Qaala'insa jireenyaa warra galii gadaanaafi giddu-galeessarra jiran 'mogolee buusaa' jiru

Qonnaan bulaa xaafii bitaa turan

Madda suuraa, Gety Images

Kibra’aab Misgaanaa jirataa magaala Maqaalee waraana waggaa lamaan qabbanooftee jirtuuti. Yeroo dheeraf mindaan hojjattootafi tajaajilli biroo osoo hin jiraatin yeroo dheeraa dabarseera.

Walii galtee Piritooriyaa booda magaala Maqaleetti jireenyi kan fooyya’e ta’us gatiin meeshaalee guyyaa guyyaan dabalaa akka jiru hima.

“Yeroo waraanaa sana rakkoo hamaa waan dabarsineef amma kan fooyyee qabu haa ta’u malee jireenyi baay’ee qaalidha. Namni baay’en mindaa argataa hin jiru.

“Fakkeenyaf, gatiin xaafii guyyaa guyyaan jijjiirama. Yeroo darbe naannoo Amaaratti walitti bu’iinsi dhalachuun yeroo dhagahame baay’ee dabalee ture. Amma garuu xiqqoo fooyya’iinsa agarsiisera,” jedha.

Naannoo Tigraayitti daballii gatii taasifamuuf sababni irra guddaan daandin gara naannichaatti cufamuu irraa akka ta’etu himama. Magaalota keessatti manni kiraas baay’ee dabaluun uummataa qoraa jira.

“Mana gaarii yoo gaafatte, [birrii 20,000 fi 30,000 siin jedhu. Manni kiraa waan yaadamuu miti,” jedha Kibra’aab haala magaala Maqalee keessa jiru yoo himu.

‘Galiifi baasin keenya fardaa lafa’

Wagoota hedduuf jiraataa magaala Finfinnee keessatti hojii ijaarsatiin kan of jiraachisu Eebbisaan bultii ijaarratee mucaa tokko kan qabu yoo ta’u, magaala Finfinneetti daballiin gatii meeshaalee garaa garaarratti taasifame jiraachuf qormaata guddaa akka itti ta’e BBCtti hime.

Meeshaaleen ijaarsaa humnaa ol-qaala’uurraa kan ka’e hojiin ijaarsaa dhaabatee erga galii agachuu dhaabee ji’a lama akka ta’e hima jiraatan kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojiin dhabamuurratti gatiin meeshaalee humnaa ol-dabaluun jiruu duraanuu harkaa gara afaanii ture caalmatti jalaa hammeessera.

“Waanti hundi guyyaa gara guyyaatti dabalaa jira. Dabboon ji’oota muraasa dura birrii 5 ture amma birrii 10 galeera, abbaa birrii 10 kan ture birrii 15 galeera. Kan nama dhibu gatiin dabaluu qofa osoo hin taane, giraamni isaa gadi hir’ate.

“Maalif dabale jennee yoo gaafanne, rakkoo dhiyeessiti jira jedhu, Eenyu akka gaafannu hin beeknu," jechuun ibsa.

Jiraatan kun galiin inni ji’aan argatu ture birrii 8000 kan hin caalle ta’uu himuun baasin isaan baasan galii argatan wajjin akka wal-hin ginne hima.

“Mana kutaa tokko kiraa birrii 3500 kaffala. Mucaa koo mana baruumsaa geessufi deebisuuf guyyaatti birrii 25 kaffala. Zayitii abbaa liitira 5 birrii 1,100 binna. Xaafin inni gaarin kiiloo tokko birrii 100-150 ta’eera.

“Wantonni akka qullubbii diimaa, timaatimaafi misiraa fa’aa gatiin dachaan dabaleera. Galiifi baasii keenya gidduu garaa garummaa guddaatu,” jedha.

Dubartii jireenyi itti cime fakkaattee teessu

Madda suuraa, Getty Images

‘Ayyaana waggaas ta’ee dhiisee gatiin inuma dabala’

Jiraatan magaala Finfinneerraa BBCn dubbise Tolasaa Lalisaa abbaa ijoollee lamaa yoo ta’u, haadha warraasaa waliin maatii afur bulcha. Haala qala’iinsa jireenyaa amma magaalattii keessa jiruun jiraachun yaaddessaa akka ta’e hima.

Hojii ijaarsaa irratti bobba’uun ji’aan galii birrii 8, 500 hin caalle argatee maatiisaa kan jiraachisu Tolasaan mana kiraa walakkaa mindaasaatii mana kiraa kutaa tokkootti baasun isheen achirraa hafte ittiin jiraachuf rakkataa akka jiru hime.

“Xaafin bareedni kiilon birrii 100 hanga 130 galeera. Daabbon ammoo giraamni isaa hir’atee gatiinsaa dabaleera,” qaala’iinsi jireenyaa Finfinneetti sadarkaa yaaddessaarra akka gahe hima.

Yeroo kaan ayyaana waggaa irratti gatiin meeshaalee dabalee ayyaanni yeroo darbu gadi deebi’uun baramaa akka ture himuun “amma garuu yeroo ayyaana waggaasa ta’ee ayyaana booda gatiin ol malee gadi hin deebi’u” jedha.

Gama biraan ammoo daldaaltonni meeshaalee dhoksuun gatiin akka dabalus akka taasisu hima jiraatan kun.

Daldaaltonni meeshaa dhoksuun akka gabaarraa dhabamu erga godhanii booda gatii hanga barbaadan dabalanii akka gurguran fa’aa ibsa.

“Namni to’atu waan hin jirreef miidhamneerra. Aangawoonni rakkoon daldaaltota bira jedhu, daldaaltonni ammoo mootummaa komatu,” jedha.

Dargaggeessa waa gurguru

Madda suuraa, Getty Images

'Namoonni nyaatanii buluu haala hin dandeenyerra gahaniiru'

Meeshaalee nyaatafi kaan irratti gatiin humnaa ol akka dabale himu jiraataa Finfinneefi ogeessa diinagdeefi gorsaa bizinasii kan ta’an Obbo Xilahuun Girmaa.

Finfinneetti qaala’iinsi meeshaalee garaa garaa irratti taasifamaa jiru ‘kanneen galii gadaanaa qaban dandamachuu kan hin dandeenyedha’ jedhan.

“Xaafii dabalatee midhaan nyaataa irratti yeroo gara yeerotti daballii gatii olaanatu jira. [Garaa garummaa] guyyaafi halkaniittuu gatiin ni dabala,” jedhu Obbo Xilahuun.

Wantoota nyaataf oolaniin alatti meeshaalee akka simintoofi sibiilaa irrattis daballiin gatii guddaan akka taasifame himu.

Manneen nyaatas akkasuma gatii nyaatarratti guyyaa gara guyyaatti gatii dabaluunsaanii namoota galii gadaanaa qabaniif baay’ee rakkisaa ta’aa akka jirus dubbatu ogeessi diinagdee kun.

Daballiin gatii dhibbeentaa 30 akka gahe mootummaan ibse, Obbo Xilahuun garuu qaala’iinsi mudate dhibbeentaa 50 akka ta’e himu. Kanaaf ammoo sababni ijoon al-ergii qamadii mootummaan maqaaf jecha itti seene akka ta’es himu.

Gabaa idil-addunyaarratti gatiin qamadii gadaanaa waan ta’eef mootummaan al-ergii milkeessuf jecha gatii qamadii murteessun alatti keellaawwan hundeessus eeran. Gatii mootummaan murteessetti kan hin gammanne kellaa hundaa’e darbuuf jecha kontirobaandii qamadii keessa galaniiru.

Kanarraa ka’uun gatiin qamadii dabalee hanqinni qamadii mudatee jira jedhan.

“Warshaalen heddu cufamuuf saaxilamanii jiru. Dhumarratti balaansaa isuma bitee fayyadamurratti kufe,” jedhu Obbo Xilahuun.

Xaafidhaan wal-qabatee [barana] xaa’on yeroon waan hin dhiyaannef bara ittaanu garmalee qaala’uu danda’a sodaa jedhurraa amma bitanii kan kaa’anis akka jiran himan.

“Kuni hunduu dadhabbina mootummaati. Naannoo Oromiyaafi Amaaratti hanqinni xaa’oo mudate, bara ittaanu gatiin [xaafii] akka dabalu taasisa jedhama,” jechuun yaaddoo jiru himu.

Waraana Yukireenifi Raashiyaarraa kan ka’e hanqinni dhiyeessii qamadiifi midhaan zayitaa waan mudateef gatiin xaafifi zayitaa biyya keessatti akka dabaluuf sababa akka ta’etu dubbatama.

“Gatiin boba’aa sababa waraanatiin dabaleera. Mootummaan irra deddeebin gatii boba’aarratti fooyya’iinsa taasiseera. (Af-gaaffin kun daballii gatii boba’aa dhiyeenya kana taasifame dura kan gaggeeffameedha). Kuni ammoo meeshaalee shaqaxaa hundarratti akka malee gatiin akka dabalu godheera.

“Itoophiyaa keessatti boba’aan yoo dabale, waanti boba’aan wal-hin qabannes ni dabala. Daballiin taasifamu ammoo kan bobaarrallee kan caaludha,” jechuun ibsu.

Rakkoon biraa Obbo Xilhuun Girmaa kaasan hidhati gabaa ammayyaa jiraachuu dhabuusaati. Omishtootafi warra bitatan gidduu faddaaltonni heddu jiraachun rakkoo jiru hammeessuu himu.

Gama biraan ammoo qarshiin guddaan gabaarra jiraachuun akka rakkoo biraatti kaasu.

“Qarshiin guddaan nama harka jiraatee hanqinni omishaa yoo jiraate, daballii gatiitif sababa ta’a,” jechuun shaqaxa Itoophiyaatti omishamus ta’ee kan alaa galurratti hanqinni akka jiru himu.

“Biyya keessa tasgabbiin jiraachuu dhabuun, nageenyi dhabamuun namaafi omisha bakkaa bakkatti sochoosuf haala rakkisaa uumuun gabaarratti dhiyeessun akka hanqatuuf sababa ta’eera,” jechuun sababoota heddu tarreessu.

‘Yakki babal’atee rakkoo hin malletti geessuu mala’

Akka ogeessi diinagdee Obbo Xilahuun jedhanitti, biyyi walakkaan namaa nyaatee inni kaan osoo hin nyaatin keessa jiraatutti yakkoonni garaa garaa babal’achuun hawaasni akka jeeqamu gochuu mala.

“Bakka tokko tokko seentee matta’aa kennuun baramaa ta’eera. Sababni isaa mindaansaanii isaan hin jiraachisu waan ta’eef. Yeroon yoo hin furamne, bori gara walitti bu’iinsa hawaasafi mormiitti cehuu danda’a,” jechuun magaala Finfinneetti bifa kana dura ta’ee hin beeknen namoonni maatii fa’aa ta’anii karaarratti bahanii kadhataa akka jiran himu.

“Mootummaadhafis ulfaataa ta’a. Namni [kadhaaf] karaatti bahu hammuma dabalaa deemu to’achuun rakkisaa ta’a. Bori madda nagaan dhabamuufi walitti bu’iinsaa ta’uu waan danda’uuf yeroon furmaata barbaada,” jedhan.

Nama suuqirraa waa bitu

Madda suuraa, Getty Images

‘Nagaan osoo bu’ee waan baay’etu tasgabbaa’a’

Baankin Biyyoolessaa yeroo dhiyoo hanga liqii kallattiin mootummaaf kennamuu daangessuu dabalatee qaala’iinsa tasgabbeessuu danda’u kan jedha poolisii maallaqaarratti fooyya’iinsa gochuuf akka jiru beeksisee ture.

Tarkaanfin kun hanga liqii baankilee biyya keessaa, keessumaa Baankii Biyyoolessaarraa fudhatu akka xiqqeessu kan taasisu akka ta’e ibsanii turan bulchaan baankichaa Obbo Maammoo Miratuu.

Bara 2016 ALItti dhuma ji'a Caamsatti guddinni liqii biyya keessaa dhibbeentaa 14 akka hin dabarre godhama. Baankilee daldalaa hundisaanii karoora guddina liqiisaanii daangeffama liqii kanaan akka sirreeffatan godhama jedhame.

Baankonni hanqinni maallaqa callaa yeroo isaan mudatu liqii yeroo hatattamaa Baankii Biyyoolessaarraa fudhatan irraa hangi dhala kaffalanii dhibbeentaa 16 irraa gara 18tti akka guddatu ni godhama.

Seerri kun daldalaa sharafa alaa argamsiisan irratti danqaa uumuu danda'a sodaa jedhu uumee jira.

"Daangan liqii kaa'ame dameewwan muraasa kan hin ilaallanneedha," jedheen yaada kan jedhan Obbo Xilahuun "baankonni liqiisaanii dhibbeentaa 14 qofaan akka taasisan godhamuunsaa qarshiin heddu harka namaa akka hin galle godha."

"Maallaqa guddaa qabatanii kanneen omisha mana kuusaa keessatti kuusan akka qabaman godha. Inni ijoon daballii gatii to'ata" jedhu.

Poolisiin maallaqaa kun jijjiirama inni fidu baruuf ji'a lamaa sadi eegun barbaachisaa akka ta'e kan himan Obbo Xilahuun, rakkoolen nageenyi dhabamuu, hanqina dhiyeessi fedhiin dabaluu fa'aa gufuu akka ta'an kaasu.

"Nagaan osoo mirkanaa'ee waanti baay'en ni tasgabbaa'a. Waktiin xaafii facaasuu nu darbe jedhanii kanneen hiriira bahan hedduudha. Itoophiyaa ta'eeti malee [rakkoon] tokko tokko ministeeronni aangoo kan gadi lakkisuu qabaniidha."

"Danqaa guddaan mootummaa MM Abiy Ahmad kan ta'an kontirobaandistootadha," kan jedhan Obbo Xilahuun mootummaan meeshaalee bu'uuraa bituun kanneen galii gadaanaa qabaniif dhiyeessuu akka qabuufi kutannoo cimaa akka barbaadu ibsu.