Dhiphina sammuu maallaqarraa maddu: Dhiibbaa qaalayinsa jireenyaa

Madda suuraa, Alamy
Tasgabbii dhabuu diinagdeerraa kan ka'e baasiin jireenyaa hedduu dabalaa jira. Namootni waayee faayinansii(maallaqasaanii) dhiphachaa jiru. Kunimmoo fayyaa sammuu fi haala jireenyaa namoota biiliyoonaan lakkaawwaman kan addunyaarra jiranii miidhee jira.
Waayee maallaqaa yaaddahuun haaraa miti. Qaalayinsi gatiifi baasiin jireenyaa sadarkaa isa gituun galiin osoo hin dabaliin hammaachaa adeemuu hordofee namootni baayyeen waayee maallaqaa yaaddahuu eegalaniiru. Dhiphinni faayinaansi(Financial anxiety) namoota amma dura dhiibbaansaa itti hin dhagaahamnes miidhaa jira.
Jechichi namaaf keessummaa ta'uu mala, miirichi garuu haaraa miti. ''Dhiphina, yaaddoo fi siqiqii namootni haala maallaqaa isaanii, liqaa, baasiifi tasgabbii dhabuu maallaqaarratti qabaniidha'' jetti Kilinikaal saaayikoolojistii kan taate Jeenaa Viyaas Lee.
Ogeettiin kun akka jettutti dhiphinni faayinaansii kun namoota diinagdeen sadarkaa gadiirra jiran, miindaan isaanii xiqqaa ta'e miidha.
UK Yunivarsiitii Biraadford keessatti barsiisaa Ikonomiiksii kan ta'e Keeriiy Paaps ammoo ''erga weerara koronaatii hoji-dhabdummaan xiqqaachaa jira, kanaaf dhiibbaan inni guddaan dhufaa kan jiru namni hojii dhabuurraa osoo hin taane galiin namaa qaalayinsa jiraanyaa madaalu dhabuurraayi'' jedha.
Akka inni jedhutti namni baayyeen hojii qabaatee, miindaansaa isa hanqaachuutti dhiphina uumaa jira.
Namni tokko tokko qaalayinsi jireenyaa biyyi inni jiru keessatti qofa akka hammaate yaada. Garuu ammoo qaalayinsi jireenyaa kun fiixeewwan addunyaa mara waliin gaheera.
Biyyoota diingdeen dagaagan keessaa UK'n bara 2023 keessa qaalayinsi galmeessitee 7.2% gaheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoota akka UK keessatti baankileen qaalayinsa to'achuuf dhala liqaa dabalu, kunimmoo warra liqiin mana, konkolaataafi kaan bitate wanti miindaasaarraa citu akka baayyatu godha.
Ameerikaa keessatti qaalayinsi hanga ta'e tasgabbii qabaatus rakkoon fayyaa sammuu amma dhiphina faayinaansii jedhuun ibsamaa jiru hedduudha jedha barsiisaan Yunivarsitii Bradford kun.
''Karoora dhabuun, karoora qaban raawwachuu hanqachuun, galma kaawwatan waliin bakka gahuu yaadan hanqachuun dhiphina sammuu guddaa uuma'' jetti Viyaas Leen.
Dhiphinni sammuu sababa adda addaatiin dhalatu hundi kan nama miidhu ta'uus maddi isaa dhimma maallaqaarratti kan hundaa'e gaafa ta'u badiin geessisu guddaadha jetti.
Dhimmi maallaqaa kun ilaalchi namni tokko ofiif qabu, amantaa ofirratti qabuun wal qabata, rakkoon kanarratti mudatus akkanuma ilaalcha ofiif qabnuufi amantaa ofirratti qabnu miidha jetti Viyaas Leen.
''Dhiphinni sammuu maallaqaarratti hundaa'ee mudatutti qaanii guddaan itti dhagaahama waan ta'eef balaansaa guddaadha. Namootni hedduun namni maal naan jedha jedhanii siqiquun namatti hin himan.''
Akka ogeettiin kun jettutti dhiphinni sammuu maallaqarraa maddu wayita namni hojii qabu dhabuufi, baasiin hin eegamne dhufus mudata.
Dhiphinni kun amala namootaa jijjiiruu danda'a, namni fala maallaqa itti argatu kan biraa barbaacha gara tirgaas akka galuu taasisa jetti.
Dhiphinni sababa maallaqaan dhalatu kun rakkoo fayyaa sammuu ta'uutti deemuus mala.
Qorannoon UK keessatti namoota 2,000 irratti gaggeefame akka mul'isutti rakkoon diinagdee mudachuu booda 30% fayyaan sammuu isaanii gadi bu'uu ibsaniiru. Kanneen umriinsaanii 25-34 jiranitti ammoo rakkoon kun hammaachuu mul'isa.
US keessattis namoota qorannoorratti hirmaatan 2,300 keessaa dhibbeentaan 52 maallaqni fayyaa sammuusaaniirratti dhiibbaa hamaa geessisuu ibsaniiru.
Namoota hedduu maallaqni madda dhiphinaa ta'uu ibsan keessaa ammoo dhibbeentaan 29 waayee maallaqaa guyyaa guyyaan yaaddahuu dubbatu.
Sababa dhiphina maallaqarraa madduunis namootni hojiiisaanii biroorratti xiyyeeffachuu hin dandeenye jetti Viyaas Lee.
''Kuni guddina hojii argachuu, hojii biraa argachuufi gama barattootaan ammoo gahumsa barnootaarratti dhiibbaa akka qabu hubadheera. Mana keessatti ammoo rakkoo kanarraa madduun dhiphinni kun hariiroo jiru ni laaffisa'' jetti.
''Dhiphinni sammuu maallaqarraa maddu kun gaayila diiguuf sababoota ijoo keessati.''
Viyaas Lee kilinika waldhaansa xiinsammuu laatu kan qabdu yoo ta'u, maallaqarraa kan ka'e lakkoofsi namoota dhiphina sammuun miidhamanii gara kilinikashee gargaarsaaf dhufanii dabaluu dubbatti.
Hammuma qaalayinsi dabalaa adeemu rakkoon dhiphina sammuu mallaaqarraa madduu dabalaa deema jetti.
Namootni rakkoo maallaqaa qaban dubbachuun safuu fi qaanessaa itti fakkaatuyyuu fayyaa isaaniif jecha baasaanii namatti akka himatan jajjabeessiti. Gorsi ogeeyyiis akka gargaaru himti.












