Shamarran diimachuuf gogaa ofii soofuun dirqama itti ta'e

Madda suuraa, Karishma Leckraz/Anusha/Sabrina Manku
Addunyaa dubartoonni 'miidhagoo akka ta'an qofa barbaadamu keessatti' of miidhagsuudhaaf haarsaan hin kaffalamne hin jiru. 'Miidhagina yaadanii miidhama hin yaadan' mammaaksi jedhullee kanuma akkasii kana jajjabeesa.
Ofii miidhagina jechuun maal? Miidhaginni ilaalcha hawaasa keessatti uumamedhaa?
Miidhaginna barbaachuun maaliif dhimma du'aafi jireenyaa ta'a? gaaffileen jedhaman kunneen yeroo hedduu naaf hin galu.
Dur biyya Chaayinaa keessatti miilli dubartootaa xiqqoo ta'uun akka miidhaginaatti ilaalama ture.
Kanarraa ka'uunis yeroo tokko tokko akka miilli isaanii dacha'u ykn cabuuf dirqisiifamu ture jedhama.
Akka bara durii Chaayinaatti ta'u sanatti dirqamaan miilla gabaabsuun jiraachuu baatullee, addunyaa har'a keessa jirru kana keessattis beeksisawwan, fiilmiiwwaniifi muuziqaawwan gara garaa bifa adda addaatiin dhiibbaa itti taasisan qabu.
Lafee cinaachaa hanga baasisuu gahuurraa kaasee, hidhii, harmaafi kutaa qaama ofii gara garaa irratti baqaqasanii wal'aanuun kan jijjiiran hedduudha.
Ilaalchi miidhaginaa loogii bifa koorinayaa qofaa osoo hin taane, sanyummaa waliinillee haalaan akka walitti hidhannaa qabu jechuun warri qeeqan jiru.
Bifti gogaa namaa adiin hunda caala ilaalcha jedhuun namoonni hedduun gogaa ofii addeeffachuuf dibatawwan fuula isaanii miidhaa cimaa irraan gahu fayyadamu.
Omishaaleen dibataafi miidhaginaa addunyaa kanarratti industirii guddaa maallaqni dolaarri biliyoonaan keessa socho'u ta'eera.
Haala kamiiniyyu taanaan fuula isaanii addeeffachuu/diimeffachuu warreen wal'aansoo qaban hedduudha.
"Guyyaa guyyaan yeroon qaamaakoo dhiqadhutti gur'aachinakoo gadhiisisuuf jecha gogaakoon ofirraa soofa ture," jetti Kariishimaa Lekiraaz.
Hawaasani ishees miidhagduudha akka ittiin jedhaniif aarsaa hedduus kaffalteetti. Gogaa ofii hanga soofuu irraa kaastee dibatawwan gogaa fuula namaa addeessan fayyadamuu umurii waggaa 13 yeroo jirturraa eegalte.
"Osoon gogaa adii qabaadhee akka waanan miidhagduu ta'eetti natti dhaga'a ture," jetti.
"Namoonni baayyeen qaamnikoo qimixa akkan ta'e natti himu. Haata'u malee, kan nama qaanessu ammoo gogaankoo gur'aachadha," jetti shamarreen umuriin ganna 27 Kaariishamaan gaaffiifi deebii BBC Waan waliin taasifte irratti.

Madda suuraa, Karishma Leckraz
Akka gogaan ishee addaatuuf akka dibata jalqabdu kan taasise ammoo maatii ishee turan. Gur'aachomuun maatii ishee birattis fudhatama waan hin qabneef akka addaattuuf ykn iftuu taatuuf kan isaan hin yaaliin hin turre.
"Aadaa keenya keessatti ilaalchi akkasii kan hundee gadi fageeffatedha. Namni tokko miidhagaa/miidhagduu kan jedham/tu yoo gogaa adii qabaatedha," jetti.
Kaariishamaan adaakoodha kan jettuufi namni gogaan isaa yoo adii ta'u bakki olaanaan kennamuuf ilaalcha Eeshiyaa Kibbaa keessatti baay'ee baramaa ta'edha.
Dhaabbanni dibatawwan gogaa namaa adeessan omishuun beekamu ' Fair and Lovely' kan jedhamu Yuuniiliivariin omishamudha.
Erga lammii gur'aacha Ameerikaa Joorji Filooyid poolisiin adiin mormarra ejjetee ajjeeseen booda mormii uumameefi mariiwwan taasifamaniin dhaabbanni guddichi meeshaalee miidhaginaa omishuun beekamu Yuuniiliivar maqaafi yaadawwan beeksisaa akka jijjiiruuf dirqameera.
Dhaabbatichi jechoota akka "addaachuufi ifuu" jedhan gabaa Esshiyaafi Afrikaa keessa jiran keessatti akka hin fayyadamne waadaa seeneera.
Marsariitiin Eeshiyaatti argamu namoota wal fuudhan walitti fiduun beekamu 'Shadii' jedhamus jechoota "addaachuufi ifuu" jedhaman fayyadamuu dhiiseera.
"Aduu keessa baay'ee hin taa'in"
Akkuma Kaarishiinaa Sabiriinaa Maankumis waa'ee gur'aachinashee wanta gaarii hin taane maatiisheerraa dhaga'aa guddatte.
"Ijoollee ta'ee aduutti hin bahiin ni gurraachoftaa naan jedhu ture," jetti shamarreen umuriin ganna 23 Sabiriinaan yeroo maatiihsee yaadattu. Jechu kun afaan Punjaabin jedhamuun yeroo ibsamutti keessumaa hiika badaa kan qabuufi, "kan hamilee namaa cabsudha," jechuun ibsiti.

Madda suuraa, Sabrina Manku
Akka dibata gogaa ishee iftuu taasisu fayyadamtu kan taasisanis yeroo umuriin ishee waggaa 10 ture yoo ta'u, osoo addaan hin kutiin waggoota saddetiif fayyadamteetti.
Ilaalchi bifa gogaa kun maatii keessatti qofaa osoo hin taane hawaasa keessattillee dhiibbaa guddaa akka qabu dubbatti Sabiriinaan.
Shamarreen maqaan ishee Anuushaa jedhamtu ammoo yeroo mana barumsaa jirtutti yaada hiriyyoonni ishee bifa gogaasheeratti itti dubbachaa turan miirashee akka miidhe ibsiti. Kanarraa ka'uunis, waggaadhaa gara waggaatti ilaalchi isheen ofiif qabdu baay'ee gadi bu'aa akka dhufe dubbatti.
"Yeroo baay'ee namoota bifti gogaa isaaii adii ta'e waliinan dorgommii hin taane keessa gala.
Mana barumsaa keessatti shamarran bebbeekamoo ta'anii bakki gaariin kennamuuf sababiin biraa jiraannaan osoo hin taane bifa gogaa isaaniirraan kan ka'e qofaan ture.
Warri adii ykn gogaan isaanii ifaa ta'e bakka ol-aanaa ta'etu kennamaaf," jetti.
Haalli kun dhiibbaa guddaa kan irratti uume Annushaan hiriyyootashee waliinillee suura ka'uu kakattee dhabde. Hanga tokkos of jibbuu jalqabde.
"Suura irratti ani gurrraacha'ee argamuu hin barbaadu," jechuun miira itti dhaga'ame ibsiti.
Eeshiyaa Kibbaatti sababii bifa gogaatiif sadarkaatu namaaf baha
Bifa godaa irratti hundaa'uudhaan hawaasa tokko keessatti sadrkaa namaaf baasuun Eeshiyaa Kibbaa keessatti baramaadha. Sirni hacuuccaa bifa gogaa irratti hundaa'u kun 'Colourism' jedhama.
Ol-aantummaan bifa gogaa namaa bu'uura godhate sirna gita bittaa (koloneeffachuu) waliin haalaan walitti akka hidhata qabus warreen qoratan ragaa ni bahu.
"Bifati gogaa isaanii adii kan ta'e warri Ingilizii warra Indootaa koloneeffataniiru," jedhu qorataan loogii sanyummaa Eeshiyaa Kibbaa Dr. Riitumubiraa Maanuvee.
"Haalli kun ammoo hawaasni bifti gogaa isaa ifaa ta'e ol-aanaadha miirri jiru akka uumamuuf ka'umsa ta'eera," jedhu qorataan kun.
Kun ammoo biyya Indiyaa keessatti namoonni hawaasa tokko keessatti bifa gogaa isaatiin akka sadarkaan bahuuf taasifameera jedhu.
Namoonni bifti gogaa isaanii gurraacha ta'e sadarkaan gadi aanaa dhumaa kan kennamuuf yoo ta'u isaaniin tuquunillee akka waan ceeraafi fokkuu ta'etti ilaalama.
"Hariiroo hawaasaafi caasaa ummata Indiyaa keessatti namoonni bakki ol-aanaan kennamuuf warra bifti gogaa isaanii adii ykn ifaa ta'edha. Gaa'ela keessattis ulaagaalee barbaachisoo ta'an keessaa bifti mushirroo adii ykn iftuu kan taatedha," jechuun haala jiru ibsu.
Kun ammoo dibatawwan gogaan namaa akka addaatu ykn ifu taasisan biyya Indiyaa har'aa keessatti bifa karaa dhaabbataa ta'een fudhatama akka qabaatan taasiseera. Aadaa jiru keessattis namoonni bifa gogaa adii ykn ifaa ta'e qaban akka bakki ol-aanaan kennamuuf taasiseera.
"Dhabbileen yeroo durii turan yoo ilaallu fakkeenyaaf, bifti gogaa isaanii kan bakki kennamuuf hin turre," jedhu qorataan kun.

Madda suuraa, Sabrina Manku
"Namoota bebbeekamoon fakkeenya godhadhe"
Sabiriinaan akka bofa gogaa ofii akka addeeffattu ykn iftuu tatu kan ishee taasise dhiibbaa maatii isheetii qofa hin turre. Dhiibbaa cimaa kan isheerratti taasie biraan taatota industirii fiilmii beekamaa Indiyaa Booliiwuud warra gaggeessanidha jetti.
"Taatoowwan bebbeekamoo wanta godhan hunda nan hordofa. Kanaaf, isaaniin fakkeenya godhadheera," jetti.
Taatoowwan Booliwuud omishaaleen bifa gogaa addeessan ykn ifaa taasisan beeksisan kan baayyee qeeqan jiru.
"Warro bifti gogaa keenyaa gurracha'e omishaaleen kanneen yoo fayyadamne akka jijjiirama fiduuf caalaa ifnu amanneerra. Sababiin isaa ammoo namoonni bebbeekamoon jedhaniirukaa," jechuun ibsiti.
Beeksisawwan tokko tokko dubartii bifti goga ishee gurraacha ta'e dhiirri ishee hawwachuu dhiisnaan yeroo omishaaleen kana fayyadamteen booda bifti ishee dhiirota hawwatu agarsiisu.
Haalli bifa gogaa addeessuu dhiibbaa beeksisaa qofaa irratti hin dhaabbatu.
"Fiilmiiwwan keessattis namoonni bifti gogaa isaanii adii ykn ifoo ta'an caalaa akka mimmiidhagoo ta'anitti ilaalamu. Anis akka namoota warran TV irratti argee sana ta'uun barbaada jechuun ibsiti Sabiriinaan.
"Ammallee dibata bifa gogaa addeessan nan fayyadama"
Karishiimaafi Sabiriinaan dhiibbaa maddee omishaaleen bifa goga addeessan qaban hubachuun fayyadamuu isaa dhaabaniiru. Miidhaa dibata bifa gogaa addeessan jedhamanii kanaaf qofa osoo hin taane bifti gogaa isaan uumamaan qaban ykn gur'aachinni kennaa isaanii waan ta'eef itti gammadanii fudhataniiru.
Anuushaan garuu isaaniin addadha.
Jalqaba dhiibaa maatiifi hawaasarraan kan ka'een dibatawan bifa gogaa namaa addeessan fayyadamuu jalqabdus yeroo ammaa kana garuu sababii biraatiif akka fayyadamaa jirtu himti.

Madda suuraa, Anusha
"Namoonni omishaalee akka bifti gogaa addaatan gargaaran fayyadaman hunduu caalaa addaachuuf ykn ifuuf miti. Omishaaleen kunneen akka gogaan hin daalachoofne dhorkuudhaan fuulli bifa haarawaa akka qabaatu taasisu," jetti.
Anuushaan 'meekaappii' fayyadamuufillee omishaaleen kunneen mijatoo akka ta'an ibsiti.
Haata'u malee, omishaaleen kanneen osoo yeroo ijoollummaasheetti akka fayyadamtu hin taasifamne taatee har'a mil'attee akka hin ilaalle dubbatti.
Dhiibbaan maatin ishee ykn hawaasni ishee irratti uume akkasumaan salphaatti kan ishee dhiise hin taane.
Yeroo dhiyoo kana keessa mariin dhimmoota bifa gogaa namaa irratti hundaa'uun hawaasa keessatti sadarkaa namaaf baasuufi omishaaleen bifa gogaa addeessuuf gargaaran irratti mariiwwan jiraachuu dubbatti Kariishimaan.
"Maatiiwwan waliinis karaa idaafi sirrii ta'een dubbachuu jalqabneerra," jette.
Guutummaa addunyaarratti dhaabbanni meeshaalee miidhaginaa omishuufi dhiyeessuun beekamu akka Yuuniiliivar,= omisha isaa "Fair and Lovely" jedhurratti beeksisa isaa jijjiirulleen kun Sabiriinaaf gahaa miti.
"Maqaa omishaaleen kanneen jijjiiruun omishaaleen kanneen gabaa keessaa hin baasu. Omishaaleen kanneenidha kan dhabamsiifamuu qaban," jetti.
Kariishimaan, " osoon ijoollummaakootti kanan deebiyuu danda'u ta'ee, ijoollummaakootti akkas jechuunan dubbadhan ture. Dibatwwan akkasi bifa gogaa addeessan hin fayyadamiin ittinaan jedha ture. Kana fayyadamuu dhaabi nan ittiin jedha ture," jetti.
"Bifti gogaa kee miidhaginan ittiin jedha ture. Gurraachinni kee waan uumamaan namaaf kennamuufi barbaachisaa ta'e 'Melaaniin' jedhamuuf agarsiiftuu akka ta'en ibsaaf ture," jechuun yaada ishee goolabdi.


















