Fonqolcha Niijeer: Akeekkachiisa Ecowas booda humni waraanaa daandii qilleensaa cufe

Madda suuraa, Reuters
Qondaaltonni waraanaa Niijeer fonqolcha mootummaa gaggeessuun aangoo biyyattii dhuunfatanii jiran yeroodhaaf daandii qilleensaa biyyattii cufan.
Sababiin daandii qilleensaa cufuuf murteessaniif doorsisa biyyoota ollaa ta'uu ibsan.
Marsariitiin dhimma balalii to'atu- Flightradar24 akka agarsiisutti yeroo ammaa xiyyaarri tokkollee qilleensa Niijeer keessa balali'aa hin jiru.
Qondaaltonni waraanaa Niijeer tarkaanfii kana fudhachuusaaniin dura gareen biyyoota lixa Afrikaa, Ecowas, yoo aangoon mootummaa bakkatti hin deebine waraanaan akka gidduu seenu ibsee ture.
Pireezidantiin biyyattii Mohammad Bazuum bakkatti hin deebi'an taanaan tarkaanfii akka fudhatu Dilbata (Hagayya 06, 2023) akeekkachiisee ture jaarmiyaan kun.
Dubbi himaan humna waraanaa Niijeer biyyasaanii weerara alaarraa ittisuuf yoomiyyuu qophii ta'uu ibsan.
Pireezidanti Bazuum Adoolessa 26 humna waraanaan hidhaman, isa booda ajajaan eegduu isaanii Jenaraal Abdurrahmaan Tishaanii aangoo qabachuun akka hoogganaa biyyatti bulchaa ta'uusaa labsate.
Tarkaanfiin humna waraanaa biyattii kun hawaasa addunyaa biratti akkaan balaaleffatameera.
Koloneeffattuun duraanii Niijeer Firaansi fi biyyoonni Awurooppaa kaan akkasumas US fi Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii humni waraanaa Niijeer aangoo qabachuu guddoo balaaleffatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bakka bu'aan humna waraanaa Niijeer TV biyyattiitiin ergaa dabarseen, ''biyyoonni alaa humnaan nu haleeluuf qopha'aa akka jiran odeeffannoo qabna,'' jedhe.
Fonqolcha mootummaa booda hookkara Niijeer keessatti uumame hordofee Ecowas Jimaata darbe akka ibsetti, jaarmiyaan kun humna waraanaa fayyadamuu dabalatee tarkaanfiiwwan fudhatamuu malan irratti karoora bal'aa qopheeffachuu ibse.
Jaarmiyaa kanatti komishinarri Komishinii dhimmoota Siyaasaa, Nageenyaa fi Tasgabbii Abdelfattaa Muusaa, ''wantoonni giddu-seentummaaf barbaachisan hundinuu irratti hojjetamaa jiru. Qabeenya barbaachisuu fi humna namaa akkasumas yoomii fi akkamiin humna waraanaa bobbaasna kan jedhu karoorfameera,'' jedhan.
Ecowas humna waraanaa aangoo biyyattii to'aterratti akeekkachiisa kan baase torbee darbe keessa, garuu kan mirkaneesse amma.
Ecowas jaarmiyaa biyyoota lixa Afrikaa 15 of keessaa qabu yoo ta'u Naayijeeriyaa, Senegaal fi Gaanaanis as keessatti argamu.
Qondaaltonni waraanaa aangoo pireezidantiitti deebisuuf fedhii tokkollee hin agarsiifne.
Dilbata kaleessaa deeggartoonni qondaaltota waraanaa kumaatamaan lakkaa'aman dirree kubbaa miilaa magaalaa Niyaamiitti ba'uun deeggarsa qabaniif agarsiisaa turan.
Biyyoonni ollaa Niijeer, Burkina Faasoo fi Maaliin humna alaa gara Niijeer seenu kamuu akka weerara waraanaatti fudhanna jechuun ejjennoo qaban ibsanii turan.
Biyyoonni lameen miseensa Ecowas turan, garuu erga humna waraanaa fonqolchaan aangoo qabatee garee kana keessaa ari'aman.












