Miidhagina: Oomishawwan miidhaginaa sobaa keessatti qabiyyeen summaawoo argaman

Oomishawwan miidhaginaa sobaa

Madda suuraa, Local Government Association

Meerkurii dabalatee qabiyyeewwan summaawoo tahan oomishawwan miidhaginaaf tajaajilan keessatti waan argameef fayyadamtoonni of eeggannoo akka taasisan jedhame.

Gamtaan Angooti Naannoo Igiliiz oomishawwan miidhaginaa sobaa paawundii kuma dhibba baasuu danda'an gabaarra akka jiran bira gaheera.

Oomishawwan kunneen ''fayyaa irratti dhiibbaa fiduu,'' akkasumas daldala oomishtootaa ni miidhuu, fayyadamtootas ni dogoggorsu jedhameera.

Oomishooti kunneen maqaafi bifa beekamoo kanneen akka Maal, Shineeliifi Beneefiit qabataniitu bahan.

Qabiyyeen oomishoota kanaa gogaa irratti miidhaa fidus jedhameera.

Kana malees ''sirna bullaa'insa soorataa, somba, kalee, ijaafi dhukkuba ofirraa ittisuu irrattillee miidhaa geessisu jedhameera.

Qabiyyeen haayidirookuhinoon jedhamuufi gogaa addeessus baayinaan keessattii argamee jira.

Itti gaafatamaan gamtichaa Saayiman Bilaakbarn '' Oomishaalee miidhagianaa bituun dura of eeggannoo gochuun barbaachisaa. Eenyu gabaatti akka baases ilaaluufi gatiinsaa isa barameen gaditti yoo taheefis sirriitti hubachuun barbaachisaadha'' jedhaniiru.