'Ejjennoon handaara galaanaa argachuuf qabanne boodatti hin deebi'u'- MM Abiy

Ministira Muummee Abiy Ahimad

Madda suuraa, FBC

Ministirri Muummee Itoiophiyaa Abiy Ahimad gaaffii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataarraa ka'eef deebii yoo kennan ejjennoon handaara galaanaa argachuuf qabatan boodatti kan deebi'u akka hin taane dubbatan.

Mudddama waliigaltee Somaalilaand waliin mallattaa'een walqabatee qaama Itoophiyaan haleellaa irratti aggaamamuuf qophii ta'uu dubbatan.

Itoophiyaan gama meeshaa waraanaatiinis ta’e humna namaatiin gahumsa weerara ofirraa ittisuu qabdi jedhan Abiy Ahimad.

Imaammanni dippilomaasii Itoophiyaa biyyoota hunda waliin nagaa fi wal tumsuun jiraachuu akka ta’e kan himan MM Abiy, ilaalchi Itoophiyaan hiyyeettiidha fedhiishee galmaan gahachuu hindandeessu jedhu sirreeffamuu akka qabu himaniiru.

“Itoophiyaan ni badhaati, rakkooshee qofa osoo hintaanee kan ardichaa furuuf shoora guddaa ni bahatti” jedhan.

Waliigaltee hulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallatteeffame hordofee hariiroo Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti rakkoon uumamuunsaa kan yaadatamu yemmuu ta’u, dhimmichaan walqabatee ilaalcha “Itoophiyaan lafa Somaaliyaa fudhachuuf waliigalte” jedhu uumuuf yaalamuu himan.

Qabatamaan garuu Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee liizii hulaa galaanaa waggaa 50’f turu mallatteessuu dubbatan.

“Nageenya waloof jecha Somaaliyaa keessatti nama kumaan lakkaa’amutu nujalaa du’e” kan jedhan MM Abiy, “naannoo Somaaliyaatti akka tasgabbaa’an, faayidaa biyyaa akka dursan, qalbii akka horatan yeroo kennineefii jirra, ni obsinas” jedhan.

“Haa ta’u malee Itoophiyaan faayidaa biyyaalessaa dhaabbataa ta’e qabdi. Addunyaan har’a yaa dhagahu. Itoophiyaan hulaa Galaana Diimaa karaa naga qabeessa ta’een argachuu ishee barbaachisa” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Dhimma kanarratti kan qaanofnu yookiin kan dhoksinu kan itti fakkaatu kan jiru yoo ta’e dogongoreera” jedhan.

Itoophiyaan fedhii hulaa galaanaa qabdu karaa nagaatiin milkeessuu akka barbaaddu kan himan MM Abiy, “Seera kamiinuu Itoophiyaaf ni mala. Itophiyaanonni bitamtoonni tokko tokko galuufii baatus nuti yookiin ijoolleen keenya ni milkeessu” jedhan.

Haa ta’u malee kanaan walqabatee namoonni waraanni jalqabuu danda’a jedhanii yaadan jiraatanis Itoophiyaan waraana akka hin barbaanne dubbatan.

“Namoonni yaaddoo ‘biyyoonni Itoophiyaa weeraruu danda’u’ qaban darbee darbee ni mul’atu. Namni kamiyyuu Itoophiyaa humnaan weeraruu hin danda’u. Humna ofirraa ittisuu gahaa ta’e qabna” jedhan.

Gama meeshaa waraanaatiinis ta’e humna namaatiin gahumsa qabaachuu kan himan MM Abiy, “Eenyuyyuu yoo dhufe qaanessinee deebisna. Namuuyyuu garuu hintuqnu” jedhaniiru.

Pirezidantiin Somaaliilaand Musee Bihii waliigalteen wal hubannoo fayyadama ulaa galaanaarratti taasisan hanga ammaatti osoo xumura hin argatiin kan tureef sababa qaxanicha keessatti “atakaaroo uumameen” ta’uu ibsaniiru.