Biyyoonni Afrikaa lixaa rakkoo fonqolcha Niijeeriin dhalate humna waraanaan furuuf murteessan

Madda suuraa, EPA
Biyyoonni Afrikaa Lixaa rakkoo sababa fonqolcha mootummaatiin Niijeer keessatti dhalate tasgabbeessuuf humna waraanaa akka fayyadaman mirkaneessaniiru.
Bulchaan Ayivorii Koost Alasanee Otaaraa fi Dursaan Ecowas Omar Tuuree akkaataa rakkoo fonqolcha Niijeeriin dhalateef deebii kennuun danda'amurratti wayita mari'atan, humna hatattamaan gidduu seenee tasgabbii uumu gurmeessuu ibsaniiru.
Hooggantoonni Ecowas goolama fonqolchi Niijeer uume ilaalchisee wayita mari'atan, ''humna eeggataa'' yeroo kamittuu ka'ee Niijeer qaqqabu hundeessuun, humna waraanaan akka giddu seenan irratti waliigalan.
Pireezidantiin Naayijeeriyaa Boolaa Tinuubuu furmaataa inni dhumaa humnatti fayyadamuudha jedhan.
Humni waraanaa Niijeer fonqolchaan aangoo kan qabate Adoolessa 26, bara 2023 ture.
US fi Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii waa'ee nageenyaa Pireezidanti Mohammad Bazuum guddoo yaadda'uu himan.
Pireezidantichi erga ugguramanii manatti hidhamanii torban lama caaleera.
Hoogganaan UN Antooniyoo Guteerez, akkaataa qabiinsa pireezidanti Bazuum fi maatiisaaniirratti gabaasaaleen ba'aa jiran akka isaan yaaddessan dubbatan.
Walga'ii Ecowas booda yaada kan kennan bulchaan Ayivorii Koost Alasanee Otaaraa, ''Ecowas dhimma biyyoota Afrikaa keessa kan seenuuf heera humnaan diigame iddootti deebisuufi,'' jedhan.
Biyyisaanii ergama Ecowas kana milkeessuuf loltoota 850 hanga 1,100 akka gumaachitu waadaa seenan.
Naayijeeriyaa fi Beeniin irraas loltoonni ni bobbaafamu jedhan qondaalli kun.

Madda suuraa, Getty images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezidantiin Ecowas Omar Tuuree, miseensonni jaarmiyaa kanaa humna waraanaa Niijeeritti ramadamuuf gumaacha mataasaanii gochuuf waliigalaniiru jedhan.
Humni waraanaa gurmaa'u kun haala kamiin akka ijaaramee fi maal akka raawwatu ammatti bal'inaan hin ibsine.
Haata'u malee, aanga'oonni waraanaa fonqolchaan aangoo qabatan weeraraa fi haleellaa qaama alaa kamuu ofirraa qolachuuf qophii ta'uu ibsaniiru.
Ecowas aanga'oonni waraanaa Niijeer fonqolchaan aangoo qabatan gadhiisuun pireezidantii karaa dimokiraatawaan filatametti akka deebisaniif daangaan yeroo kaa'eefii ture Dilbata darbe xumurame.
Juntaan Niijeer ajaja Ecowas kana hojiirra hin oolchine.
Inumaa kaabinoota haaraa muuddachuun bulchiinsa isaanii cimsaa jiraachuu agarsiisan.
US fi Faransaay buufata waraanaa Niijeer keessaa qabu, achirraa garee hidhattootaa jihaadistoota ofiin jechuun naannawa Saahel keessa socho'an haleelu.
Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinkan jalqaba torbee kanaa rakkoo Niijeer keessa jiru ilaalchisuun wayita BBCtti dubbatan, gareen mindeeffamtoota Raashiyaa, Waaginar jedhamu goolama siyaasaa Niijeer keessatti mudaterraa fayyadamaa jiraahcuu kaasan.












