Barri kun bara Itoophiyaan itti bayyaannattudha- MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, FBC
Minisirri Mummee Abiy Ahimad gaafilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itophiyyaarraa ka’aniif deebii laachaa jiru.
Ministirri Mummee Abiy, haasaa Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqa-Sillaasee ALI Fulbaana 27, 2017 sirna baniinsa Manneen Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii irratti taasisan ilaalchisuun gaafii miseensotarraa dhiyaataniif deebii laachaa jiru.
Haaluma kanaan gaafileen rakkoo nageenyaa, bulchiinsa gaarii, qaala’iinsa jireenyaa, misooma kooridarii, rakkoo bu’uraalee misoomaa fi kunneen biroo irratti gaafileen ka’aniiru.
Hojiilee rifoormii waggoota darban keessa hojjetamaa turan kaasuun miseensota mana marichaaf deebii laachuu kan eegalan MM Abiy, hojiileen manaa hafan jiraatanis rifoormiiwwan hawaas-diinagdee waggoota jahan darban keessa hojiirra oolan jijjiiramoota fiduu dubbatan.
Mootummaan isaanii yaadawwan haaraa fiduun gara hojiitti jijjiiraa turuu kan himan MM Abiy, yaadawwan hojiitti hiikaman bu’aa argamsiisaa jiraachuu himan.
Haaluma kanaan biyyattiin bara darbe guddinna diinagdee dhibbeentaa 8.1 galmeessisuufii kunis kan karoorfamee ol ta’uu dubbatan.
''Biyyoota adunyaa irratti guddina dinagdee saffisaa galmeessan keessaa Itoophiyaan tokko. Kun Afrikaa irraa isa guddaadha. Biyyoota hedduu irraas kanaaf beekamtii argateetti.
Boba'aa argattan moo maal argattan nu jechaa turan. Bara kana dinagdee Itoophiyaa 8.4% guddata jennee hojjechaa jirra'' jedhan.
Bara 2017 ALItti bara Itoophiyaan itti bayyaannattudha. Dinagdee, qonna, koliderii fi waan hundaan yerootti Itoophiyaan ol kaatudha,'' jedhan.
Lafa hektaara miliyoona 30 irraa oomisha kuntaala biliyoona 1.4 walitti qabuuf hojjechaa jirra jedhan MM Abiy.
Oomisha bunaan adunyaa irraa Biraazilii fi Veetinaam irraa kan hafe biyyi nu caale hin jiru jedhan.
Bara darbe doolaara biliyoona 1.4 buna gabaa biyya alaaf dhiyeessuun argameera. Bara kana buna alatti erguun doolaara biliyoona lama arganna jennee abdanna jedhan.
Bara kana pirojektoonni 72 hojii eegalu kan jedhan MM Abiy teeknoloojii irratti warshaalee 15, warshaalee nyaataa fi dhugaatii 41 fi warshaalee humna waraanaan wal qabatanii fi carra guddaa uuman sadii hojii eegalu jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara kana guddina diinagdee dhibbeentaa 8.4 galmeessisuuf karoorfamuu himuun sochiiwwan ji’oota sadan darban keessatti mul’atan karooraa ol milkaa’uu akka danda’u kan agarsiisu ta’uu himan.
Dabalataan “Jijjiiramni qabatamaanfi kan mul’achuu danda’u jira” kan jedhan MM Abiy, akka fakkeenyaatti gama damee qonnaatiin ilaalchisee omisha bunaa, aannanii, lukkuu, omisha qamadii fi jirbiitiin guddinni galmaa’uu himaniiru.
Haa ta’u malee gama qulqullinafi omishtummaatiin hojiileen hojjetamuu qaban akka jiran eeraniiru.
Toorawwan xiyyeeffannoo biyyattii isa biraa kan ta’e dameen indaastiriis bara kana guddina dhibbeentaa 12.8 akka galmeessisu kan eegamu ta’uu himaniiru.
Rakkooleen ibsaa, telekoomii, baankii, dhiyeessii lafaa fi hojimaataan walqabatanii jiran furamaa jiraachuu kan himan MM Abiy, wantoonni guddina indaastiriif haala mijeessan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Kana malees bara kana pirojektiiwwan/warshaaleen gurguddaa 72 bara kana keessa hojii omishaa akka eegalan kaasaniiru.
Gama biraatiin damee tajaajilaan walqabatee damichi bara 2017 keessa guddina dhibbeentaa 7.1 akka galmeessisu akka eegamu himaniiru.
Akka fakkeenyaatti Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bittaa xayyarawwan haaraa 124’f ajaja dhiyeeffatee jiraachuu himaniiru.
Damee tuurizimiin walqabatees bara kana jijjiiramni jiraachuu dubbatan. Haaluma kanaan ji’oota sadeen darban keessatti konfaransiiwwan idil addunyaa 20 ta’an Itoophiyaa keessatti adeemsifamuu himan. Biyyattiin konfaransiiwwan ‘heddu’ hawwachaa jiraachuu himaniiru.
''Kan nuti ulfaate namoota diinagdeen Itoophiyaa jijjiiramaa jiraachuusaa dubbisuu dhadhaban jijjiiruudha”
Ji’oota sadeen bara bajataa 2017 keessatti dameelee garagaraan injifannoowwan ijoo galmaa’uu MM Abiy, miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti himaniiru.
“Injifannoowwan eegnu isaan ijoo keessaa tokko galiidha” kan jedhan MM Abiy, ji’oota sadeen darban keessatti galiin birrii biliyoona 170 walitti qabamuu dubbatan.
Gama biraatiin kuufamni maallaqaa biyyattiin qabdus (reserve) ji’oota sadeen darbanitti dhibbeentaa 161’n guddachuu himan.
Sharafni alaa biyyoota birootii gara Itoophiyaatti ergamus ji’oota sadeen darbanitti dhibbeentaa 24’n guddachuu eeraniiru.
Haa ta’u malee mootummaa isaanii keessatti namoonni jijjiirama diinagdee Itoophiyaa hubachuu dadhaban jiraachuu kan eeran MM Abiy, “Nuti kan nuti ulfaate namoota diinagdeen Itoophiyaa jijjiiramaa jiraachuusaa dubbisuu dhadhaban jijjiiruudha” jedhan.
Gama biraatiin idaa biyyattiirra jiru hir’isuun dhimmoota rifoormii keessatti xiyyeeffannoon itti kenname keessaa tokko ta’uunsaas himameera.
Yeroo ammaa idaan biyya alaa biyyattiirra jiru dhibbeentaa 13.7 ta’uu kan himan MM Abiy, waggoota itti aananitti gara dhibbeentaa 10 gaditti hir’isuuf akka hojjetamu dubbataniiru.
Biyyattiin waggoota jaha darbanitti idaa doolaara biliyoona 13 ofirraa kaffaluus himaniiru.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad gaafilee qaala’insa jireenyaan walaqaatee ka’aniif deebii kan laatan yemmuu ta’u, rakkinichi rakkoo biyyoota heddu mudachaa jiru ta’e kaasan.
Haa ta’u malee qaala’insi gatii Itoophiyaa keessatti hir’achaa akka dhufe dubbatan.
Akka Itoophiyaatti furmaanni qaala’insa gatii omisha baay’inaan omishuu akka ta’e himaniiru. Kana malees sirna daldalaa ammayyeessuun akka barbaachisus dubbatan.
Gama biraatiin kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qaban deeggaruun akka barbaachisuus eeraniiru.
Haaluma kanaanis mootummaan birrii biliyoona 300-400 ta’u ramaduun baasii omishaalee akka boba’aa qooddachaa jiraachuu himan.
Boba’aa malees omishaaleen akka zayitaa, xaa’oo fi qorichaa kunneen mootummaan deeggaru keessaa ta’uu himaniiru.
Kilaashii baachuun miidhaa hagamii akka qabu nuuf gala
Mootummaan humnootii hidhatanii socho’an waliin mari’achuuf fedhii qabaachuu Ministirri Mummee Abiy Ahimad himan.
Gaafilee dhimma nageenyaan walqabatee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyeeteef yemmuu deebisan, “Waraana hinbarbaannu” jechuun dubbatan.
Humna fayyadamuurraa karaa nagaa fayyadamuun caalmaatti faayidaa qabeessa ta’u kan himan Ministirri Mummee Abiy, “namoonni karaa nagaa hinfilanne jiru” jedhan.
“Eenyuyyuu ol nagaa barbaanna. Kilaashii baachuun miidhaa hagamii akka qabu nuuf gala” jechuunis mootummaan isaanii nagaaf kutannoo qabaachuu dubbatan.
Nagaan yoo hin mirkanaa’in guddina fiduun akka ulfaatu kan himan MM Abiy, mootummaan yeroo garagaraatti waamicha nagaa taasisuu dubbatan.
Humnootii naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti hidhatanii socho’an waliin haasaa qabaachuu eeruunis, namoonni qaamolee mootummaa waliin haasaa godhan irratti dhiibbaa godhan akka jiran dubbatan.
Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa hidhaarra jiran ilaalchisee gaafii gaafatamniif mootummaan jumlaan osoo hintaanee gochaa raawwatan irratti hundaa’uun namoota hidhuu dubbatan.












