Al-Bashir fonqolcha mootummaan raawwachuun mirkanoofnaan du'aan adabamuu danda'u

Madda suuraa, AFP
Dhaddachi Pirezedaantii duraanii Sudaan Omar al- Bashiir irratti dhiyaatan, magaala gudditti Sudaan Kaartuum keessatti eegaleera.
Himannaan irratti dhiyaatees fonqolchaa waraanaa bara 1989 tti aangootti isaan fide irrattidha.
Malaammaltummaan yakkamaa ta’aani kan jiran pirezedantiin waggaa 30’f Sudaaniin bulchan kun, himannaa fonqolchaa kanaan yakkamaa ta’anii yoo argaman murtee du’aan adabamuu danda’u.
Anga’oonni duraanii 20 ol ta’anis himatamanii dhaddacha kanarratti argamaniiru.
Omar al- Bashiir bara 2019’tti hiriira dimokiraasii deeggaruun ji’ootaaf ba’ameen booda aangoorra kaafameera.
Warraaqsi uummataa dhuma 2018 keessa cunqursaa mormuun eegalame boodarra waamicha bulchiinsi Pirezedaant al-Bashiir haa dhaabbatu jedhutti geeddarameera.
Ebla 11, 2019 irratti waraanni biyyattii al-Bashir aangoorra ka’uusaafi to’annoo jala oolusaa beeksise.
Mootummaan ce’umsaa waloo anga’oota waraanaa olaanoo fi uummata nagaa of keessaa qabu boodarra Hagayyaa keessa ijaarameera.
Dabalataanis Omaar al-Bashir Mana Murtii Yakkaa Idil-Adduunyaatti (ICC) yakka waraanaafi duguggaa sanyii Lixa Daarfuuriin himatamee jira.
Guraandhala keessa anga’oonni Sudaan hoogganaa duranii kana dabarsanii ICC’tti kennuuf qophaa’oo ta’uu isaanii ibsanii turan.
Mana murtiitti maaltu ta’e?
Omaar al-Bashiiri fi pirezedaantoota itti-aanoo duraanii Alii Osmaan Taahaafi Bakrii Hasan Saaleeh dabalatee anga’ootni olaanoo bulchiinsa isaa tajaajilaa turan mana murtiitti adda baafamanii kaa’amuu isaani AFP gabaaseera.
“Manni murtii shakkamtoota 28 hunda dhageeffachuun carraa qulqullummaa isaanii ittin mirkaneeffatan ni kennaf,” jechuun pirezedantiin mana murtiichaa Isaam al-Din Mohaammad Ibraahim dubbachuun gabaafameera.
Dabalataanis abukaatoota Bashiir 150 keessaa tokko kan ta’e Hasheem al-Gaalii, maamilli isaafi shakkamtooti biroo ‘dhaddachaa siyaasaa bakka hokkora qabuutti’ irratti gaggeefamaa jira jechuun mana murtiitti dubbateera.
Bara 1989tti maaltu uumame?
Omaar al-Bashiir kan aangoo qabate mootummaa minisitira Muummee Saadek al- Mahdii kan karaa filannoo dimokraatawaan aangoorra ture Waxabajjii 30 irratti waraanaa fayyadamuun angoorraa fonqolchuun ture.
Angaa’ota mootummaa isaa tajaajilaa turan waliin al-Bashiir irratti himannaan dhiyaate fonqolcha karoorsuun waraanni hooggantoota siyaasaa hidhuun, paarlaamaa addaan kutuun, buufata xiyyaaraa cufuufi fonqolcha isaa raadiyoo irratti beeksisuunidha.













