Mootummaa: Miseensa jaarmiyaa siyaasaa sababa ta'eef 'kan hidhame hin jiru'

Caaltuu Taakalaa Abeetu

Madda suuraa, Chaltu Takele/FB

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Caaltuun yeroo dhihoo eegalee magaalaa Shaambuutti dura teessuu ABO ta'un hojjetaa turte jedhu maatiin

Bakkeewwan adda addaa naannoo Oromiyaa keessumaa Godinaalee Wallagga Arfan keessatti namoonni hidhamaa jiraachuu jiraattonni BBC'tti himan.

Kanneen hidhaman keessaa kanaan dura hidhaa turani kan bahan keessa jiru.

Obbo Geetaachoo Tarfaa jiraataa aanaa Begii yoo tahan kaleessa raayyaa ittisa biyyaan daandii irraa qabamuun hidhamuu isaanii haati warraa isaanii Aadde Almaaz Bantii BBCti himaniiru.

Aadde Almaaz akka jedhanitti abbaan warraa isaanii dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa waan dhukkubsataniif nyaatallee nyaachuu rakkatu.

Kanaaf kaleessa qoricha fidaafi jennaan qoricha geessineerraaf jechuun kaleessa deemanii arguu isaanii dubbatu.

Hanga ammaattis himanni irratti banamee mana murtiitti akka hin dhiyaannee ibsaniiru.

Dabalataan Aadde Caaltuu Taakkalaa kanaan dura waggoota 10 oliif mana hidhaa turtee erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii as dhiifamaan gadhiifamtee turte irra deebiin gaafa Kibxataa galgala to'annoo jala ooluushee maatiin himaniiru.

"Mooraa keessatti nutti marsanii dirree waraanaa fakkeessanii qabanii amma to'annaa jala jirti. Kan to'annaa jala ishee oolche ammoo raayyaa ittisa biyyaati," jechuun harmeen ishee Aadde Askaalee Abdii BBC'tti dubbatan.

Maatiin kun sababa namoonni kuni hidhamaniif akka hin beekne dubbatu. Ta'us, ''Waanuma ABO taateef natti fakkaata. Yoggaan ilaalu garuu balleessaa biraa hinqabdu. Ofiifuu waggaa meeqa siqaayii argaa baate,'' jedhan.

Akka Aadde Askaaleen jedhanitti intala isaanii Caaltuu qofaa osoo hin taane namoonni magaalaa Shaambuu irraa hidhaman hedduudha.

Caaltuun erga gara Shaambuu deemtee ji'aa ol akka ta'e himanii achitti itti-gaafatamtuu Adda Bilisummaa Oromoo taatee waajjirri banamee hojjechaa turte.

"Torban lamaan darbe irraa eegalee erga Komaand postiin gara magaalaa kanaa dhufee irraa eegaltee garuu biiroo hin banne. Erga isaan dhufanii dhukaasa bananii manaayyu baatee hin beektu. Kaleessa garuu dhufanii qabatan."

Magaalota akka Naqamtee, Gimbiifi Dambidolloo keessaas namoonni garaagaraa hidhamaa akka jiran jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaan durfamullee ibsa gaafa Wiixataa baaseen miseensonni isaanii hidhamaa jiraachuu eera.

Haata'u malee, namoonni to'annoo jala oolfaman shakkamaniiti jechuun Hogganaa Itti-aanaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafaa BBC'tti himaniiru.

"Kan hidhaman yakkaan shakkamaniiti malee miseensummaa ABO ykn jaarmiyaalee siyaasaa ta'aniif miti. Abbaa Gadaas ta'an hoogganaa dhaaba siyaasaa kamiiyyu ta'an kan to'annaa jala oolan yakkaan shakkamaniiti," jedhu.

Isa mana murtiitti dhihaachuu dhabuu maatiin namoonni jalaa hidhaman gaafataniifis Obbo Dheeressaan ''akka mana murtiitti dhiyeessanitti yaadna, ta'uu baannaan ammoo ni qoranna,'' jedhan.

Rakkoon nageenyaa Lixa Oromiyaatti mul'ate tasgabbaa'aa jiraachuu Itaamaajor Shuumiin Humnooti Waraanaa Waliigalaa Itoophiyaa Birhaanuu Juulaa gaafa Kibxataa gabaasa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti dhiheessaniin ibsaniiru.

"Humna naannootiin ol waan taheef humni ittisa biyyaa galeera. Ummata hin rukutnu. Ummataafi isaan waliiti maknee hin rukutnu. Ummata of faana hiriirsuun isaaniin adda baasuun yeroo qofaatti bahan tarkaanfii fudhanna."

Janaraal Birhaanu Juulaan ''bara jireenya kootti haleellaan gara jabinaa ummata irratti raawwate Wallaggatti malee argee hinbeeku,'' jechuun hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo bakkasitti socho'anitu kana raawwate jedhani dubbataniiru.

Mootummaan ABO'n waraana isaa hiikkachiisuu dhiisuudhaan nageenyi ummataa boora'eera jechuun komataa ture. ABO'n ammoo waraanni keenya rakkoo uume hin qabu mootummaatu waraana nurratti labsee jechuun komata.