Morkii Arsenaal-Cheelsiifi taphoota Piriimerliigii eegaman

Suraa Gaayikoreeshifi Kool Paalmar
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dorgommiin Piriimerliigii torban 28ffaa Jimaata har'aa eegalee hanga Dilbatatti ni taphatama.

Falmiin darbii Landan Dilbata Arsenaalifi Cheelsii gidduutti taasifamu imala taphoota waancaaf murteessan keessaa ijoodha.

Arsenaal dirreessaatti Cheelsii affeeruun morkiin taasisan akkaan kan eegamuudha.

Gareen Arteettaa bara kana Chaampiyoonaa Ingiliz ta'uuf, Cheelsiin ammoo bara dhufu dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessa galuuf falmii jabaa taasisu.

Xinxaalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan morkii Arsenaalifi Cheelsii dabalatee taphoota kaanis akka armaan gadiitti tilmaamera.

Jimaata

Wolvis vs Aston Viilaa

Wolvis Piriimerliigii keessaa bu'uuf fiixerra jira. Taphoonni hafan gaafa ilaalaman carraa waan qabu fakkaatus garuu bu'uunsaa waan hin oolledha.

Wolvis fooyya'insa agarsiisaa jiraatus, tapha kana Astoon Viilaan irra aana jedheen amana.

Astoon Viilaan taphoota Piriimerliigii arfan darba keessaa tokko qofa injifachuu danda'e. Kuni ammoo dorgommii waancaa Arsenaalifi Siitii waliin taasisu jalaa balleesera.

Tapha kana mo'achuuf hojii manaa cimaatu isaan eeggata.

Tilmaama: 0-1

Sambata

Barnimaaz vs Sandarlaand

Sandarlaand ji'a Muddee keessa Barnimaaz injifachuun sadarkaa arfaffaarra taa'ee turus sana booda gaduma deemaa dhufe.

Giraanit Zhaakaa miidhaman dhabuun gahuumsi isaa akka gadi bu'uuf sababa tokkoodha.

Torban darbe garuu dirreetti deebi'uunsaa Sadarlaandiif oduu gaaridha.

Taphata kana Barnimaaz akka mo'atutu natti dhagahama.

Kilabichi carraa galchii uumurratti sochii gaarii agarsiisaa jira.

Tilmaama: 2-0

Barnilee vs Bireentfoord

Taphattoonni Barnileey morkattoota ta'uuf yaalii gochaa jiranis kilabicha liigicha keessa tursiisuuf yaaliinsaanii gahaa fakkaatee natti hin mul'atu.

Torbee darbe Cheelsii mo'achuuf carraa argatanii turanis wal-qixa bahuunsaanii gaarii hin turre.

Taphoota 27 darban irratti afur qofa kan injifatan yoo ta'u, liigicha keessatti hafuuf taphoota 11 hafan keessaa shan mo'achuutu isaanirra jira.

Kana ammoo waan galmaan gahan natti hin fakkaatu.

Bireentfoord torban darbe Biraayitan ni mo'ata jedhee kan eege hin turre; garuu ni mo'atan.

Torban kanas garichi ni mo'ata jedheen yaada.

Tilmaama: 0-1

ግምት፡ 0 - 1

Asxaa Liivarpuulifi Weest Haam

Liivarpuul vs Weest Haam

Weest Haam fooyya'iinsa agarsiisaa jira jedhamus, torbee darbe Barnimaaz waliin qixa bahuunsaa qabxii gaarii natti hin fakkaatu.

Tapha kana mo'achuun isaaf murteessadha.

Liivarpuul taphni Nootinghaam Foorast waliin taasise gaarii ta'uu baatus qabxii sadi sassaabatee galuu danda'eera.

Deeggartonni Liivarpuul Arnesloot irraa shakkii qabaatanis kilabichi qabxii argachuutti deebi'era.

Tilmaama: 2-1

Niwukaasil vs Evartan

Evartan gahuumsa dhaabataa agarsiisaa jiraachuu dhabuun alatti dirreesaan ala gahuumsa isaa tilmaamuun rakkisaa ta'eera.

Antoonii Gordan gahuumsa gaarii irra jira.

Niwukaasiil marsaa jalqabaan dirreen ala 4-1n injifatee ture.

Evartan bara darbe dirreen ala Niwukaasiil mo'achuusaan taphni kun wal-qixa xumurama jedheen yaada.

Tilmaama: 1-1 ኤ

Liids vs Maan Siitii

Siitiin shaampiyoonaa liigichaa ta'uu yoo fedhe tapha kana injifacuun isaaf murteessadha.

Tapha kana tilmaamuuf baay'ee rakkisaa ta'us, Siitiin olaantummaan xumura.

Siitiin kana duraa gidduurratti olaantummaa hin qabu.

Garuu fuulduraa jifattoota amansiisaa qaba waan ta'eef ni injifata.

Tilmaama: 1-3

Dilbata

Biraayitan vs Nootingham Foorast

Biraayitan torbee darbe Bireentfoord injifachuun qabxii murteessaa argateera.

Foorast garuu torbee darbe Liivarpuuliin mo'amuu hin qabu ture.

Fuuldureensaa rakkina qabaachuurraa kan ka'e tapha kanarratti Liivarpuuliif harka laachuunsaa waan hin oolledha.

Tilmaama: 2-0

Fulhaam vs Tootenhaam

Iigoor Tuudoor leenjisummaa Tootenhaam haala gaariin hin eegalle.

Taphni kun warra Tootenhaamiif salphaa akka hin taanetu natti dhagahama.

Fuulhaam torbee darbe Sandarlaand mo'achuun alatti, marsaa jalqabaa Tootenhaam waliin taphateen qabxii sadi irraa fudhatee ture.

Tapha kanas irra aana jedheen yaada.

Tilmaama: 2-1

Maanchestar Yunaayitidiifi Kiriistaal Paalaas

Manchestar Yunaayitid vs Kiriistaal Paalaas

Manchestar Yunaayitid leejisummaa Maayikil Kaariik jalatti sochii gaarii taasisaa jira. Jifataansaa Benjaamiin Sheeskoo jijjiiramee galuun galchii lakkoofsisaa jira.

Paalaas torbee darbe Wolvis mo'achuu danda'us, leenjisaa isaa waliin haalli jiru gaarii miti.

Waggoota lamaan darban Paalaas mo'atus tapha kana garuu Yunaayitid mo'achuunsaa waan hin oolledha.

Tilmaama: 2-0

Arsenaal vs Cheelsii

Tapha kana Arsenaal mo'achuun ala filannoo biraa hin qabu.

Cheelsiin taphattoota kilaba kamuu injifachuu danda'an qabaatus qabxii eegsifachuurratti rakkoo qaba.

Arsenaal Wolvis waliin qixa erga baheen booda Tootenhaam irratti gahuumsi agarsiise na gammachiisera.

Tapha kanas irra aana jedheen amana.

Tilmaama: 2-0