Duraa duuba taatewwan fonqolcha mootummaa fashalaa'ee

Guyyaa jalqabaa

Janaraalonnii fi aanga'oonni mootummaa olaanoon Koloneel Mangistuu gara Jarman Bahaa,GDR,geggeessuuf ganamaan buufata xiyyaaraa booleetti argaman.

Koloneel Mangistuu Haayilamaaram Buufata Xiyyaaraa Booleetti

Meejar Janaraal Quumillaachoo Dajanee xalayaa Jeneraal Damisee Bultoof kennamu qabatanii daandii xiyyaaraa Itoophiyaatiin gara Asmaraatti imalan.

Meejar Janaraal Quumillaachoo Dajanee gara Asmaraatti
Sa'atii kanatti Meejar Janaraal Mariid bilbila iccitiirra turan

Meejar Jeneraal Mariid Nugusee waajjira isaanii masaraa mootummaa keessatti argamu irraa gara Ministeera Ittisaatti imalanii bilbila icciitiidhaan bilbiluu eegalan.

Meejar Jeneraal Mariid Nugusee
Waan naannoo sa'atii 6tti ta'e

Koloneel Mangistuun gara Jarman Bahaa imaluuf haadha warraa fi mucaa durbaa isaanii waliin xiyyaara seenan.

Koloneel Mangistuun haadha warraa fi mucaa isaanii waliin xiyyaara seenaa jiru
Janaraalonni 11 marii eegalan

Koloneel Mangistuun akkuma imala eegalaniin Jeneraalonni waraanaa 11 mooraa Ministeera Ittisaa keessatti akkaataa fonqolcha mootummaa geggeessan irratti marii eegalan.

Janaraalonni 11 mootummaa fonqolchuuf marii eegalan
Sa'atii sagalitti waan ta'e

Xiyyaaricha uggurree Asmaraatti qubachiisnaa fi ni rukunna yaada jedhurratti waldhaban.

Kun Kanaan otoo jiruu Hoogganaa Qajeelcha Duula Waraanaa kan turan akkasumas sochii fonqolchaa kan qindeessaa turan Jeneraal Abarraa Abebe Ministira Ittisaa yeroo sanaa Janaraal Haayilagiyoorgisiin ajjeesuun miliqan.

Janaraal Haayilagoorgis ajjeefaman

Loltuu humna qilleensarraa ykn Ayyar walladii waan turaniif tarii mooraa irraan utaalanii miliqan shakkii jedhu uume.

Janaraal Abarraan mooraa irraan utaalanii miliquutu shakkama
Sa'atii 10

Humni qilleensaa addaa 'Ispaartaa' jedhamuun beekamu 150 ta'u kan Kooriyaa Kaabaatiin leenji'e Xoollay irraa ka'ee dhufuun magaalaa Finfinnee buufate. Achiis naannoo Mana Poostaa marse. Boodarra gara kaampii waraanaa mashuwaalakiyaa jiruu geeffaman.

Ispaartaa
Sa'atii 11:30 booda

Humni addaa ykn Komaandoon lakkoofsaan 400 ta'an Birgaader Jeneraal Quumilaachoo Dajanee fi Koloneel Kaasaayee Taaddaseen durfamanii xiyyaara Antoonoov afuriin wal duraa duubaan Asmaraa irraa ka'anii Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Boolee qubatan.

Xiyyaara Antoonoov komaandoowwan baattee jirtu

Ergamni isaanii warreen fonqolcha yaalaa turaniif golgaa ta'uun waajjiraalee mootummaa ijoo ta'an to'achuudha.

Komaandoowwan xiyyaara keesaa bu'an

Ajjeefamuu Ministira Ittisaa booda garee fonqolcha mootummaa geggeessuu fi garee fashalsiisu gidduutti dubbiin eegale.

Yeros dubbii kana gar tokkotti deebisuuf gidduu deemaa kan turan Addis Tadlaa fi Dabalaa Dhiinsaa turan.

Mareen isaanii bu'aa buusuu wayita dadhabu, michuu jabaa Koloneel Mangistuu kan turan Shaambal Mangistuu Gammachuu fi Hoogganaan Tikaa yerosii Koloneel Tasfaayee Waldasillaasee mooraa ministeera ittisaa waraana birgeedii addaatiin marsiisan.

Miniteerri Ittisaa waraanaan marfame

Waraanaan marfamuu isaanii erga hubatanii abdii kutatanii booda, Jeneraal Mariid Nugusee fi Jeneraal Ammahaa Dastaa wal duraa duubaan of ajjeesan.

Jeneraal Mariid Nugusee fi Jeneraal Ammahaa Dastaa wal duraa duubaan of ajjeesan
Dhihee sa'atii shan

Yaaliin fonqolcha mootummaa fashaluusaa fi namoota fonqolcha yaalaa turan keessaa Jeneraal Faantaa, Komaandar Haayilee fi Jeneraal Abarraan yeroof miliquu isaanii miidiyaan biyyalessaa ibse.

Guyyoota sadi booda Janaraal Faantaan bakka dhokatanii ba'uun harka kennan. Ji'oota muraasa erga maa'ikalaawaatti hidhamanii booda wayita miliquuf yaalanitti ajjeefaman.

Janaraal Faantaan bakka dhokatanii as ba'an

Torbanoota muraasa boodammoo Janaraal Abarraa Nugusee bakka dhokatanii as ba'anii osoo miliquuf yaalanii rasaasaan addarra rukutamuun ajjeefaman.

Janaraal Abarraan wayita rukutaman

Yaaliin fonqolcha mootummaa geggeeffamee waggaa tokko booda ,janaraalota 12tti adabbiin du'aa murtaa'e.Halkanuma sana adabbiin kun hojiirra oole.

Janaraalonni 12 du'aan adabaman