Fooyya'insa imaammata maallaqaa baankii biyyaalessaa ija ogeessota diinagdeen

Madda suuraa, Getty Images
Boordiin daareektaroota Baankiin Biyyaalessa Itoophiyaa Hagayya haaluma murtee ALI 01, 2015 dabarseen fooyya'insa imammaata maallaqaa adda addaa gochuun ni yaadatama.
Fooyyansi kunneenis qaala'insa gatii haala murteessaa fi adeemsa walitti fufaa ta'een hir'isuu irratti kan qiyyeeffate ta'usaan bulchaan Baankiichaa Obbo Maammoo Miiratu torban darbe ibsan.
Waggootii lamaan darban keessa sababiiwwan Covid-19, hongee fi waraanaa akkasumas dhiibbaan baasii baayyachuutiin kan ka'e, rakkoon maallaqa biyyattii bal'achuufi ifatti mul'achuu bulchaan baankii dubbataniiru.
Sababa kanaatiin hanqinnii baajata mootummaa dabaluun akkasumas gargaaarsii liiqaan biyya alaafi deeggarsi murtaa'aa ta'unsaan wal qabatee hanqina bajataa irra caalaa liqii madden maallaqaa biyya keessaa irraa argamu fayyadamuuf dirqama keessa seenuun tureera.
Haaluma murtee boordii daareektaroota Baankii Biyyaaleessaatti, dhuma bara bajataa dhufaa (2016)tti guddinni liiqii biyya keessaa %14tti akka daangeeffamu murtaa'eera.
Ogeessi diingaagee Abdulmannaan Mohaammad, “Rakkoon dhiyeessii, caasaa fi fiskaalii” qaala’iinsa jireenya biyyattiif sababiidhaa jechuun Baankiin Biyyaleessaa dhiyeessuu ibsan.
Diinagdee biyyattii keessatti haala gabaan danda'u caalaa tamsa'inni maallaqaa jiraachuun akka sababa tokkotti kan eerame yoo ta'u, kanaafis ''diinagdee keessatti maallaqni kan baayyatu liqaa baankiiwwan kennaniin. Baankiin Biyyaalessas kana to’achuu qaba,” jedhu ogeessi kun.
Baankichi guddina liqaa biyya keessaa %14tti daangeessuun isaa mala to’annoo kallattii (to'annoowwan al-kallattii ta’anis’ jiru) kan jedhamu ta'usaa ibsaniiru.
Kunis maallaqa kallattiin diinagdee keessa jiru to’achuuf hanga liqii dangeessuu akka ta’e ibsaniiru. “Kaayyoon isaas qaala’iinsa gatii hir’isuudha,” jedhaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Insitiyuutii Kuweeti For Scientific Research jedhamuutti qorataa diinagdee kan ta'an Dr Ayyalaa Galaan, bara darbe guddinni liqaa baankiwwanii giddugaleessaan dhibbantaa 30 akka ture yaadatu.
Itti dabalunis, kana keessaa ammo kan baankiliwwan dhuunfaa %16 yoo ta’u, kan baankiliwwan mootummaa 53 akka ture dubbachuun, “qaala’iinsa irraa dhibbaa uumaa kan jiru liqaa baankiiwwan mootummaa kennaniidha,” jedhu.
Biyyoonni guddatan yeroo qaala’iinsi gatii dabaluutti, baankiiwwan liqaa akka hin kenniine taasisu. Sababiin isaas namni liqaa liqeeffatu oomisha haaraa gabaaf dhiyeessa jedhamee waan hin eegamneef akka ta’e ibsuun, liqaa fi qaala'insii kan walitti qabatu biyyoota guddataniitti ta'u ibsu.
Itoophiyaa biyya lakkoofsi hojii dhabdootaa %30-40 gidduu biyya itti ta'eetti, liqaa kennuun hojii dhabdoonni hojii akka uuman, akka oomishan taasisamuun utuu irra jiruu, liqii to’achuun qaala’insaa ittiisna jechuun “ibiddatti boba’aa naquudha” jechuun ibsaniiru.
Sababiin isaa qaala’iinsi kan dhufe waan oomishinni gabaarra dhabameefiidha jechuun fakkeenyaaf gatii killee kaasan. Gatiin killee dabalaa kan jiru sababii oomishinni gahaan hin jirreef jedhu.
“Baankiin biyyaalessaas rakkoon kan jiru daandeetti bittaarra osoo hin taanee dhiyeessii irra akka ta’e amaneera,” kan jedhan Dr Ayyalaan, qaala’iinsa gatii liqii to’achuun keessaa baana jechuun isaanii ammoo ''kan yaaduma ofii isaanii faallessu'' ta’uu eeraniiru.
Bara darbe liiqaan birrii biiliyoona 428 ta’u kennamuu kan himan hayyuun diinagdee kun, kana keessaas qonna, industirii fi oomishaaf kan ga’e garuu gadi aanaa ta’uu himu.
Kana jechuunis oomishoonni qonnaa fi industirii gabaarratti barbaadaman liqii ga’aa ta’e hin argannee jechuudha jedhu.
''Irra caalaa liqaa kan argatan kanneen daldala galii biyya alaa irratti argaman. Liqaan dameewwan kunneen argatanis kan bara darbeerra %400’n dabaleera'' jedhu.
Baankiin biyyaalessas liqaa daangeessuu dhiisuun siriiyyuu dabaluu qabaa jechuun, ''liqiichiis kan kennamu kanneen oomisha oomishaniif yoo ta'e gaariidha'' jedhu Dr Ayyalaan.
Obbo Abdulmanaan gamasaanitiin ammoo, waggoota muraasaan dura tarkaanfiin wal fakkaatu fudhatamee qaal’insa hanga tokko hir’isuun danda’amee akka ture yaadatu.
Itti dabalunis, murteen baankii biyyaaleessaa ammaa kun ''bu'aa qaba'' jedhanis bu'aa gaarii hin taanee qabaachu akka danda'u hin dhoksine.

Murteen baankii biyyaaleessaa liqii baankootaa waggaa baankiiwwanii %30’n guddachaa ture, “%14'tti daangessuuf jechuun walakkaan gaditti buuse jechuudha,” jedhu Abdul Mannaan.
Kanaafis fakkeenya yoo kaasan, konkolaataan tokko saffisa olaanaa ittiin deemaa ture battalatti akka hir'atu yoo taasisee garagalu danda'a jedhan.
Itti dabalunis, murtichi sochii diinagdee olaanaa hir’isuu akka malu yaaddoo qaban kaasuun, damee ijaarsaa liqaadhaan socha'u, dhabiinsii liiqaa fi gatiin qabeenyaa hir’achuu hordofsiisuu akka danda’u ibsaniiru.
Ida'amni kanneen lamaanii ammoo dandeetti liqaa kaffaluu laaffisuun, “gatii qabeenya wabiin qabamanii hir’isuun baankiiwwan irratti rakkoo uumuu danda’a,” jedhu Obbo Abdulmanaan.
Murteen kun dandeetti liqeessuu baankiiwwanii waan daangessuuf, “baankiwwan liqeeffatoota akka filataniifi reeshinii keessa akka galan isaan taasisa. Akkasumas baankiiwwan maallaqa liqeessan waan hir’isuuf gara malaammaltummaatti galuu danda’u,” jechuun iyaadda'u.
Baankiiwwan dhala liqaa isaaniilleen dabaluu akka danda’anis kaasan.
“Gatiin tasgabbaa’us seekatariin baankii akka hin tasgabboofne taasisu danda’a. Liqaan badaas dabaluu danda’a. Tasgabbaa'ina dhabiinsii diinagdee ammoo dandeetti liqaa kaffaluu hir’isuu danda’a,” jedhu.
Liqaan mootummaa akka haa hir'atuu jechuuf amantaa kan hin qabne Dr Ayyalaan, Baankiin Biyyaaleessaa daangeessuu liiqaa mootummaan fudhatu ilaalchisee yaada addaa qabu.
“Mootummaa sana hunda liqeeffachuu qaba jedhee waanan hin amanneef osoo hin taane, haala amma biyyi keessatti argamtuun (waraanaafi dhimmoota biraa) ammatti obsuutuu barbaachisa jedheen waanan amanuufiidha. Hir'isuun sirriidha garuu amma ta'u hin qabu,” jedhu.
Baankiin Biyyaaleessaa liiqaa yeroo ariifachiisaa baankoonni fudhatan irratti ammi dhala kanfalanii %16 irraa gara %18tti akka ol guddatu taasifameera.
Dr Ayyalaan kanaan waliin hin galanii. “Guddinni liqaa %14n hir’acuun isaa sirrii osoo ta'e kunis sirrii ta’a ture,” jedhu.
Baankiiwwan invastimantii fi biiznasii jajjabeessuuf dhalli liqaa kennan %5 irraa caaluu akka hin qabne himu.
“Itoophiyaa keessatti baankiiwwan dhala %18 fi %20’n liqeessaa jiru. Maaykiroo faayinaaniisiiwwan tokko tokko ammoo dhala hanga %29’n akka liqeessan dhaga’eera. Kun akka araaxaa fakkaata. Kunis yakka diinagdee isa guddaadha,” jedhu.
Ta’uu kan qabu liqaa dabalanii, dhala hir’isuudhaan hiyyeessi of jijjiire biyya isaas akka jijjiiru gargaaru akka ta’e himu.
Baankiin biyyaalessaa dhala liqii baankiiwwanii %18'tti yoo guddise baankiiwwan ammoo dhala namootaaf kennan gara %22tti ol guddisuuf dirqamu jechuun. “Kun ammoo rakkoolee diinagdee bu'uura irraa furuurra kan hammeessuudha. Maal akka yaadaa jiran hin beeku,” jedhu.
Baankiiwwan Itoophiyaa maallaqa ol kaa’atan keessaa %7 baankii biyyaalessaa keessaa callaan kaa’atu. Baankiiwwan kun walii wal birratti kaffaltiifis kan ta’u herreega mataasaa qabu.
Adeemsa akkasiin baankiiwwan liqaa baayyee yoo kennan hanqinni maallaqa isaan mudata.
Dhiyeenya kanas irra daddeebiin baankiiwwan hanqina maallaqaa (liquidity) akka qaban kan dubbatamu kanarraa kan ka’e ta’uu kan himan Obbo Abdulmanaan, kun yoo ta’u “baankiiwwan hawaasichaafis ta’e waliif kaffaluuf ni rakkatu,'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo hanqina maallaqaa haala akkasiin isaan mudatutti baankiiwwan fuula isaanii gara Baankii Biyyaalessatti naannessu. Baankiin biyyaalessaa kan duraan liqaa dhala %16 kennaa ture liiqaa kanadha kan gara %18tti ol guddise.
“Kaayyoodhumti isaa bankiiwwan sirna qabsiisudha…. Baankiin Biyyaalessaa liqii kan barbaaddan yoo ta’e dhala hedduun isin kaffalchiisaa jechuun qimmiidaanii jira.”
Murteen kun waan gaariidha kan jedhan Obbo Abdulmanaan, hanqinni maallaqaa uumamee osoo hin taane baankiiwwan liqaa baayyee waan kennaniif Baankiin Biyyaalessaa sirna akka qabaatan gochuu waan barbaadeef barbaachisaa akka ta’e himu.
“Baankiiwwan bulchiinsa hir’ina maallaqaa irratti jabaachuu qabu. Ta’uu baannaan liqaaf yoo gara baankii biyyaalessaa deeman dhala guddaa kaffaluun isaan barbaachisaa jechuudha,” jedhu.
Murteewwan Baankiin Biyyaalessaa fudhate keessa inni biraan dirqama sharafa biyya alaa galii taasisuu 70/30 ture gara 50/50’tti akka fooyya'u taasiseera.
Murtee Baankii Biyyaaleessaa kanas ''gaariifi kan isa galateeffachiisuudha'' jedhu Obbo Abdalmannaan.
Kanaan dura al-ergitoonni yoo alatti ergan Baankiin BIyyaaleessaa %70, baankiiwwan ammoo %10 fi al ergitoonni ammoo %20 qooddatu ture.
Malli 70/30 kun hojiirra kan oolu erga jalqabe gara waggaa lamaati. Waraana biyyattii keessa tureefi rakkooleen biroo fedhii sharafa biyya alaa mootummaa waan dabaleef murtee fudhatame akka ta’e himama.
“Daldala biyya alaa hin jajjabeessu,” jedhu. Daldaltoonni alaatti omishoota ergan (exporter) kanneen omishaa alaa galchanisdha (importer). Alatti erganii maallaqa argataniin impoortii godhu jedhu.
Kanaafidha murteen kana dura “daldala alaa guddaa kan miidhu ture” kan jedhan.
“Murteen ammaa kun kan abdii kennuu fi daldala alaa kan jajjabeessudha. Gara fulduraatti kana caalaa utuu foyyaa’eefii gaariidha jedheen yaada. Sababiin isaan dinaagdee Itoophiyaaf daldalalli alaa baayyee barbaachisaadha,” jedhu.
“Dhimmi sharafa biyya alaa biyyattii rakkoo guddaadha. Rakkoon kun umurii keenyattu furamuu dhiisuu danda’a. Murteen kun garuu tarkaanfii gaarii tokkodha. Tarkaanfiwwan akkanaa garuu bu’aa gaarii qabu,” jechuun ogeessii diinagdee kun ni dubbatu.
Diinagdeen Itoophiyaa diinagdee idil addunyaarraan faallaa kan deemuu fakkaata kan jedhan ammoo Dr Ayyalaadha.
Namni al-ergii keessatti hirmaatu tokko oomisha biyya keessaa gara alaatti ergee yoo doolara argatu, doolarichi akka biyyattiif galette akka lakkaa’amu himu.
“Daldalaan tokko biyyaa keessaa birriidhaan bitee alatti doolaraan erga gurguree booda, biyyatti doolara isaa gara birriitti geeddara. Birrii kana fayyadamuun deebisee oomisha bita. Adeemsi kun itti fufa. Amma garuu gurguree doolara isaa baankii kaawwata. Birrii biraa waan hin qabneef baankiirraa liqeeffata,” jedhu.
Doolara isaa baankii kaawwatee xuquu kan hin barbaannee daldalaan kun liqaa argachuuf yoo dursa argatu, qonnaan bulaan garuu liqeeffachuu hin danda’u jedhu. “Adeemsi baankii biyyatti akka kanaan faallaan hojjechaa jira jechuudha,” jedhu.
Daldalaan doolara argate baankitti gara biriitti geeddaree deebisee hojjechuu qaba ture jedhu.
Murteen Baankii biyyaalessaa kun daldaltoota oomisha irratti hojjetaniifi mi’a galtee biyya alaatii bitaniif doolara ol ka’uu danda’uun isaanii sirrii akka ta’e himaniiru.
“Doolara biyya alaatti warra fayyadamaniif jijjiiramni kun gaariidha. Kanaan achi eksipoortaroota hunda akka tokkootti ilaaluun, doolara akka ol kaawwatanii fi gabaa liqii akka dhiphisan gochuun waan malu miti.
''Mirga darbaa hin barbaachisnetu kennamaaf. Oomishtoota biyya keessaaf dursi kennamuun osoo irra jiru eksipoortaroota kunuunsuun sirrii miti,” jedhu.
Obbo Abdulmanaan “dhimmaa qajeelfamoota kana irratti” akka ogeessattii tarkaanfii gaariidha jechuun qala’iinsi guddaa ni tasgabba’a amantaa jedhu qabu.
“Baankii biyyaalessaa baayyee hubataa ta’uu qaba. Rakkoon yemmuu uumamu ammoo akka kana jijjirama uumuuf eeyyamama ta’uun barbaachisaadha,” jedhu.
Jijjiiramni kun qaala’iinsa irratti tasgabbii akka uumu “homaa shakkii hin qabu” jedhanis, lakkoofsa kaa’amerra ni ga’ama amantaa jedhu garuu hin qabani.
“Sirna to’annoo qajeelfamaa cimoo ta’an yoo hordofan qaala’iinsi ni hir’isa jedheen amana. Qaala’insa gatii Itoophiyaaf sababi inni guddaan maallaqi baayyachuu isaadha. Mootummaan isa baankii biyaalessaa irraa liqeeffadhu nan hir’isa jedheera. Tarkaanfii gaariidha,” jedhu.
Daldalli ykn biiznasiin kan eegalu liqii irraadha kan jedhan Dr Ayyalaan ammoo liqaan hojii uumaa jedhu.
“Yeroos oomishni ni jiraata. Oomiishni yoo jiraate ammoo gabaatti dhiyaata. Kun ammoo gatii omishaa hir’isaa deema. Walumaagalatti mana nama hundaa kan xuqudha. Kanaaf qajeelfamni kun qaala’iinsa ni hir’isa jedhee hin yaadu” jedhaniiru.












