliyaa

Itoophiyaan erga ulaa galaanaa argachuuf Somaaliilaandi waliin waliigalte wal hubannoo mallatteessiteen booda, Somaaliyaa waliin akkasumas sababii hidha Haaromsa guddichaatiin Marsii waliin wal dhabdee keessa akka jirtu ni beekama.

Keessattuu erga Itoophiyaa Galaanaa Diimaa irraatti karaa darban ykn gahee akka qabaattuuf fedhii qabaachu ifa taasifteen booda kallattiidhaanis ta’u baatulleen, Ertiraan gammadduu akka hin taane ibsaa turte. Kanaanis pirezidantiin Somaaliyaa yeroo wagga tokko hin gunnee keessatti yeroo sadii ol gara Ertiraatti marmaaraniiru.

Kana malees Somaaliyaan Masrii waliin waliigaltee waraanaa waliin mallatteessuushee hordofee waliigalteen waloo Asmaraa irratti mallattaa’e kallattii Itoophiyaatiin ta’usaa irra deeddebiin himamaa ture. Haata’u malee, pirezidantiin Ertiraa kana haalaniiru.

Pirezidanti Isaayaas ‘‘odeeffannoon sobaa humnotiin alaafi leelliiftoonni karaa miidiyaa sabaa himaafi miidiyaa hawaasaatiin tamsaasanii fi duulli taasisan qaxanichatti walitti bu’iinsa kan cimsuudha’’ jechuun qeeqan.

‘‘Kana miidiyaaleen tamsa’u kunis kann maddee onneerraa Itoophiyaaf yaaduun miti’’ kan jedhan Pirezidanti Isaayaas, waliigalteen biyyoota sadna jidduutti taasifame ‘‘kaayyoonsaa ijoon qaxanichatti tasgabbii buusuuf’’ akka ta’e dubbattan.

Fedhii ijoon Ertiraa ‘‘Gaanfa Afriikaa hundatti, biyyoota yaa’aa Abbayyaa fi ollaa Galaanaa Diimaatti tasgabbii fi wal ta’insi akka jiraatuudha’’ jedhan.

‘‘Ertiraan gonkumaa Itoophiyaan tasgabbii dhabiinsa keessa galtee arguuf fedhiin hin qabdu’’ kan jedhan Isaayaasaa, waliiglateewwan biyyoota qaxanichaa jidduutti taasifaman wal amantaa dhabuu akka hir’isaniifi bu’aa qabeessaa akka ta’an kaasaniiru.

Dhimma Sudaan

Pirezidanti Isaayaas waa’ee wal waraansa biyya ollaa kan taatee Sudaan keessa jirurrattis yaada kennaniiru. Akka jedhaniittis, Finicila bara 2019 Sudaaniitti ka’e kana kan Fidan ajandaawwan amantaa fi jidduu galummaa humnoota alaa wal ta’uudhaan jedhan.

Walitti bu’insa Sudaan kan furamu Sudaanootumaan kan jedhan Isaayaas, haata’u malee walitti dhufeenya seenaa Ertiraafi Sudaan qamabiin akkasumas ‘‘qaxanaa nageenyiisaa eegameefi tasgabbaa’aa mirkanneesuuf gahee keenya bahu qabna’’ jedhan.

Walitti bu’iinsi Sudaan akka furamuuf biyyisaanii Eritaan wallakkeessaa bara 2022tti yaada nagaa ‘‘falmiisiisaa hin taaneefi bal’inaan fudhatama argate’’ dhiyeessuu kaasaniiru.

‘‘Waraanichi ka’u kan hin qbaaannee yoo ta’u jidduu galummaa humnoota alaatiin itti fufee’’ kan jedhan Isaayaas, wal waraansi Sudaan atatamaan akka dhaabbatuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Wal waraansa Sudaan wagga lamaaf adeemaa jiruun humni waraanaa biyyattii Janaraan Al Burhaaniin durfamu fi humni saffiisa Janaraal Daagaaloon durfamu olaantummaa argachuuf wal waraanaa jiru.

Torban darbe keessa Janaraal Al Burhaan Ertiraa dowwachunsaa ni yaadatama.

Pirezidanti Doonaald Tiraamp

Pirezidanti Isaayaas pirezidantii Ameerikaa haaraa filatame Doonaald Tiraampilaalchisuun yaada kennaniin, yaadni ‘‘Make America Great Again’’ jedhu ‘‘dhiibbaan Ameerikaa addunyaarratti hir’ataa dhufuu agarsiisa’’ jedhan.

Ameerikaa diinagdeedhaan, dameewwan waraanaa akkasumas teknoloojii fi kaaniin dhiibbaanshee waggoota soddooman darbaniif hir’ataa dhufuu dubbatan.

Pirezidanti Isaayaas dhiibbaan Chaayinaan gama diinagdee fi teeknolojiitiin uumtee fi dhiibbaan Raashiyaan qabdu Ameerikaa dorgomaa jira jedhan.

Itti dabalunis bulchiinsi Ameerikaa haaraan imaammnni baasuu jijjirama fidaa laata? kan jedhu shakkisiisaadha jechuun ibsan.

Pirezidantiin Eritraa, imaammanniiwwan Tiraampi baasuu jijjirama fiduu laata kan jedhu raaguudhaaf yeroonsaa ganaadhas jedhan.

Itti dabalunis, ‘‘hojii manaa keenya hojjataa walitti dhufeenya ijaaraa ta’e uummachuuf qophii ta’u qabna’’ jedhan.

Ertiraan gara wagga 30tti dhiyaatuuf walitti dhufeenyi Ameerikaa waliin qabdu kan qabanaa’e yoo ta’u, yeroo garagaraattis Pirezidanti Isaayaas rakkoolee biyyasaaniifi qaxanicha keessatti umamaniif Ameerikaa itti gaafatamtu taasisuun irra dedeebiin himataa turan.