Itoophiyaan jaalattoota saala wal fakkaatoo fi dhaabbilee gochichi keessatti raawwate jette irratti tarkaanfii fudhachuu himte

Madda suuraa, A.A CITY ADMIN
Itoophiyaan hoteelotaa fi maneen bashannanaa jaalattootni saala wal fakkaatoo itti wal argan irratti tarkaanfii fudhachaa jirti.
Qondaalonni mootummaa Itoophiyaa hoteelota, manneetii dhugaattii fi bashannanaa magaalaa Finfinnee keessaa jaalattootni saala wal fakkaatoo itti wal argu jedhan hordofuun tarkaanfii fudhachaa akka jiran himan.
Poolisiin magaalaa Finfinnee ‘’dhaabbilee gochaa jaalattoota saala wal fakkaataa itti raawwataman irratti tarkaanfii fidhadha,’’ jedhe.
Biiroon Bulchiinsaa fi Nageneya amagaalaa Finfinnee hoteelotaa fi maneen dhugaatii gochaan kun itti raawwatamu jedhamee shakkamanii fi eeru kenname irratti poolisii magaalittii waliin tahuun tarkaanfii fudhachuu hime.
‘’Hoteelota, Peensiyoonii, restooraantota fi bakkeewan bashanananaa gochaan jaalattoota saala wal fakkaatoo [sodomotaa] bifa aadaa biyya keenyaa, safuu, amantaa fi jiruuf jireenya hawwaasaa cabse keessatti raawwatan irratti tarkaanfii fdhataa jirra,’’ jedhe.
Dabalataan uummanni gochaa akkanaa argee fi shake poolisiif eeruu akka kennu gaafateera.
Akka seera Itoophiyaatti sodomummaa [jaalattoota saala wal fakkaataa] yakkadha. Haa tahu malee, dhiyeenyatti namni gochaa Kanaan shakkamee to’atamee fi himatni irratti baname hin dhagahamne.
Jalqaba turban kanaatti, gareen jaalattoota saala wal fakkaataaf falmu Mana Guraamaayilee [House of Guramayle] jedhamu Itoophiyaan ‘’tarkaanfii hin eegamne namoota dhuunfaa ilaalcha jaalattoota saala wal fakkaataa qaban irratti fudhachaa jirti,’’ jedhe.
Dhaabbatichi dhaabbileen mirga namoomaaf falman gochaa kana balaaleffachuu akka qaban hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biiroon Bulchiinsaa fi nageenyaa magaalichaa seera Itoophiyaa hojii irra jiruun gochaan sodoomummaa [jaalattoota saala wal fakkaatoo] yakka jechuun ''gochichi hawwaasas tahe waaqa biratti gochaa jibbisiisaa waan taheef tarkaanfii fudhatamu jabaatee itti fufa,'' jedhe.
Biirichi namoota dhuunfaa fi dhaabbilee gochicha raawwachiisan irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksise.
Kutaa bulchiinsa Eekkaa aanaa 02 keessatti eeruu uummata irraa dhufeen ''Gasti Hawusii Ababaa [ Mana Ciisichaa Ababaa]'' jedhamu keessatti gochi kun akka raawwatu eeruu uumata irraa arganneen tarkaanfiin fudhatameera jedhe.
Hogganaan dhaabbatichaas to'annoo jala oolfamuun qoratamaa jiraachuu poolisiin himeera.
Biyyootni Afrikaa akka Yugaandaa seera farra jaalattoota saala wal fakkaataa dabarsuun dhaabbileen idil-adunyaa liqaa kennan kan akka Baankii Adunyaa liqaa dhowataniiru.
Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii Yugaandaan liqaa keessan malees guddina itti fufteetti jedhan.












