Humna waraanaan mootummaa fonqolchuun Afrikaa keessatti baay'achaa jiraa?

Dursaa fonqolcha mootummaa Giinii loltoota waliin

Madda suuraa, AFP

Waggoota darban keessatti fonqolcha mootummaa humna waraanaan gaggeeffamu Afrikaa keessatti waan baramaa dhufedha.

Dhiyeenya Giinii keessatti Pirezdaant Kondee angoorra kaafamuun isaa fakkeenya humni waraanaa siyaasa biyyaalessa keessa seenuudha.

Maalii keessattiis wagga tokko kan hin guunne keessatti si’a lama yaaliin fonqolchaa gaggeeffameera.

Niijer keessattis ammo pirezdaantiin filannoo injifate aangootti muudamuuf guyyaa muraasni yemmuu hafu fonqolchi gaggeeffameera.

Fonqolchi yoom fonqolcha jedhama?

Hiikni fonqolchaa tokko yemmuu humni waraanaa ykn angaa’oti biro karaa seeraan alaan hoggantoota biyyaa aangoorra kaasuuf yemmuu yaalanidha. ‘

Qorannoon qorattoota US lamaan, Jonaatan Paawel fi Kileeytan Taayiniin gaggeefame, bara 1950’n irraa eegalee Afrikaa keessatti yaaliin fonqolchaa akkanaa 200 ol gaggeefameera.

Kanneen keessa walakkaa kan ta’an milkaa’aniiru – kana jechuun guyyaa torba oliif aangoo qabataniiru jechuudha. Lixa Afrikaatti, Burkiinaa Faasoo keessatti fonqolcha milkaa’an qabdi, yaaliin tokko qofa kufee, torba milkaa’eera.

Maalii keessatti yeroo namoonni loltootatti dacha'uun jajatan in Mali

Madda suuraa, Getty Images

Takka takka, kanneen goocha kana keessatti hirmaatan, gochi isaani fonqolcha miti jechuun ni haalu.

Bara 2017 Zimbaabwee keessatti, humni waraanaa Roobart Mugaabee aangoo fudhachuun bulchiinsa isaa wagga 37 dhaabaniiru.

Fonqolcha kana kanneen hogganan keessaa tokko Meejar Janaraal Sibusisoo Moyoo, yeroo sanatti TV irratti mul’achuun kun fonqolcha miti jechuun haalaniiru.

Ebla bara kanaatti, erga hogganaan Chaad, Idriis Deebi du’anii booda, humni waraana ilma isaa pirezdaantummaan yeroof muuduun, gara hoggansa kawunilii human waraanaatti ce’aniiru. Mormitoonni isaa kun “fonqolcha maatii mootummaadha” jedhu.

“Hoggantoonni fonqolchaa yeroo hedduu akka hoggantoota seera qabeessatti fudhatamuuf gochii isaanii akka fonqolcha hin taanetti haalu,” jedha Joonaatan Paawel.

Amma fonqolchi mootummaa Afrikaa keessatti xiqqaachaa jiraa?

Chaartii fonqolcha mootummaa Afrikaa keessatti gaggeeffamu agarsiisu

Waggoota 40 darban bara 1960 fi 2000 giduutti, yaaliin fonqolchaa Afrikaa keessatti gaggeeffamu haala wal fakkaataan tureera, kana jechuun gidduu galaan waggatti yaalii fonqolchaa gara afuriitu gaggeeffama jechuudha.

Erga sanaatii hanga bara 2019 waggootti 20’f gidduu galaan waggaatti yaaliin fonqolchaa lama ni gaggeeffama.

Eega walabummaatii biyyoota Afrikaa keessatti tasgabbiin waan hin jirreef kun wanta nama jaa’ibu akka hin taane Joonaatan ni hima.

“Biyyootiin Afrikaa haloota fonqolchaaf isaan saaxilan kan akka hiyyummaa fi guddina dinaagdee gadi aanaa qabu. Yeroo biyyi tokko takkaa fonqolchaaf saaxilamu irra deebiin fonqolchi biro akka uumamuuf daandii bana.”

Yunivarsitii Kiwalaa Zulu -Nataal irraa Nidubusi Kiristaan Anii akka jedhutti, mormiin aangoorra turuu abbootii irree irraatti ka’u, Afrikaa keessatti fonqolchi akka deebi’ee eegalu taasiseera.

“Hiriirri mormii uummataan dursamee gaggeeffamu sirrii ta’us, yeroo hedduu milkaa’inni isaa kan murtaa’u human waraanaatiini,” jedha.

Biyya Afrikaa kamtu yaalii fonqolchaa hedduu qaba?

Yaalii fonqolchaa 15 irratti taasifamuun Sudaan ni dursiti – kanneen keessaa shan milkaa’aniiru. Dhiyeenya kan gaggeeffame bara 2019tti hiriira mormii ji’ootaaf gaggeeffame booda Omaar al-Bahiir aangoorraa kaafameera.

Bashiir ofii isaatiin aangoo kan qabate fonqolcha mootummaa bara 1989tiin ture.

Bara 1966 fi 1993 gidduutti Naayjeeriyaanis yaalii fonqolchaa saddeetiin biyyoota dursan keessaa tokkodha.

Haata’u malee, bara 1999 booda garuu biyyi Afrikaa kun filannoo dimokraatawaa gaggeessaa jirti.

Waldhabdee saba Huttuu fi Tutsii jidduu jiru irraan kan ka’e Burundii keessatti yaaliin fonqolchaa adda addaa 11 gaggeeffameera.

Seeraa Liyoon keessatti bara 1967 fi 1968 giddutti yaaliin fonqolchaa sadii gaggeefameera, ammas bara 1971 tti yaaliin biraa taasifameera. Bara 1992 fi 1997 gidduttiis yaaliin fonqolchaa biraa shan gaggeefameera.

Gaanaa keessatti waggootii digdama keessatti yaaliin fonqolchaa saddeet taasifameera.

Walumaa galatti aardii kamiyyuu caalaa yaaliin fonqolchaa kan gaggeeffameeru Afrikaa keessattidha.