Qoricha sobaa gurguruun namoonni torba Beeninitti hidhaan adabaman

Madda suuraa, AFP
Mannii murtii Beeniin hooggantoota olaanoo dhaabbilee qoricha oomishan torba himata dawaa fakkeessaa gurguruutiin hidhaan adabe.
Dhimmi kunis yaalii qorichoota sobaa Lixa Afrikaa keessaa balleessuuf taasifamuuf fakkeenya ta'a.
Dawaaleen kan sobaati kan jedhaman qabiyyee barbaadamu yoo dhaban yookaan kan qabaachuu qabaniin gaditti yoo oomishamanidha. Saamsa isa sirriin wal-fakkaatu keessa kaa'amuunis gurgurtaan isaanii ni raawwatama.
Namoonni torba kunneenis dawaalee gosa hunda gara biyyaatti fiduun kan guguraa turan yoo ta'u - qorichoota dhukkubbii hir'isan, qoricha busaa akkasumas kaan Beeniiniif naannoo isaatti raabsaa turani.
Adabbiin hidhaa waggoota afurii fi qarshii doolaara 190,000 itti murtaa'eera. Namoonni kan biroo lama ammoo hidhaa ji'oota jahaan adabamaniiru.









