Dogoggora, arrabsoo, dhaadannoo fi doorsisa- Taajjabbii haasaa Tiraamp Daavoositti taasise

Doonaald Tiraamp

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp nama siyaasaa akkaan falmisiisaa ta'uunsaa yeroo gara yerootti dabalaa jira.

Kora Diinagdee Addunyaa kana bara 2026 Siwiizarlaand, Daavoositti qophaa'errattis amaluma kanaan dhihaate.

Tiraamp duraanuu dhimma Odoola Giriinlaand irratti biyyoota Awurooppaa waliin atakaarooo keessa galeera.

Kora kanarratti aanga'oota itti mufatan gidduutti wayita argamu carraan simatamuusaa dhiphaadha jedhamaa ture, garuu simannaan taasifameef homaa hin jedhu.

Tiraamp haasaa sa'atii tokko caalaa taasise keessatti dhimma Giriinlaand, taarifa, diinagdee Ameerikaa fi NATO irratti xiyyeeffate.

Kana malees hooggantoota addunyaa hedduu dubbiidhaan tuttuqeera.

Haasaa taasise keessatti wantoota inni dogoggore hedduun jiru.

Dhuguma US Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Giriinlaandiin Deenmaarkiif deebistee?

Dhiheenya kana Tiraamp odoola of dandeessee daangaa Deenmaark jalatti bultu- Giriinlaand irratti cicheera. Nageenya US'f akkaan murteessituudha jedha.

Daavoositti wayita haasaa taasisu Waraana Addunyaa Lammaffaa booda ''Giriinlaandiin debisnee Deenmaarkiif kennine,'' jedhe.

''Hangam yoo namoota dadhaboo fi waa hin hubanne taane akkas goona?'' jechuun gaafate.

Garuu Ameerikaa miti kan odoola kana deebise.

Bara 1933 manni murtii idiladdunyaa, kan Mana Murtii Haqaa Idiladdunyaa (ICJ) dura ture, Giriinlaand kan Deenmaark akka taate murteesse.

Booda Deenmaark harka Jarmanii seenuu hordofee bara 1941US fi bakka bu'oonni uummata Deenmaark waliigaltee mallatteessan.

Waliigalteen sun US Odoola Giriinlaand akka eegdu, keessattuu weerara Naazii irraa akka tiksitudha.

Kanaan US buufata humna waraanaa achitti hundeessite. Loltoota ishees gara odoola kanaatti bobbaasuu ittuma fufte.

Waliigalteen sun garuu odoola kana dabarsanii kennuufii hin turre, kan ajechuun Giriinlaand gonkumaa kan US taatee hin beektu.

US baajata NATO guutummaatti kaffaltii?

Tiraamp gamtaa humna waraanaa abdii biyyoota lixaa ta'e- NATO baayyee qeeqe. US baajata NATO harka 100 kaffalti jedhe.

Biyyoonni miseensa NATO kaan ''dhibbeentaa 2 kaffalaa hin turre, amma dhibbeentaa 5 kaffalaa jiru,'' jedhe.

Kan inni jedhe kun tokkollee sirrii miti.

Dhiheenya kana US baajata biyyoota miseensa NATO keessaa harka 70 qooddataa jirti.

Inumaa bara 2024 harka 65tti hir'atee ture, bara 2025 ammoo sanaa gadi (harka 62), kanarraa ka'uun biyyoonni miseensa NATO kaan galii waliigalaa waggaatti argatan keessaa dhibbeentaa 2 akka kutan dirqama ta'e.

Tiraamp biyyoonni kunneen kana caalaa akka kaffalan gaafata, dhibbeentaa 5 kan inni jedhe garuu karoora yeroo dheeraa booda hojiirra ooluuf jirudha.

Bara 2035 irraa eegalee hojiirra kan oolu malee yeroo ammaa miseensi NATO baajata kana (%5) kaffalu hin jiru.

Biyyi maallaqa guddaa kaffalti jedhamtu Deenmaark bara 2025 keessa %4.5 gadi kennite.

US gargaarsa homaa NATO irraa argattee hin beektuu?

Deenmaark loltoota ishee Afgaanistaan fi Iraaq keessatti dhabdeetti

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp US takkaa NATO irraa gargaarsa argattee akka hin beekne fi gaafattees akka hin beekne dubbate.

Marsariitiin NATO ''ittisi waliinii kaayyoo gooroo fi qajeeltoo isaa'' ta'uu ibsa.

Keewwata 5ffaa jalatti ''haleellaan miseensa NATO tokkoratti raawwatamu akka haleellaa miseensa hundarratti raawwatameetti ilaalama,'' jedha.

Hanga ammaatti keewwata kana sirriitti kan fayyadamte fi kan akkaan leellisuun beekamtu US qofa, kunis haleellaa 9/11 hordofee taateewwan turaniin ibsama.

Biyyoonni miseensa Nato loltootaa fi meeshaalee waraanaa gumaachuun duula waraanaa US Afgaanistaan keessatti raawwatte tumsaa turan.

Deenmaark biyyoota gumaachan keessaa tokko turte. Michoota US keessaa sababa waraana kanaatti daran kan miidhamtes turte.

Dhuguma Chaayinaan anniisaa humna bubbee irraa maddu hin qabduu?

Tiraamp dubbii isaatiin anniisaa humna bubbee irraa maddisiisuu qeeqeera. Tiraamp faallaa kanaa dhaabbachuun beekama. ''Maqaa anniisaa haaromfamuun gowwoomsaa raawwatamu,'' jedha.

Dhimma kanarratti Chaayinaa adda baasee qeeqe. Tarbaayinoota anniisaa humna bubbee hedduu oomishu kan jedhe Tiraamp ''garuu buufata anniisaa humna bubbeerraa maddisiisu Chaayinaa keessatti hin argine,'' jedhe.

Chaayinaan addunyaarraa anniisaa humna bubbeerraa maddisiifamu qabaachuun beekamti. Maddi anniisaa guddichi Gansu jedhamu addunyaarratti beekamaadha.

Ragaan jaarmiyaa Our World in Data jedhamu akka mul'isutti addunyaarratti biyyi hamma Chaayinaa anniisaa humna bubbeerraa maddisiisu hin jiru.

Akka ragaa kanaatti bara 2024 keessa Chaayinaan humna bubbeerraa anniisaa teeraawaati 997 maddisiiste.

UKn galii boba'aa 'North Sea' %92 fudhatte, kun hangam dhugaadha?

Tiraamp UK maqaa waamuun qeeqeera, keessattuu imaammata anniisaa ishee baayyee qeeqe.

Waa'ee boba'aa 'North Sea' wayita dubbatu: ''UKn kaampaaniiwwan boba'aa socho'uu dhorkite, galii argamu keessaa dhibbeentaa 92 fudhatti,'' jechuun himate.

Jaarmiyaaleen boba'aa fi gaazii North Sea keessa jiran waan buufatan irraa gibira dhibbeentaa 30 kaffalu, sanarratti gibira dabalataa %10 kaffalu.

Kun gibira kubbaaniyyaawwan kaan kaffalan %25 baayyee caala.

Sadaasa 2024 mootummaan gibira jaarmiyaaleen boba'aa fi gaazii kaffalan dhibbeentaa 35 irraa gara 38tti guddise.

Kun ammoo gibira waliigalatti Kubbaaniyyaan Boba'aa North Sea kaffalan dhibbeentaa 78 irraan ga'a, galii argatan irraa osoo hin taane bu'aa buufatan irraa.

Tiraamp invastimantii $tiriiliyoona 18 Ameerikaaf argamsiiseeraa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Doonaal Tiraamp bulchiinsi isaa Ameerikaaf investimantii guddaa argamsiisuu irra deddeebiin dubbata.

''Doolaara tiriiliyoona 18 biyya keenyaaf mirkaneessineerra, kun rikardii guddaadha. Doolaara tiriiliyoona 18 invest goone,'' jedhe.

Kanaan duras kanumaan kan walfakkaatu dubbatee ture. Onkoloolessa keessa investimantiin Ameerikaa doolaara tiriiliyoona 17 ta'uu himee ture.

Garuu ragaan jecha isaa kana deeggaru kan hawaasi hundi argatu hin turre.

Marsariitiin Waayit Haawus Sadaasa darbe ''investimantii haaraa damee manufaakchariingii, teeknooloojii fi bu'uuraalee misoomaan hawwataa akka jiru,'' ibsee ture.

Bulchiinsa Tiraamp jalatti waliigalatti investimantiin doolaara tiriiliyoona 9.6 akka ture ibse Waayit Haawus.

Investimantiin inni guddaan doolaara tiriiliyoona 1.4 ture. Innis investimantii damee manufaakchariingii fi indastirii Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) dhaan hojjetamudha.

Marsariitiin imbaasii UAE Waashingitan DC jiruu ''UAEn bulchiinsa Tiraamp waliin waggoota kurna dhufan keessatti investimantii doolaara tiriiliyoona 1.4 ta'u irratti bobba'uun waliigaltee seena qabeessa mirkaneessaa jirti,'' jedha.