Qondaalli waraanaa fonqolcha mootummaa Giinii qindeessee eenyu?

Madda suuraa, EPA
Ajajaan Garee Humna Addaa Giinii Kolonel Mahamady Doumbouya fonqolcha mootummaa gaggeessuun pireezidant Alfaa Kondee irraa aangoo fudhachuu Dilbata kaleessaa TV biyyattiirratti ibseera.
Qondaalli waraanaa kun aangoo qabachuu erga ibsee booda karaa naga qabeessa ta'een mootummaa ce'umsaa ijaaruuf waadaa seeneera.
Waa'ee seenaa jireenya Kolonel Doumbouya ijoollummaa irraa kaasee wanti hagas mara beekamu hin jiru.
Akkuma pireezidant Alfaa Kondee gosa Malinke ta'uusaarraan kan hafe wanti beekamu hin jiru.
Malinke'n maqaa waloo uummata Kibba Maalii, Baha Giinii fi Kaaba Ayivorii Koost jiraatanii yoo ta'u, uummata miiliyoona 11 of keessaa qabu.
Koloneel Doumbouya'n Baha Giinii naannawa Kankan jedhamu keessaa bahe.
Boodarra Lixa Giinii iddoo Biiroon Tajaajila basaasaa dhimma daangaa fi tika waliigalaa keessatti argamu Forecariah, keessa jiraachuu eegale.
Qondaalli waraanaa kun Kolleejii loltummaa Paaris, Firaansi keessatti barate. Muuxannoo loltummaa waggaa 15 qaba.
Afgaanistaan, Ayivorii Koost, Jibuutii, Rippaablika Afrikaa giddugaleessaa, Israa'el, Cyprus, UK fi Giinii (biyyasaa) keessatti tajaajila loltummaa kenneera.
Koloneel Doumbouya'n leenjii loltummaa fi ajaja waraanaa mana barumasaa Senegaal keessatti akkasumas oppireeshinii eegumsa nageenyaan ammoo biyya Israa'eliitti wayita leenji'aa ture raawwii olaanaadhaan xumuruutu himama.
Kolleejjii Gaaboon fi Paaris keessattis qabxii olaanaadhaan leenjii xumuruusaatu gabaafame.
Qondaalli waraanaa kun hanga bara 2018 waamicha Pireezidant Alfaa Kondeetiin biyyatti deebi'utti, humna waraanaa Firaansi keessatti hoogganummaan hojjetaa ture.
Pireezidantichi akka Garee Humna Addaa dursuuf biyyatti waaman.
Dilbata kaleessaa pireezidanticha to'annoo jala oolchuun aangoo mootummaa biyyattii to'achuu erga labseen booda, Wiixata har'aatti ministeerotaa fi aanga'oota olaanoo biyyattii kora yaameera.
Fonqolcha mootummaa kana Ameerikaa, UN fi Gamtaan Afrikaa balaaleffataniiru.














