Uummanni Itoophiyaa miliyoona 86 ta'u hiyyummaa keessa jira- Gabaasa

Dubartoota Itoophiyaa waliin taa'anii sooratan

Madda suuraa, Getty Images

Gabaasni haaraan bara 2024 bahe ummatni biliyoona 1.1 ta'u addunyaa guutuutti hiyyummaa bifa adda addaan ibsamu keessa akka jiru, Itoophiyaanis biyyoota uummata hedduu hiyyummaa keessa jiraatu qabachuun sadaffaa ta'uu beeksise.

Gabaasni Multidimensional Poverty Index (MPI) jedhuufi walta'insa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Yunivarsiitii Okisfoordiin qophaaye irratti uummata addunyaa biliyoona 6.3 ta'u keessaa biliyoona 1.1 kan ta'u hiyyummaa keessa jiraata jedheera.

Gabaasni haaraan Onkololessa keessa bahe biyyoota 112 keessatti ragaalee adda addaa yeroon irra hin dabarre sassaabu ibseera.

Gabaasichi hiyyummaa kallattii hedduu kan ilaale yoo ta'u, uummata biliyoona 1.1 guutuu addunyaarra jiran keessa miliyoona 553 yookaan dhibbentaa 48.2 kan ta'an biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessa jiraatu jedha.

Addunyaarratti biyyootni uummata hiyyeessa hedduu qabaachuun sadarkaa 1-5 qabatan Indiyaa, Paakistaan, Itoophiyaa, Naayijeeriyaa fi Rippaablika Dimookraatawaa Koongoodha.

Indiyaa biyyi uummata biliyoona 1.4 qabaachuun addunyaarraa adda duree taate, uummata hiyyummaa keessa jiru miliyoona 234 ta'u qabaachuun tokkoffaadha.

Lammaffaan ammoo Paakistaani. uummata biyyattii keessaa miliyoona 96 kan ta'an hiyyummaa keessa jiru.

Biyyi waggoota darban shanii oliif waraana keessootti jirtuufi uummata miliyoona 120 ol qabdu Itoophiyaan uummatnishee miliyoona 86 ta'an hiyyummaa keessa jiru jedhameera.

Kana jechuun uummata biyyattii waliigalaa keessaa dhibbentaan 68.7 hiyyummaa keessa jira jechuudha.

Itoophiyaatti aanee sadarkaa arfaffaa fi shanaffaarratti uummata hedduu hiyyummaan jiraatu kan qaban Naayijeeriyaafi Dimookraatiik Rippaabliik Koongoodha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka ragaa kanaatti biyyoota Afrikaa ragaan wayitaawaa isaanii argamee sadarkan baheef keessaa uummata hedduu hiyyummana jiraatu qabaachuun adda dureedha. Amma dura Sudaan Kibbaa ummta waliigalaa keessaa dhibbeentaa 96 ta'u hiyyummaan jiraatu qabaachuun adda duree turte.

Hiyyummaa kallattii hedduu jedhamee gabaasa kana keessatti kan ibsamu tajaajila fayyaa, barnootaafi akkasumas sadarakaa jireenyaati.

Isaan kana adda baasuuf ulaagaaleen 10 akka agarsiiftuutti fayyadaarra oolaniiru.

Gamaasichi mata duree isaarratti hiyyumma asababa walitti bu'iinsaan akka hammaatu ibseera.

Waraanniifi walitti bu'insi godaannisa dafee hin fayyine dhala namaarraa gaaha kan jedhu gabaasichi, waraanniifi nagaa dhabuun hiyyummana akka hammatu gumaachuu ibseera.

Uummata addunyaa hiyyumma keessa jiru biliyoona 1.1 keessaa dhibbeentaa 40 kan ta'an ykn uummatni miliyoona 455 ta'u waraana, walitti bu'iinaafi nagaa dhabuu keessa jiraatu.

Gabaasichi dabaluun uummatni harki caalaan hiyyummaan jiraatu baadiyyaa keessa akka jiru ibse.