'Mucaan ni boossi, ani harma hoosisuu hin danda'u,' Obboleettii Caaltuu Taakkalaa

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Caaltuu.
Kanaan duras waggoota dheeraaf mana hidhaa kan turte Caaltuu Taakkalaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan booda magaalaa Finfinnee keessaa qabamuu maatiin BBCtti himaniiru.
Kaleessa Mana Murtii Jalqabaa Federaalaa Araadaatti kan dhiyaatte Caaltuun poolisiin ajjeechaa Haacaaluun booda akka hookkarri ka’uufi ‘Shaneen’ waraana akka jalqabuuf ajaja kennite jedhee shakkee akka qabe mana murtiitti himuu abukaatoon ishee Dr. Tokkummaa Dhaabaa himaniiru.
Caaltuun ani haadha daa’imaati, humna koo isa kamiinan kana raawwachuu danda’a jettee mana murtii keessatti akka bosses himan Dr. Tokkummaan.
Caaltuun namoota kaan irraa adda baafamuun hidhamtee akka jirtus abukaatoon ishee himanii, manni murtii namoota kaanitti dabalamuun akka hidhamtee turtu ajajes jedhan.
Addatti ajjeechaa Haacaaluu waliin wal qabsiisee waanan qoradhun qabaafi qofaatti tursiise jechuun poolisiin mana murtiitti akka himes dubbataniiru.
Guyyaa qorannoo dabalataa poolisiin irratti gaafateef manni murtii guyyoota saddet eeyyamuun gaafa Adoolessa 28 bara 2020 akka dhiyaattu ajajus himaniiru.
Akkamiin to’annoo jala oolte?
Poolisiin Federaalaa baay’atanii halkan sa’a sadiitti mana jireenyaa obboleettii ishee keessaa akka qabanii deeman obboleettiin ishee Dannoo Taakkalaa BBCtti himteetti.
‘’Qofaa mucaa ishee waliin waan jiraattuuf poolisoonni mana namaa irra deemanii reebu jechuu dhageenyee akka ana bira dhuftu goone.
Ana bira dhuftee guyyaa sadiin booda halkan dhufanii mucaa irraa fuudhanii deeman. Nama tokko qofa qabuuf kan dhufan hin fakkaatan. Mucaan ni boossi. Ani harma hoosisuu hin danda’u,’’ Daannoo Taakkalaa obboleettii Caaltuu.
Daannoo Taakkalaa halkanuma fuudhanii deeman jettee eessa akka geessanis waan hin barreef ergasii bakkatti hidhamte baruuf barbaadaa akka turan himteetti.
Booda mana hidhaa poolisii magaalaa Finfinnee 3ffaa jedhamu keessatti akka argatan himte.
Ani harma hoosisuu hin danda’u
Daa’imni Caaltuu Taakkalaa waggaa tokko akka hin guutne maatiin himu. Guyyaa qabamtes teessee mucaa ‘ishee harma hoosisaa nyaata hojjetaafii osoo jirtuu tahuu himan.
Amma Caaltuun kan hidhamtee jirtu Buufata Poolisii Magaalaa Finfinnee 3ffaa jedhamu keessatti yeroo tahu obboleettiin ishee Garjii naanno jedhamuu daa’ima baattee bahuun yeroo hundaa mana hidhaa kana geessitee harma hoosiftee akka deebitu himti.
‘’Yeroo koroonaavaayirasii kana keessa mucaa baadheen guyyaa guyyaatti mana hidhaa geessa. Garjii mana jireenyakootii ka’een Piyaasaa bakka manni hidhaa jiru gahuuf guyyaatti geejibaaf baasi guddaan baasa. Ofii koo harma hoosisuus tahe mucaa guddisuuf muuxannoo hin qabu. Fayyaanis, dinagdeenis baay’ee miidhamneerra,’’ jette Daannoo Taakkalaa.
Yeroo dheeraaf dararaa fi rakkina maatii irra gahaa ture irraa kan ka’e anis, haati koos obboleessikoos mataa nu dhukkubaa jira,’’ jette Daannoo Taakkalaa.
Mootummaan duraan balleesite jedhe hidhee adaba ishee xumurtee baateetti. Amma waan tokko uumamnaan dhufanii qabanii deemu. Sababa isheettis ollaanuu nu baqataa jira kan jettu Daannoon kan ammaa kanaan marsaa 6ffaaf hidhamaa jiraachuu ishee himti.
Kan jalqabaa waggaa 12 itti murtaa’ee waggoota saddetii fi guyyaa 45 hidhamtee gadhiifamte. Boodas daa’ima ishee ammaa kana ulfa taatee hidhamtee ture. Dabalataan daa’ima ishee irraa hidhamuun kun kan 2ffaati.
Aminestii Internaashinaal mootummaan Itoophiyaa Caaltuu Taakkalaa dabalatee namoota siyaasaa kaanis hidhaa akka jiru yeroo isheen kanaan dura daa’ima ishee irraa hidhamte eeruun gabaasee ture.













