'TPLF rakkoo qabu furachuu baannaan Badhaadhinni aangoo isaa ni fudhata' -Getaachoo Raddaa

Obbo Getaachoo raddaa, pirezidanti bulchiinsa yero Tiraay

Madda suuraa, Getty Images

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) rakkoo keessoo isaatti dhalate waliigalteen furachuun dhiyaachuu qaba jechuun mootummaan Federaalaa akeekkachiisuu Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay himan.

Obbo Getaachoon haala naannoo Tigraay keessa jiru Sadaasa 24, 2024 sabaa-himaaleef ibsa kennaniin, qaamoleen TPLF lamatti qoodame gaggeessan bulchiinsa siviliirratti “fonqolcha mootummaa” gaggeessaa jira jechuun irra deebiin dubbataniiru.

Waraanni ture xumura argachuu isaatiin booda seera-qabeessummaan isaa akka deebiyuuf gaafachaa kan ture paartiin ijoo naannichaa TPLF, murtee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akka haaraaatti irra deebiyee akka galmaa’uuf darbe osoo hin fudhatiin hafee Kora Waliigalaa gaggeessuun isaa keessoo isaatti waldhibdeen uumamee aanga’oonni paartichaa qoqqoodamuun isaanii ni yaadatama.

Gareen dursaa TPLF Dabretsihon Gabremikaa’el fi pirezidantii bulchiinsa yroo ce’umsaa Obbo Getaachoo Raddaa hogganan gidduutti torbanoota darban keessa wal himachuun kan ture yoo ta’u, bulchiinsi yeroo gareen fonqolcha aangoo gochuuf socho’aa jiru akka jiru ibsuun isaa ni yaadatama.

Obbo Getaachoon “ Fedhii aangoo guutummana guutuutti to'achuuf fedhii qabu" kan ittiin jedhan aanga'oota olaanoo, gara mootummaa Federaalaatti deddeebiyuun "aangoon akka isanaiif kennamuuf gaafataniiru," jechuun himataniiru.

"Si'a sadii gara mootummaa Federaalaa deemaniiru; wanti akkas jedhamu hin jiru; waliin ta'uun dhufuu qabdu jedhamaniiru. Walga'iin gaggeessanis akka koraatti hin lakkoofnu jedhamaniiru," jechuun dhaabbatichi marii keessoo gaggeeffachuun akka furatu itti himamuus dubbatan.

Obbo Getaachoon ibsa kennaniin, haalli siyaasaa Tigraay keessa jiru sadarkaa yaaddessaarra gaha ajiraachuu himuun, TPLF oolchuudhaaf marii taasisuudhaaf qphii ta'uu eeraniiru.

Mootummaan Federaalaa TPLF rakkoo keessoo isaa akka furatuuf waamicha taasisaa jiraachuu ibsuun, ta'uu baannaan garuu bulchiinsa yeroo naannichaa Paartiin Badhaadhinaa akka harka afudhatu akeekkachiisuu dubbataniiru.

Paartichi mariidhaan rakkoo isaa furachuu yoo hin danda'u ta'e, aangoo mootummaa nananichaa "Badhaadhinni ni qabata jedhamee itti himameera' sababiin isaa ammoo waliigalteen Piritooriyaa aangoo TPLF qofaaf hin jedhu."

Waldhaibdeen dursaa TPLF fi pirezidantii bulchiinsa yeroo gidduu jiru ji'oota darban keessa hammaachaa dhufee caasaa bulchiinsaa nananichaa sadarkaa garagaraa keessatti gidduu-sentummaan hammaachaa akka dhufe bulchiinsi yeroo ibsa torban darbe keessatti eeree ture.

Gareen Dabretsihoniin durfamus bulchiins ayeroorratti himannaawwan garagaraa dhiyeessaa kan ture yoo ta'u, qaamoleen lchuu humni nageenya anananichaa gama kamirrayyu osoo hin goriin walaba ta'ee akka turuuf hubachiisaa turaniiru.

Haaata'u malee, pirezidant Getaachoo Raddaa, gareen dura ta'aa TPLFn durfamu humna nageenyaa maqaa balleessaa jiraachuu eeruun adeemsi kun "hamaadha" jechuun akeekkachiisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Getaachoon ibsa isaaniitiin, ji'oota sadan darban warqiin kuntaalli 28 naannoo Tigraay irraa mootummaa Federaalaaf galuu isaa; garuu mootummaatiif maallaqni gale akk ahin jirre dubbataniiru.

"Ji'a sadiifi torban lama darbe keeessatti warqiin kuntaalli 28 Federalaaf galeera. Kun kan karaa kontorbaandiin bahe hin dabalatu. Kanarraa garuu mootummaan saantiima tokko hi arganne. Sababiin isaa ammoo kanarratti kan bobba'e humna kontorbaandii bal'aa ta'edha" jechuun dubbatan.

Sochii seeraan alaa kanaan namoonni humnoota Tigraay jalatti argaman, hoggantoonni humnoota nageenyaa, akkasumas aanga'oonni bulchiinsa sivilii keessatti argaman akka keessatti hirmaatan ibsaniiru.

"Humna waloo kan ahordofu hundeessineera; garuu hojiin akka hin hojjetamne gufuutu isa mudata. Namoonni seeraan ala albuuda baasaniifi namoota daddabarsan abbootii alangaafi abbootii seeraa doorsisu; aanga'oota dhaabicha baraarra jedhan osoo hin hafiin daldala warqii kontorobaadii keessaa harka qabu," jechuun himataniiru.

Dabalataan, warqii baasuudhaaf kemikaalota hojiirra oolaniin uumamarra miidhana gahaa jiraachuu ibsaniiru.

Waraanni waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture hordofee warqiin naannoo Tigraay irraa mootummaa giddu-galeessaaf galaa ture baayyee xiqqachaa kan dhufe yoo ta'u, kallattii garagaraatiin warqiin karaa seeraan alaa Itoophiyaatii baha ajiraachuu irra deddeebiin gabaafamuun isaa ni yaadtama.

Obbo Getaachoon ibsa Maqaleetti kennan irratti, albuudni warqii akka malee saamamaa jiraachuufi qabeenya uumamaa irrattis miidhaa qaqqabaa jiraachuu dubbataniiru.

Pirezidant Getaachoon gochi seeraa ala warqii baasuufi daddabarsuun eenyuun raawwatamu wanti jedhan jiraachuu baatus, qaamoee gocha kana keessatti hirmaatan itti gaafatamoo gochuuf bulchiisni yeroo poolisi, nageenyaafi qaamolee haqaa waliin akka hojjetu ibseera.

Albuuda warqii naannoo Kaaba-lixa Tigraay keessaa bahu ilaalchisee hanga ammaa odeeffannoon ifa ta’e jiraachuu baatus, warqiin bahee karaa garagaraatiin Itoophiyaan alatti akka ergamu dubbatama.

Gocha warqii baasuu lammileen biyya alaallee akka itti hirmaatan himamu keessatti aanga’oonni TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay waliin waldhibdee keessa jiranis akka jiran ibsmaullee odeeffannoon bulchiinsa nananichaarraa ifatti bahe hin jiru.

Karaa waliigaltee Piritooriyaa waraana dhiiga hedduu dhanagalaase dhaabsiseetiin gaggeeffama jedhamee eegamaa kan ture loltoota hidhannoo hiikkachiisuuf gra wiirtuu haaromsaatti galchuun torban darbe jalqabamuun isa ani yaadatama.

Kana ilaalchisuudhan pirezidantiin bulchiinsa yeroo yeroo dubbatan, marsaa duraatiin hidhanoio kan hiikkatan, raayyaa isaan keessaa kan gaggeeffamaniifi akka dandamatan kan taasifaman kuma 75 akka ta’an dubbataniiru. Adeemsa kana keessattis rakkoon tokkollee akka hin jirre ibsaniiru.