Itoophiyaan qaala'insa gatii to'achuuf imaammata maallaqaa fooyyessuufi

Dubartii dukkaana miyaa keessa harka fuularra keessee teessu

Madda suuraa, Getty IMAGES

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa liqaa kallattii mootummaaf kennu dabalatee qaala'insa gatii tasgabbeessuuf imaammata maallaqaa fooyyessuuf murteessuu hime.

Qaala'insa gatii yeroo dheeraaf uummata irratti dhiibbaa taasise haala murteessaafi itti fufinsa qabuun hir'isuuf fooyya'insi imaammataa akka taasifamuufi raawwatamu murteessuu bulchaan baankichaa Obbo Maammoo Mihiratuu Jimaata har'aa 05/2015 A.L.I ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Waggoota lamaan darbanitti qaala'insa harka 30 ol tureefi diinagdee biyyattiif qormaata tahe tasgabbeessuuf Boordiin Daarektarootaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa kora Hagayya 01/2015 A.L.I taasiseen murteesse.

Waggoota lamaan darbanitti kooviid, walitti bu'insa, hongee, galiin mootummaa hir'isuu fi baasiin dabaluun rakkoon maallaqaa biyyattii jabaatee akka mul'atu dhimmoota taasisan keessaati jedhan.

Sababa kanaan hanqinni baajata mootumma dabaluu akkasumas liqaan biyya alaa fi deeggarsi xiqqaachuun hanqinni baajataa kan guutamu dirqama maddeen maallaqaa biyya keessa jiranirraa ture jedhameera.

Obbo Maammoon akka jedhanitti mootummaan diinagdee biyyattii madaalchisuufi qaala'insa gatii tasgabbeessuuf bara 2016tti hanqina bajataa daangessuuf ejjennoo qabateera jedhan.

Kunis baasiin mootummaa akkaa daanga'u, hanqinni baajataa oomisha waliigalaa biyyaa irraa akka hir'ifamu akka taasifamus himaniiru.

Murtoon kunis mootummaan liqaa baankii gidduugalaa dabalatee baankota biyya keessaa irraa fudhatu akka hir'isu taasisuun tahuus Obbo Maammoon himaniiru.

Waggaa darbe liqaa guddisuun gatii tasgabbeessuu irratti bu'aan argamsiise daangeeffamaa ture jedhan Obbo Maammoon, sababa kanaan bara bajataa baranaan liqaan mootummaafis tahe damee dhuunfaaf kennamu daangessuuf murtaa'era.

Fooyya'insa imaammataa qaala'insa gatii tasgabbeessuuf taasifame

  • Baankichi bara bajataa 2016 A.L.I baatii Waxabajjii irratti qaala'insa gatii harka 20tti gadi buusuu, 2017tti ammoo harka 10tti gadi buusuuf hojjechaa akka jiru himeera.
  • Bara bajataa 2016, Waxabajjii keessa liqaan biyya keessaa harka 14'n daangeffama. Baankiiwwan daldalaas karoora liqaa isaanii kana bu'uura gochuun akka sirreessan taasifama jedhan.
  • Bara bajataa bara kanaan Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa liqaa kallattii mootummaaf kennu akkaan hir'isuun bara darbe liqaa kennamerraa 1/3 akka hin caalleefi akka daangeffamu taasifama.
  • Minsiteerri Maallaqaa liqaa kallattii akka filannoo isa dhumaatti kan fayyadamu sanada kuusaa maallaqaa gahaa gabaatti dhiyeessuu yoo hin dandeenye qofa akka tahu waliigalteerra gahamuutu ibsame.
  • Baankoti hanqinni qarshii dheedhii yeroo isaan mudatu liqaan atattamaa Baankii Biyyaalessaarraa fudhataniif dhalli kaffalan harka 16 irraa gara 18 akka guddatuuf taasifama.
  • Daldaloota alaa ijoo tahan, keesumaa al-ergiiwwan damee maanufaakchariing jajjabeessuuf dirqamni sharafa alaa dabarsuu(forex surrender requirement) harka 70/30 irraa gara 50/50 akka fooyya'u taasifama.
  • Qajeelfama haaraa kanaan al-ergitootni miyaa fi tajaajilaa sharafa alaa argatanirraa harka 50 Baankii Biyyaalessaaf, harka 10 ammoo baankii isaaniif dabarsu. Isa hafe herrega baankii mataa isaaniitti akka dabarsan eeyyamamuutu himame.

Qaala'insa gatii tasgabbeessuuf fooyya'insi imammaata maallaqaa maaliif barbaachise? Gaaffii jedhu kaasuun kan ibsan Obbo Maammoon, sadarkaa jireenyaa uumataa fooyyessuuf, hiyyummaa hir'isuuf, qusannoo fi invastimantii jajjabeessuuf akkasumas carraa hojii uumuuf tahuu ibsaniiru.

Qaala'insi gatii waggoota darban baayyeef qormaata diinagdee Itoophiyaa yoo tahu sochii guyyuu hawaasaa irratti ba'aa tahee tureera.

Waggoota kudhan darbanitti qaala'insi jireenyaa waggaa waggaan yoo xiqqate harka 16'n daballii agarsiiseera kan jedhan bulchaan baankii kanaa waggoota lamaan darbanitti ammoo harka 30 ol dabaleera jedhan.

Waxabajjii darbe qaala'insi gatii mul'ate 29.3 yoo tahu lakkoofsi kuni waggoota lamaan darban harka 30 tahee ture, keesumaa waggaa darbe yeroo wal fakkaataatti harka 34 isa turerraa barana fooyya'insa agarsiiseera jedhameera.

Dabalataan qaala'insi gatii miyoota nyaataa isa bara darbe harka 38 turerraa bara kana Waxabajjii keessa harka 28 tahuun gadi bu'eera.

Fooyya'insi kuni kan jajjabeessu tahuu kana himan Obbo Maammoon qaala'insi gatii kan yeroon hin kennamneefiifi hojii dabalataa kan gaafatu dha jedhan.

''Qaala'insi gatii diinagdee biyyaa irrattis tahe hawaasa galii miiliyoonaan lakkaa'amu qaban akkasumas kanneen galii gadi aanaa qabanirratti dhiibbaa geessisuun dabalataan miidhaa jabaa qaba,'' jedhan.

Qaala'insi gatii hammuma yeroo dheeraa tureen akka amma Itoophiyaa keessatti arginuun yaaddoo hawaasummaa fi diinagdee akka uumu hubachiisaniiru.

Obbo Maammoo Mihiratuu

Madda suuraa, EBC

Sababiin qaala'insa gatii Itoophiyaa maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatiinis tahe dhaabota biroon taasifame akka agarsiisutti sababooti ijoo, hanqina dhiyeessii, gatiin oomishaa dabaluufi imaammata diinagdee keesumaa imaammata faayinaansiifi maallaqaa shoora akka qaban Obbo Maammoon dubbatu.

Fakkeenyaaf iddoowwan biyyattii waraanni turerraa oomishoota qonnaa raabsuun danqamee ture.

Kana malees gabaa addunyaa irratti gatiin boba'aa, xaa'oo fi geejibaa qaala'uu eeraniiru.

Walakeessa bara 2020 hanga 2022tti gatiin boba'aa harka 40, xaa'oon harka 200 akkasumas geejibni harka 300'n dabaluun qaala'insa gatii Itoophiyaa kaneen hammeessan keessaa tahuu himaniiru.

Akkasumas kooviid, walitti bu'insa fi hongee dandamchuuf imaammata maallaqaa yeroo idileerraa laafaa tahe fudhatamuun qaala'insa gatiif shoora qaba jedhan.

Qaala'insa gatii Itoophiyaa keessa jiruuf dhimmooti sababa tahan baayyeen akkuma jiran furmaataafis akkasuma tattaaffiin qindaa'e akka barbaachisu beeksisaniiru.

Gatii tasgabbeessuuf imammata maallaqaa fooyyeessuun alatti tarkaanfiiwwan dabalataa akka fudhatamus himaniiru.

Fooyya'insa caasaafi dhiyeessii irratti ka'an keessaa:

Tarkaanfii fooyya'insa dhiyeessii: Gatii warra bitanii bu'uura gochuun harka 54 kan qabatu qaala'insa oomisha nyaataa hir'isuuf, oomisha qonnaa guddisuufi oomishtummaa dabaluuf murteessaa akka tahe himaniiru.

Gama kanaan bal'ina lafa qotamu dabaluu, qonna jallisii dabaluu akkasumas qonna magaalaa jajjabeessuun akka fakkeenyaatti kaaseera.

Fooyya'insa caasaa qabatamaa gochuu: geejibaafi sirna loojistiksii akka daldala deeggaranitti fooyyessuuf tarkaanfii caasaa fudhachuun gatii tasgabbeessuu irratti shoora akka qabu Obbo Maammoon ibsaniiru.

Akka fakkeenyaatti kan kaasanis toora dhiyeessii luuccessuufi gabaa oomishaa dorgomaa uumuuf deeggarsi taasifamu yeroo keessa dhibbaa gatii akka tasgabbeessan himaniiru.