Caaltuu Taakkalaa guyyoota afur mana hidhaa turtee har'a gadhiifamte

Caaltuu Taakkalaa daa'ima ishee ji'a jahaa irraa hidhamtee guyyoota afur booda gadhiifamte.

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Caaltuu.

Ibsa waa'ee suuraa, Caaltuu Taakkalaa daa'ima ishee ji'a jahaa irraa hidhamtee guyyoota afur booda gadhiifamte.

Caaltuu Taakkalaa daa'ima ji'a jahaa irraa qabamtee hidhamte, hidhaa guyaa afuriin booda har'a gadhiifamteetti.

Dilbata darbe halkan gara barii sa'a 10 keessa humni waraanaa poolisii federaalaa, kora bittinneessaa Oromiyaa fi kaan waliin tahuun mooraa keenya cabsanii seenuun barrii mana keenyaa rukutaa turan jette.

Harmeenkoo eenyudha? jettee yommuu gaafattu 'Caaltuu barbaadna, Caaltuu koottu bahi, si barbaanna naan jedhan' jette.

Yeroo kana haatikooo akkamitti mucaa fudhattee deemti qorra kanaan jennaan poolisoonni kaan walumaan haa deemtu jedhan. Isaanuma keessaa namni biraan tokko mucaa achitti haa fidan jennaan anaan fudhatanii deeman jette.

Halkanuma sana qofuma koo gara qajeelcha poolisii godinaa na geessanii booda erga bari'ee gara qajeelcha poolisii magaalaatti na geessan jette.

Caaltuun kanaan dura yeroo hidhamte barii lafaa ture kan qabamte. Ammas sa'aatii wal fakkaataa osoo lafti hin bari'iin qabamuun kee maaliifi? Icciitii akkamiitu duuba jira? kan jedhuuf Caaltuun inni kanaan duraa gaarii ture.

Amma garuu halkan keessa yeroo namni rafu sa'aa 10 keessa tahuun isaa nama gaddisiisa jette.

Kaayyoon isaa nama shororkeessuu yoo tahe malee sababni addaa waan jiru miti jette.

Maaliin shakkamte?

Hidhamuu ishee kanaaf humna shanee bosona jiru waliin hariiroo qabda jedhaniiti kan na hidhan jette Caaltuun.

Garuu ani shanee waan hin beekneef naaf ibsaan jedhe. Isaanis shaneen humna hidhatee bosona jiru naan jedhan. Ani garuu waan jedhan kana akka hin beekneen hime jette.

''Ani ABOdha. ABO godina kanaan hoggana. Shanee waliin ammoo hidhata hin qabu. Kanumaan isaaniis kanuma qulqulleeffachuuf si qabne ni si gadhiisna jedhan,'' jette Caaltuun.

Kanumaan har'a gadhiifamtee maatii isheetti dabalamteetti. Haa tahu malee mana hidhaan keessatti hidhame keessa namoota baay'eetu maqaa 'shanee' jedhu kanaan hidhamee jira jette.

Dargaggootni shan naannoo Wallagga Lixaa aanaa Beegii tahan magaalaa Shaambuutti hidhamanii akka jiran dubbatti.

Isaan daldaltoota tahuu himuun maatiin isaaniis eessatti akka hidhamii jiran waan hin beekneef namni isaan gaafataa jiru akka hin jirre himte.

Filannoo irratti ni dorgomtaa?

Caaltuun filannoo kana irratti akka dorgomtu himuun kanuma waan beekaniif na dararaa jiru jette. Gama biraan ammoo waajjirri isaanii yeroo hundaa humna waraanaan eegamaa oola jechuun komatti.

Kanaan duras namootaaf leenji kenninee yeroo miseensotni galmaa'uu jalqaban dhiibbaa nurratti gochaa turan jedhan.

Hamma lubbuun jirrutti itti fufnee hojjenna jechuun ibsite.

''Hamma diinakee yoo barte dubbiin si hin rakkistu''

Caaltuun daa'ima ishee irraa hidhamuu ishee yoo ibsitu ''ani hamma diinakoo waanan beekuuf homaa natti hin ulfaanne'' jette. ''Mootummaa kana jalatti haadhaaf ilmoo adda baasuu miti, haadhaaf ilmoo wal biratti akka ajjeesan waanan beekuuf hedduu natti hin ulfaanne,'' jette.

Daa'ima koo waliin kan rakkachaa turte haadhakooti jette Caaltuun. Filannoo ara kanaaf akka dorgomtus himuun kutannee waan itti galleef ittuma fufna jette.