'Boordiin Nagaa' Tiraamp rakkoolee nageenyaa addunyaa fura jechuun hundeesse maalidha?

Donaald Tiraamp fi Barreessaa Waliigalaa NATO kan ta'e Maark Rutte

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp Barreessaa Waliigalaa NATO kan ta'e Maark Rutte wal-gahii NATO ji'a Waxabajjii keessa Heegitti gaggeeffamerratti yeroo walitti hasaasan

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp inishiteevii 'Boordii Nagaa' irratti akka hirmaataniif gaggeessitoota biyyoota hedduuf waamicha godheera.

Kaayyoon Boordii Nagaa Tiraamp kun addunyaarratti waraana biyyoota garaa garaa keessatti gaggeeffamu furuu akka ta'etu ibsame.

Dippilomaatonni garuu hojii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) irratti dhiibbaa uuma jechuun karoora Tiraamp kana ija shakkiin ilaaluu akka eegalan gabaasni Rooyitars ibsa.

Sababni waraanafi rakkoo nageenyaa addunyaarra jiru furuuf fala dhahuun aangoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti waan ta'eef.

Biyyoonni michuu US ta'an affeerraa Tiraamp kana ija shakkiin ilaalatuma yoo fudhatan, muraasni didaniiru.

Biyyoota US waliin hariiroo gaarii hin qabne muraasnis kan akka Beelaaruus fa'aa ammoo Boordii Nagaa bulchiinsi Tiraamp ifa godhe kanatti makamuuf tole jedhaniiru.

Ofii Boordiin Nagaa Tiraamp maalidha? Tiraamp Fulbaana darbe waraanni Gaazaa akka dhaabatuuf karoora qopheesse ture waa'ee Boordii Nagaa kana kan ifa godhe.

Boodarra karoorri Boordichaa rakkoo Gaazaa qofaa osoo hin taane walitti bu'iinsawwan addunyaarra jiran biroo furuuf kana kaayyefate akka ta'e ibse.

Maddi oduu Rooyitars sanada Boordii Nagaa kana argadhe jechuun akka gabaasetti, Pirezidaantiin US walitti qabaa boordichaa ta'uun addunyaarratti nagaan akka jiraatuuf tumsa godha, akkasumas walitti bu'iinsawwan furuuf deeggarsa taasisa.

Biyyoonni miseensa boordichaa ta'an tokkoon tokkoonsaanii hojii boordichaaf kan oolu dolaara biliyoona tokko yoo kaffalan malee miseensummaansaanii waggaa sadii qofaaf kan turu ta'a.

Ammaaf Ministiira Dhimma Alaa US kan ta'an Maarkoo Ruubiyoo, ergamaa addaa Tiraamp kan ta'an Istiiv Wiitkoof, akkasumas soddaa Tiraamp kan ta'e Jaareed Kushinariifi Ministiira Muummee duraanii UK Toonii Bileer hundeessitoota Miseensota Olaanoo Boordichaa gochuun Waayit Haawus muudera.

Boordichatti makamuuf biyyoota kamtu waamicha Tiraamp fudhate?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli olaanaan Waayit Haawus akka ibsanitti, biyyoota 50 Boordii Nagaatti akka makamaniif affeerraan godhameef keessaa 35 hirmaachuuf tole jedhaniiru.

Biyyoonni Baha Giddu-galeessaa: Israa'el, Sawud Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emiretis, Baahireen, Yordaanos, qaataariifi Masriin tole jedhaniiru.

Miseensota NATO keessaa Tiraamp waliin walitti dhufeeya gaarii kan qaban Turkiifi Hangariin affeerraa Tiraamp gammachuun fudhatan.

Biyyoonni akka Morookoo, Paakistaan, Indoneeshiyaa, Kosoovoo, Kaazaakistaan, Paraguwaayiifi Veetinaam fa'aas Boordii Nagaa Tiraampitti dabalamuuf fedhii agarsiisaniiru.

Azarbaajaaniifi Armiiniyaan kanneen Boordii Nagaatti dabalamuuf tole jedhan yoo ta'u, bara darbe jaarsummaa Tiraampiin waliigaltee waraana dhaabuu waliif mallatteessan.

Gama biraan ammoo US dabalatee biyyoota Lixaa waliin hariiroo gaarii kan hin qabne, gaggeessaan Belaaruus Aleeksaandaar Lukaasheenkoo affeerraa Tiraamp kana fudhachuunsaa walitti dhufeenyi Washingtaniifi Minisk tooratti deebi'uuf akka jiru kan akeekudha.

US waliin hariiroo haaressaa kan jirtu Raashiyaan karoora Tiraamp kanatti makamuufi dhiisuu hanga ammaa homaa hin dubbanne. Chaayinaanis akkasuma deebii hin kennine.

UN rakkoo nageenyaa addunyaa mudate furuu hin dandeenye jechuun Tiraamp irra deddeebiin qeeqa.

Boordii Nagaa hundeesse kana UN akka bakka bu'u gochuu danda'a sodaan jedhus jira.

Dimma Giriinlaand to'achuufi biyyoota Awurooppaa karoora US Giriinlaand to'achuuf dura dhaabbatan irra taarifa kaa'uuf sodaachisuu isaan wal-qabatee biyyoonni Awurooppaa kanneen akka Noorweey fi Siwiidiin affeerraa Boordii Nagaatti makamuu didaniiru.

Xaaliyaanin ammoo karoora nagaa biyya tokko qofaa hundeeffametti makamuu heerri kiyya naaf hin hayyamu jechuun hin fudhanne.

Faransaay hanga ammaa deebii kennuu baattus, fudhachuuf fedhii akka hin qabne maddeen irraa odeeffachuu Rooyitars gabaaseera.

Biyyoonni michuu US ta'an kanneen akka UK, Jarmaniifi Jaappaan fa'aa ejjannoosaanii ifa hin goone.