Karoorri qaalayinsa gatii Itoophiyaa dhibeentaa 20tti gadi xiqqeessufi jedhame maaliif falmii kaase?

Obbo Maammoo Mihiratuu

Madda suuraa, HOPR

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Maammoo Mihiratuu

Qaalayinsa gatii Itoophiyaa keessatti sadarkaa yaachisaarra gahe dhuma Waxabajjii dhuftu dhibbeentaa 20'tti gadi siqsuuf karoorri Baankii Biyyaalessaatiin bahe gaaffii uumeera.

Haata'u malee, bulchaan baankichaa Obbo Maammoo Mihiratuu ji'oota torba dhufan keessatti karoora qabatan hojiitti hiikuuf hojjechaa jiraachuu jabeessanii dubbatan.

Karoora kana Koreen Dhaabbii Paarlaamaa Itoophiyaa dhimmicha ilaalu milkeessuuf kan ulfaatu ta'uu kaasuun gaaffii irratti kaaseera. Ogeessi diinagdee tokkos yaada BBCf kennaniin karoorichi ''yeroo gabaabaa keessatti kan milkaahuu hin dandeenye'' jedhaniiru.

Obbo Maammoon karoora isaanii kana kan ibsan raawwii nuusa waggaa Baankii Biyyaalessaa, koree dhabbii Karoora, Bajataa fi Dhimmoota Faayinaansii Paarlaamaa Itoophiyaaf wayita dhiyeessaniidha.

''Haala ifa ta'een dhuma Waxabajjiitti qaalayinsa gatii dhibbeentaa 20n gahuuf akka karooraatti qabanneerra. Waxabajjii bara dhufuutti ammoo dhibbeentaa 10'tti gadi buusuuf ni hojjenna jenneerra'' jechuun ibsan.

Baankiin Biyyaalessaa dhuma waggaa darbee rakkoo kana to'achuuf fooyya'insa imaammata maallaqaa wayita baase, karoorasaa kana ibsee ture. ammoo raawwatamuuf waan ulfaatu jedhamee gaaffiin irratti ka'eera.

Walitti qabaa itti aanaan koree dhaabbii sanii Dr Abrahaam Alemaayyew ''baankichi qaalayinsa gatii gara dhibbeentaa 20.3 gadin buta jedhee inni karoorse baayyee hiixataadha'' jedhaniiru.

kana haa jedhaniyyuu malee, gatiin bahuu qabu bahee karoora kana bira gahuuf hojjechuun barbaachisaa ta'uu dubbatan.

Miseensa koree dhaabbii kanaa kan ta'an Dr Milkiyaas Ayyelee yaada kennaniin baankichi karoora kaaye kana galmaan gahuuf ''wantoota isa dandeessisan maal qaba?'' jechuun gaafatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Qaalayinsa gatii tasgabbeessuuf fooyyansi imaammataa fudhatamaniifi tarkaanfiiwwan bulchiinsaa kaan bu'aa maal fidan?''

Gaaffii kanaaf deebii kan laatan Obbo Maammoo ''tarkaanfiiwwan fooyya'insa imaammataa raawwatamuu kan eegalan dhiyoo ta'us, Hagayya darberraa eegalee fooyya'insa argaa jirra'' jedhan.

Qorataan dhimma diinagdee maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko yaada BBCf kennaniin, milkaahinni karoora kanaa ''wal-nama gaafachiisa'' jedhaniiru.

''Dhiibbaan idila addunyaa, rakkoon sirna diinagdee, rakkoon dhiyeessiifi fedhaa iddoo jirutti Baankiin Biyyaalessaa kana kophaakoon keessa baha jechuun 'fokkora' fakkaata malee waan milkaahu miti. Sababni isaas rakkinichi gadi fagoodha.''

Amajjii bara darbee bulchaa Baankii Biyyoolessaa ta'uun kan muudaman Obbo Maammoo Mihiratuu gabaasa dhiyeessan keessatti, ''ji'oota jahan darban qalayinsi gatii itti fufiinsaan gadi bu'aa jira'' jedhaniiru.

Gara aangoo kanaatti dhufuu isaanii ji'a lama booda dhibbeentaa 35 kan ture Fulbaana darbe gara dhibbeentaa 27.7 gadi bu'uus akka agarsiistuutti kaasaniiru.

Haata'u malee qaalayinsi gati wantoota nyaataaf hin oollerra jiru dhibbeentaa 30 gadi akka hin buunes ibsaniiru. Kun kan ta'ef kiraan manaa, gatiin qorichaa fi tajaajila waldhaansaa akkasumas meeshaalee manaa dabaluun ta'uus dubbatan.

''Waliigalatti qaalayinsi gatii rakkoo bubbuleedha. Garuu ammoo hir'isaa jiraachuu arguu dandeenyeerra'' jedhu Obbo Maammoon.

Bulchaan baankichaa sababoota shan qaalayinsa gatii Itoophiyaa keessa jiruuti jedhan miseensota korichaatti himaniiru.

Inni jalqabaa gatiin shaqaxaa sadarkaa idila addunyaatti dabaluudha. Dabalataan rakkoo sirna geejibaa, loojistiiksii, dorgomtummaa daldala chirichaaroo, wal madaaluu dhabu fedhaafi dhiyeessii akkasumas laafina imaammata fiisikaalaafi maallaqaa tarreessan.

Rakkoon siyaasaafi nageenyaa kutaalee biyyattii keessa jiru ''gahee qaba'' jechuun dubbatan.

Baankichi tarkaanfiiwwan rakkoo qaalayinsa gatii furuuf fudhate keessaa tokko ''liqaa mootummaan Baankii Biyyaalessaarra fudhatu dhibbeentaa 75'n xiqqeessuudha'' jedhan.

Karoorri dhuma Waxabajjii dhufuutti milkeessuuf kaahan kun gafatama waliin akka ta'es ibsan.

Haalota gahee bahan adda addaan bara darbe keessa qaalayinsi gatii Itoophiyaa keessatti sadarkaa gahee hin beekne jedhamu gaheera. Dhibbeentaa 35 ture. Kunis jireenya uummataa akkaan miidheera. Baankiin Biyyaalessaasa fooyya'insa imaammaataa gochuuf dirqameera.