Qondaalonni waraanaafi tika Ertiraa olaanoo daawwannaa hojiif Sudaan galan

Qondaaltoota waraanaa olaannoo

Madda suuraa, @hawelti

Qondaaltonni olaanoo Humna Waraanaafi Tika Ertiraa gara Sudaaniitti imaluun aanga'oota mootummaa biyyattii waliin marii taasisaa jiraachuun himame.

Jilli Humna Waraanaafi Tikaa Ertiraa ajajaa humna waraan biyyattii kan ta'an Itaamaajoor Shuum Jeneraal Filiphoos Waldayohaannisiin durfame jeneraalota sadarkaalee ajaja waraanaa adda addaa irratti argaman kan of keessaa qabudha.

Gareen jila kanaas ergaa pirezidaantii biyyattii Isaayaas Afawarii irraa ergame dura ta'aa mana maree mootummaa ce'umsaa Sudaan fi ajajjaa waraanaa kan ta'an Leetanaant Jeneraal Abdul Fattaah Al- Buryaan Abdul Raahimaaniif dhiyeessuu isaanii bakka bu'aan oduun Sudaan gabaaseera.

Ergaan pirezidaantichaas walta'insa biyyoota lamaanii gama damee loltummaatiin jiru caalaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta'uun himameera.

Ergaa pirezidaant Isaayaas dura taa'aa mana maree Sudaaniif kan dhiyeessan Jeneraal Filiphoos Waldayohaannis yoo ta'an, sirnicharrattis Ambaasaadara Eritraa Kaartuumiitti argaman dabalatee qondaaltoonni tikaafi waraana Suudaan olaannoon argamuu tajaajilli oduu kun gabaaseera.

Dura Ta'aan Mootummaa Ce'umsaa Al-Buryaan akka jedhaniitti, aanga'oonni waraanaa biyyoota lamaanii fedhii ummatasaanii guutuudhaaf jecha walitti dhufeenyasaanii gama loltuummaafi gama tikaatiin qaban cimsuuf carraawwan gaarii jiran hundatti fayyadamuu qabu jedhan.

Kana malees, jilli Jeneraal Filiphoos Ajajaa Waraana Sudaan Itaamaajoor Shuum Meejar Jeneraal Mohaammad Osmaan Al-Huseen, akkasumas itti-gaafatamaa waajira tikaa waliin marii taasisuun isaanii ibsameera.

Qondaaltoonni olaanoon waraana Ertiraa kunneenis daawwannaa hojii guyyootaaf taasisuuf gara Sudaan imalan kunneen dhimma loltummaafi nageenya biyyoota lamaanii irratti akka mari'atan himamuurraa kan hafe, ibsi dhimmoota marii gadi-fageenyaan hin ibsamne.

Daangaan Ertiraafi Sudaan jidduuu jiru erga cufamee kan yeroo dheeraa lakkoofsiisee yoo ta'u, ta'ulleen walitti dhufeenya biyyoota lamaanii irratti hanga ammaatti rakkoo cimaan dhagahame hin jiru.

Dhiheenya kanas Pirezidaantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii gara Sudaanitti imaluun daawwannaa guyyoota muraasaa kan taasisanii turan yoo ta'u, aanga'oota Sudaan waliinis marii taasisuun isaanii ni yaadatama.