MM Abiy waa'ee mana pilaastikaa fi diishii maal jedhan?

Abiy Ahmed Ali

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyi Ahimad

Ministirri Muummee Abiy Ahimad magaalaa Finfinneetti manneen pilaastikiin ijaaramanii fi barandaa pilaastikaan tolfamu akka dhorkamuu qaban dubbatan.

Ministirri Muummee Abiy kutaaleen magaalaa Finfinnee hundumaa fuulduratti misoomni kooridarii akka qaqqabu beekanii akka qophaa’an akeekkachiisan.

Karaa saddeetirratti misoomni kooridarii hojjatamaa jiru waliigalaan heektaara 2,879 yoo ta’u, dheerinni isaa kiiloomeetira 135 akka ta’u Kantibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee himaniiru.

Gamaaggama hojii misooma kooridariitti qondaalonni magaalaa Finfinnee akka ibsanitti, iddoowwan misoomni kooridarii itti hojjatamurraa namoonni qabiyyee lafaa qaban 6,500 ol akka ka’an ibsan.

Misooma koridariitiif beenyaa waliigalaa namoota qabiyyee lafasaanirraa ka'aniif birriin biiliyoona 11.9 akka kaffalamu eeruu; hanga ammaatti beenyaan birrii biiliyoona shan kaffalamuu beeksisan.

Aadde Adaanech namoota qe’eesaanirra ka’aniif lafti mana jireenyaa bakka kennamuuf hektaara 100 qophaa’e keessaa gartokkeen namoota lafasaaaniirraa ka’aniif kennamu ibsan.

Kana malees, manneen jireenyaa kuma afurii ol namoota qe’eesaaniirraa buqqa’aniif kennamuu ibsan.

Ministirri Muummee Abiy ijaarsa kooridarii kana ilaalchisuun yaada kennaniiru.

‘‘Warra biyyasaanii jaalatan, dhaloota waa’ee biyyasaanii gaarii haasa’an fi beeksisan kan uumaman, dhaloonni kooridarii ijaarreef yoo dammaqe. Kan ijaarruuf dhalootaaf yoo ta’e, haasaa walfakkaataa dhageenya,‘‘ jechuun qondaalota magaalichatti dubbatan.

Bu'uuraalee misoomaa magaalaa ijaarurras darbee "dhaloota magaalittii gitu uumu qabna"

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti fayyadamaa fi eegumsa bu'uuraalee misoomaa magaalattiirratti'' haqinni guddaan'' akka jiru ibsan.

''Namoota margarra deeman, daandii biskileetii irra deeman, daandii miillaa dhiisanii asfaaltiirra kan deeman namoota baay'eedha. Yaada kana jijjiirree, dhaloota magaalattii gitu taasisu qaban‘‘ jedhan.

MM Abiyi misoomni koridoorii "qabeenya biyyaa baafamuuf ture hambisuun fi humna biyyattiin qabdutti fayyadamuudhaan ta'uu ibsan.

MM Abiy ijaarsa kooridariin walqabatee dhimmoota "sirraa'uu qabu" jedhaniis kaasaniiru.

Hoggantoota magaalichaa gamaaggama kanarratti argamaniif qajeelfama kennan.

MM Abiy itti fayyadama pilaasitikaarratti yaada wayita kennan, pilaastikiin jiruu hawaasarratti miidhaa qabu kaasaniiru.

''Namni kamiyyuu mana pilaastikaan barandaarrattis ta’ee mannii buna keessatti gurguruuf ijaaramu seeraan ala ta’uu qaba.

Ittifayyadama pilaastikaa ilaalchisee mootummaan federaalaa seera qopheessaa jiraachuu eeruun; "pilaastikiin biyya akka hin seenne gochuuf yaalaa jirra," jedhan.

Finfinneetti ammoo barandaa pilaastikaan hojjatamu ammatti ittisuun akka barbaachisu eeran.

Kana malees, ittifayyadama diishii TV dhaaf fannifamurratti yaada kennaniiru.

Naannoo manneen waliin jireenyaatti diishii danuu dhaabuurra, tokkichatti namoonni akka gargaaraman taasifamuu qaba jedhan.

MM Abiyyi dhimmoota biroos waltajjii sanarratti kaasaniiru.