'Hojjettoonni dhokatanii waajira keessa jiraatu': Itoophiyaatti jireenyi hangam qaala'e?

Madda suuraa, Getty Images
Hojjettootni mootummaa magaalaa Finfinnee jireenyi itti ulfaate waan laaqana ittiin nyaatan akka hin qabne ifatti dubbachaa, warri kiraa mana kaffaluu hin dandeenyes dhokatanii waajiraalee keessa akka jiraatan gabaafame.
Barruun dhuunfaa biyya keessaa The Reporter aanga'oota magaalaa Finfinnee wabeffachuun gabaasa baaseen hojettootni mootummaa miindaa gad-aanaa argataniin jiraachuun itti ulfaate laaqana nyaatan waan hin qabneef yeroo laaqanaa dhaabbilee amantaa dhiyoo isaanii jirutti dabarsanii debi'uu jedhe.
Yaadni aanga'ootaa kun kan dhagaahame wixinee labsii hojjettootaa waggoota jahaa booda fooyya'ee bahuuf jedhu irratti mariin wayita gaggeeffamuudha.
Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti waajira Pabliik Sarviisiifi Misooma Humna Namaatti hoji gaggeessaa misooma humna namaa kan ta'an Obbo Abrahaam Digaafee barruun kanaan akka waabeffatamanitti ''jireenyi hojjetootaa haala baayyee nama gaddisiisu keessa jira.''
BBCn amma dura rakkoo diinagdee Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee gabaasa bal'aa hojjeteen galii maatiin tokko argatuun kiraa manaa kaffalanii jiraachuun humnaa ol ta'uu jiraattota magaalaa Finfinneerraa dhagahee ture.
Jiraataan magaalaa Finfinneetti hojiilee ijaarsa hojjechuun jiraatu Eebbisaan galiin ji’aan argatu birrii 8000 kan hin caalle ta’uu himuun galii argatu kanaan maatiisaa jiraachisuun itti ulfaachuu hima.
Walakkaa galiisaatii kiraa manaatiif baasee inni hafee maatii isaa sooruu akka hin dandeenye, ijoolleessaa barsiisuufis qormaata itti ta'uu dubbate.
Kuni rakkoo jiraattoota magaalaa Finfinnee heddu ta'aa dhufeera.
Dhaabbanni qorannoo 'Afrobarometer' jedhamu ammoo bu'aa qorannoo dhiyoo baaseen, “lammiileen Itoophiyaa harka caalmaan isaanii haala diinagdee biyyattii ‘badaadha’ jechuun ibsaniiru,” jedheera.
Lakkoofsi lammiilee biyyattii haala jireenya isaaniitti quufinsa ykn gammachuu hin qabnes kan bara faranjootaa 2020 turee irraa dhibbeentaa 13’n dabaluusaas dhaabbatichi eereera.
Rakkoon diinagdee kun hojjettoota mootummaa irraattis akkaan hammaachaa akka jiru kan himaan aanga'aan magaalaa Finfinnee Obbo Abrahaam ogeessi olaanaan bulchiinsicha keessatti hojjetu miindaa argatu gibira osoo hin kutiiin birrii 9,056 dha jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miindaa kanarraa mana osoo qarqaraa magaalaattille kireeffatee birrii 10,000n gaha. kanaaf ogeessii olaanaan kun miindaasaa kiraa manaaf oolcha osoo ta'eellee isa hin gahuu jedhaniiru jedha barruu The Reporter.
Dabaluunis hojjetaan mootummaa waajira galee nutti booha. 'Wantan laaqana itti nyaadhu hin qabu' jedhee afaanii baasee himata'' jedhan.
Obbo Abrehaam rakkoon diinagdee hojjettoota mootummaa kun miindaa qofaan fooyya'uu akka hin dandeenye himan.
Rakkoo akkasii keessa taa'ee hojjetaan mootummaa tajaajila irraa eegamu bahachuuf ni rakkata jedhan.
Abbaa Taayitaa Kabachiisa Seeraatti daayireekatara bulchiinsa humna namaa kan ta'an Obbo Solomoon Yilmaa kan waabeffate The Reporter labsii qophaaye irratti mariyaachuu caala hojjetaan tarkaanfii jireenyasaa jijjiiru arguu akka barbaadu himu gabaase.
Obbo Solomoon ''hojjetaan mootummaa abdii kutannaafi rakkoo keessa jira. Waayee labsii kanaa akka itti himnu fedha hin qabu'' jedhan.
Baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa bara darbe keessa imaammata maallaqaa biyyattii fooyyeessuun qaalayinsa jireenyaa tasgabbeessuuf akka karoorse ifa godhee ture.
Akka karoora kanaatti A.L.I bara 2016 bajataa baatii Waxabajjii irratti qaala'insa gatii harka 20tti gadi buusuu, 2017tti ammoo harka 10tti gadi buusuuf hojjechaa akka jiru himeera.
Ogeessa diinagdeefi gorsaa bizinasii kan ta’an Obbo Xilahuun Girmaa amma dura gaaffiifi deeii BBC waliin godhan keessatti ''namoonni nyaatanii buluu haala hin dandeenyerra gahaniiru'' jedhan.
Ogeessi kun magaala Finfinneetti bifa kana dura ta’ee hin beeknen namoonni maatii fa’aa ta’anii karaarratti bahanii kadhataa akka jiran himu.
Rakkoo diinagdee hamacha adhuferraa kan ka'e tajaaila mootummaa kennuuf hojjetan mtta'a agaafachuun baratamaa akka jirus dubbatan.
“Bakka tokko tokko seentee matta’aa kennuun baramaa ta’eera. Sababni isaa mindaansaanii isaan hin jiraachisu waan ta’eef. Yeroon yoo hin furamne, bori gara walitti bu’iinsa hawaasafi mormiitti cehuu danda’a,” jedhan.
Haalli kun mootummaaf yaaddoo kan uumu ta'us akeekkachiisaniiru.
“Mootummaadhafis ulfaataa ta’a. Namni [kadhaaf] karaatti bahu hammuma dabalaa deemu to’achuun rakkisaa ta’a. Bori madda nagaan dhabamuufi walitti bu’iinsaa ta’uu waan danda’uuf yeroon furmaata barbaada.”












