Aminestii Internaashinaal: 'Mootummaan Itoophiyaa deeggartoota paartilee mormituu jumlaan hidhaa jira'

Madda suuraa, Aminestii Internaashinal
Dhaabbanni Aminestii Internaashinaal mootummaan Itoophiyaa deeggartoota ABO 75 ol Oromiyaa bakka garaagaraatii qabuun hidhuu isaa mirkaneesseera jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa garaagarummaa yaadaa siyaasa keessatti mul'atu ibsachuu irratti danqaa uumuu mala yaaddoo jedhu kan agarsiisu gabaasni kun, hidhaan akkkasii kun filannoo waliigalaa bara 2020 gaggeeffamuf yaaddoo guddaa uumuus danda'a jedha.
Hidhaan jumlaan gaggeeffamu kun mirga yaada ofii walabaan ibsachuufi waldaan gurmaa'uuf namootni qaban irratti dhiibbaa guddaa kan uumu tahuu Daarikterri Aminestii Internashinaalaa Baha Afrikaafi Afrikaa Kibbaa, Depiroosee Mucheenaa himan. Kun ammoo filannoo bara kanaa yaaddoo keessa galcha jedheera.
Namoota hidhaman keessaa tokko Caaltuu Taakkalaati. Mana jireenyaa maatii ishee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu jiru keessaa kaleessa gara barii qabamtee hidhamuu ishee eera gabasni dhaabbata kanaa.
Caaltuun kanaan duras waggoota 8 ol hidhamtee bara darbe ture kan hidhaatii baate.
Harmeen Caaltuu Aadde Askaaleen BBCtti akka himanitti ''maaliif akka qabaniif waanan beeku hin qabu.
Garuu halkan keessaa'sa'a 10:00tti mana nutti reeban. Ishee fudhatanii deeman. Ani mucaan harkaa fudhadhe.
Garuu Yoo ajjeesan jedhee faana deemuuf kaanaan of irraa na deebisan. Sa'aatii 12:00tti buufata poolisii magaalaa deemnaan achi jirti'' jedhan.
Aadde Askaaleen bakki Caaltuun mana hidhaa keessatti ciistu sun ''namaaf mitii sareef'' hin tahu jedhan. Kanaaf daa'ima ji'a jahaa kana guyyaatti si'a sadii mana hidhaatti deddeebisuun akka harma hoosisan himan.
Daa'imni kun harma haadhaan ala nyaata biraa akka hin jalqabne himanii halkanis dugdatti baadheen mana keessa deemaa bula jedhan.
Rakkoo inni guddaan ammoo akkuma meeshaatti callisanii kaa'u malee himata irratti hin banan jedhan. Hamma yoomiittaan anis achitti dedeebi'a kan jedhus sammuukoo na miidheera jedhan.

Madda suuraa, ONN
Kanaan dura magaalaa Shaambuutti waajjira ABO bananii hoijjechuu erga jalqabaii irratti cufamus booda eeyyamameefii dorgomus hojjechuus dandeessu jedhamnaan biiroo kireeffataniihojii jalaqabaniiru jedhan Aadde Askaaleen.
Caaltuun miseensa ABO kan mootummaan Itoophiyaa 'shororkeessa' jechaa tureeti jedhamuun erga bara 2008-20016 hidhamtee booda gadhiifamtee ture. Bara 2018 paarlaamaan Itoophiyaa ABO fi paartilee kaan galmee shororkeesitoota jalaa haqe.
Caaltuun erga bara 2016 gadhiifamtee irra deebiin bara 2017 fi bara 2019 keessas irra deebiin hidhamuun gadhiifamteetti.
Hidhaan tibbana gaggeeffamaa jiru ammoo filannoo bara kanaaf yaaddoodha kan jedhu Aminestii Internaashinaal, poolisii fi humni waraanaa Itoophiyaa leenjii haaromsaa jechuun namoota baay'ee kaampii waraanaa keessa tursuun gadhiisaa akka turan gaabsni kun ni hima.














