Hospitaalonni Iraan namoota hiriirarratti du'aniifi madaa'aniin dhiphatan

Mormii Iraan

Madda suuraa, Reuters

Hojjetaan hospitaalota sadii keessaa hojjetu tokko yaada BBCf kenneen hiriirri mormii guddaan sababa itti fufee jiruuf hospitaalonni mormitoota du'aniifi miidhamaniin dhiphachuu hime.

Ogeessi fayyaa hospitaala Iraan tokko ''adda dargaggootaatti rasaasni dhukaafameera, lapheesaaniittis'' jechuun hime.

Hojjettootni fayyaa lamaan yaada kennan mormitoota rasaasa itti dhukaafameen miidhaman waldhaanaa akka jiran dubbataniiru.

Guyyaa Jimaataa US ibsa baasteen mormitootatti dhukaasuun ajjeesuun deebii waraanaa akka kennitu kan dirqamtu ta'uu akeekkachiiste. Iraan ammoo US hiriira nagaa gara hokkaraa fi jeequmsaatti jijjiiraa jirti jechuun himatte.

Doonaald Tiraamp ta'ii tibba kanaa ilaalchisee yaada miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodeen Iraan bilisummaa barbaadaa jirti, tarii isa akka amma duraa miti. US kana gargaaruuf qophiidha!!''

Mormiin Iraanitti gaggeeffamu kun torban lama dura magaalaa guddoo Tehraan keessatti eegale. Sababni ijoon ammoo diinadeen walqabatee jireenyi hammaachuudha.

Sana booda mormiin kun gara magaalota 100 oliitti babal'ate. Mormii kana keessa namootni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, kaanis madaa'aniiru. Hedduunis hidhamaniiru. BBC Perzhiyaan daa'imman jaha dadbalatee eenyummaa namoota 26 ajjeeffaman mirkaneeffateera.

Miseensonni qaamolee nageenyaas ajjeefamanaiiru. Gareen mirgaaf falmu tokko lakkoofsi isaanii 14 akka gahu gabaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC Peerzhiyaa Jimaata galgala magaalaa Raast jedhamtu keessatti reeffi namoota 70 hospitaala Poorsiinaa jedhamutti geeffamuu mirkaneesseera. Kutaan reeffaa waan guuteef bakka biraa geeffame. Anga'oonni, maatiin reeffasaa akka awwaallatuuf hayyama argachuuf maallaqa biyyattii riyaala biliyoona torba ykn gara $7,000 gaafatan jedhu maddeen hospitaalaa.

BBC dabalatee miidiyaalee biyyoota alaa Iraan keessa wanta deemu seenanii akka hin gabaasne dhorkamaniiru. Biyyattii keessa erga Kamisaatii intarneetni haala guutummaan guutuu jedhamuun cufameera. Kunis odeeffannoo argachuufi mirkaneeffachuu dhibaa taasiseera.

hojjetaan hospitaala Tehraan tokko haala jiru ''baayyee rifaasisaa'' jechuun ibseera. Namootni madaa'anii dhufan heddummachuusaaniirraa kan ka'e waldhaansa barbaachisuun argachaa hin jiran jedha.

''Namootni 38 ta'an du'aniiru. Harki caalu kutaa ciisaa waldhaansa atattamaa erga gahaniiti...kallattiin adda dargaggootaatti dhukaafame, lapheerras rukutaman. Hedduun isaaniimmoo hospitaala osoo hin gahiin du'an.

Lakkoofsisaa guddaa waan ta'eef kutaa reeffaa iddoon hin jiru. Reeffi walirra kaahameera.

Akka hojjetaan hospitaalaa kun jedhutti warri du'aniifi madaa'an hedduun dargaggoota. ''Umriinsaanii 2025 ta'a'' jedha.

Hakiimni biraan hospitaala Kashaan kan gidduugala biyyattiitti argamu yaada BBCf kenneen namoonni ijjisaaniirasaasaan rukutame jiraachuu hime.

''Lakkoofsi namoota miidhamanii fi du'anii baayyee guddaadha. Nama tokko kan ijjisaa rukutame arageera. Rasaasni mataa duubaan bahe.

BBCn ragaa viidiyoofi sagalee hospitaala Shiraaz jedhamurraa argateen Kamisa darbe hospitaalichatti madoofi reeffi hedduun dhufus humna hospitaalichaa ol ta'eera.

Poolisiin Iraan gama isaan Tehraan keessatti guyyaa Jimaataa galgala mormii gageeffameen namni ajjeefame hin jiru, inumaa gamoowwan 26tti ibiddi qabsiifameera, mancaatii guddaanis gaheera jedhe.