Loltoonni Niijer fonqolcha labsan, pireezidantichi fudhachuu didan

Madda suuraa, AFP
Loltoonni Niijer televizhinii biyyaalessaa irratti fonqolcha labsan.
Loltoonni biyya Lixa Afrikaa kuni heera diiguu, dhaabota yeroof dhorkuu fi daangaa biyyaa cufuu himan.
Pireezidantiin biyyattii Mohaamad Bazuum gaafa Roobii ganamaa qabee eegdotni isaaniirraa fudhatamuun loltootaan qabamanii jiru.
Pireezidantiin biyyattii erga tiwiitara gubbaatti maxxansaniin fonqolcha gaggeefame kana mormanii, waraanni guutuun qaama fonqolcha raawwate duukaa hin jiruu jedhan.
Kana haa jedhan malee, hoggonaan waraana biyyattii juntaa fonqolcha raawwate cinaa hiriiruu beeksiseera.
Pireezidantichi deeggarsa Ameerikaa ''jabaa'' tahe akka barbaadan, ministira hajaa alaa biyyattii Antoonii Biliinkaniif waamicha dhiyeessanii dubbatanii turan.
Hogganaan olaanaa UN Antooniyoo Guteerez pireezidantichatti dubbachuun deeggarsa UN guutuu akka taasifamuufi itti himuu dubbatan.
Baazuumaan lola warri Lixaa hidhattoota Isalaamaa Lixa Afrikaa irratti taasisan ni deeggaru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota dhihootti biyyoonni ollaa Maalii fi Burkinafaasoon diddaa jihaadistoonni adeemsisaniin fonqolcha keessummeessaniiru.
Biyyoota lameen keessatti hogganootni waraanaa biyya kana koloneeffataa turte Firaans waliin wal-dhibdee keessa jiru. Nijeeris akkasuma biyyoota Firaansiin bulaa turan keessaati.
Labsii gaafa Roobii karaa TV'n darbeen Koloneel Amaadoo Abdiirmaanee loltoota uffata danbii uffatan sagal wajjin, ''nuti humnooti ittisaa fi nageenyaa bittaa mootummaa kana xumura itti tolchineerra,'' jedhan.
''Kunis haala nageenyaafi diinagdee gadi bu'aa fi bulchiinsa badaa hordofee dhufe,'' jedhan.
Kana malees dhaabonni biyyattii marti hojii dhaabuu himuun hogganaan ministeerotaa dhimma guyyuu to'ata jedhan.
''Michoonni alaa marti akka gidduu hin seenne gaafanna,'' jechuun itti fufan. ''Hamma dubbiin tasgabbaa'utti daangaan lafaafi qilleensaa cufameee tura,'' jedhan.
Erga loltoonni karaa TV'n labsii baasniin booda Biliinkan Pireezidant Baazuum akka hatattamaan gadhiifaman waamicha dhiyeessaniiru.
Niiw Ziilanditti ibsa gaazexaaf kennaniin, ''kuni ifatti aangoo humnaan qabachuu fi heera biyyattii diiguudha,'' jedhan.
Loltootni Raashiyaa garee Waagnariin qacaramanii hojjetan mootummaa waraanaa biyya ollaa Maalii jihaadistoota loluu irratti deeggaru.
Tasgabbii dhabuun kuni yeroo warri Lixaa gareen Waagnar achitti socho'uufi naannon Saahel nagaa dhabuu irratti yaadda'aa jiranii dhagahame.
Pireezidant Vilaadmiir Puutiin dhiibbaa Afrikaa keessatti qaban jabeessuu barbaadu. Kamisa har'aas kora hogganoota Afrikaas keessummeessaa jiru.
Gareen diinagdee Afrikaa Lixaa Ecowas Niijer keessatti,''yaalii humnaan aangoo qabachuuf taasifamu mormuu,'' himeera.
Ecowas bakka bu'uun ergama wal-mariisisuu qabatanii Pireezidantiin Beeniin Paatriis Tolaan magaalaa guddoo biyyattii Niyaamee galaniiru.
Tolaan, ''barbaachisaa taanaan mala hundumaa fayyadamuun Nijeer keessatti heera kabajuu iddootti deebisna, garuu waan hundi nagaafi tasgabbiin otoo taasifamee wayya,'' jedhan.
Gaafa Roobii Niyaameetti hiriirtonni Pireezidant Baazuum deeggaran daandiitti bahanii turan.
Humnoonni akkaan hidhataniifi pireezidantichaaf amanamoo tahan naannoo TV biyyaalessaatti eegaa turan.
Magaalattiin iddoo baayyeetti nagaa kan qabdu yoo tahu, loltoonni fonqolcha raawwachaa jiran mormitoota bittinsuuf dhukaasaa turan.
Niijer finciltoota Islaamaa lama gidduutti rakkachaa jirti. Tokko gama kibba-lixaan bara 2015 irraa qabee kan Maalii muddaa jiru yoo tahu, kaan immoo kibba-bahaan jihadistoota kaaba-baha Naayijeeriyaatti qubatan fa'i kan dabalate dha.
Loltoonni al-Qaayidaa fi IS'tti hidhata qaban biyyattii keessatti ni socho'u.
Pireezidant Baazuum bara 2021tti ture karaa demookiraatawaan kan filataman, biyyoota Lixaa fi Firaansiifi michuu dha.
Niijer erga Firaans irraa bara 1960tti bilisa baateen booda fonqolchi al afur adeemsifameera. Yaaliin fonqolchaa ammoo al baayyee adeemsifameera.












